Ka'umsi Illuminaatii eessa? Dhuguma dhoksaan addunyaa to'ataa jiruu?

Madda suuraa, Julie Ovgaard
Donaald Tiraamp garee warra Illuminaatii jedhaman keessa jiruu?
Jeeziin hoo? Biyoonsee? Oppiraa?
Pireezidaantii duraanii Ameerikaa Baaraak Obaamaa hanga sirbitoota idileetti garee illuminaatii jedhamu keessa jiru jedhamuun hamatamu.
Gareen icciitii illuminaatii jedhamu namoota jajjaboo fi aangoo qabeessa tahan of keessaa qaba jedhama.
Jarreen kunimmoo caasaa bulmaataa addunyaa haaraa fiduu barbaaduu jedhamuun maqaan isaanii ka'a.
Waa’ee illuminaatii dhageessanii hin beektan yoo tahellee mallattoowwan isaaniin bakka bu’u jedhaman keessaa tokko agartaniittu taha.
Mallattoo roga-shanee urjii fakkaattu, fakkii ija tokkoo kan waan hunda argituufi nootii baankii Ameerikaarra jirtu fa'i.
Itoophiyaa keessatti immoo lakkoofsi 666 Macaafa Qulquluu keessatti eerame akka mallattoo illuminaatii tokkootti yoo himamu ni dhageenya.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Yeroo kaaniis mallattoowwan ciicachiisan yookiin shakkisiisan viidiyoo muuziqaa keessattillee ni dabaalamu.
Fakkeenyaaf, viidiyoo sirba Rihaanaa S AND M jedhu keessatti gaazexaan sobaa viidiyicha keessaa mul'atu ‘Giiftii Illuminaatii’ jechuun mata duree yoo ishee taasisu ni argina.
Weellisaan beekamaa lammii Naayijeeriyaa Reemaa jedhamu jala bultii waggaa haaraa Itoophiyaa bara kanaa irratti sagantaa muuziqaa dhiyeessuuf ture jalaa haqameera.
Kunis sababa bataskaanni Ortodooksii Itoophiyaa weellisaan kuni gochoota faallaa amantii Kiristaanaa raawwata jechuun ibsa baasteen booda dha.
Ibsa bataskaanaan boodas tahe dura miidiyaa hawaasa irratti weellisaan kuni miseensa garee illuminaatii akka tahe odeeffamaa ture.
Haatahu malee, namoonni beekamoo fi aangoo qabeessa tahan kunneen maaliif dhimma kana ifatti hin dubbatan? Maaliif kana keessaa harka hin qabnu hin jedhan?
Gaazexeessaafi barreessaa Deeviid Biraamweel Biriitish dhimma kanarratti yaada kennaniiru.
''Akkan ani yaadutti deebiinsaa salphaa dha. Taa’anii ittiin bashannanu, ittiin basha’u. Oduun kuni isaaniif madda bohaartii dha.''
Oduu shiraa bara 1966tti xaxame yaadachuun dubbatu. Innis akkas jedha: Weellisaan Biriitish Pool Maak’aanii kan baandii beekamaa The Beatles jedhamuuf weellisu sirbasaa waraabee yeroo manatti deebi’u karaatti balaa konkolaataan du’e.
Sana booda DJ bifaan isa fakkaatuufi sagaleesaa akkeessuu barate tokkoon bakka buufame jedha oduun shira sun.
''Pool gaaf tokkollee achii as bahee oduun kun soba dha jedhee hin waakkanne. Hinuma callise,'' jedhan.
Akkan ani yaadutti, innis akkuma Rihaanaa fi Biyoonseefaa jette jettee kanaan bohaaraa ture.
Warri Illuminaatii eenyu?
Jarri waa'een isaanii haala kanaan odeeffamu warri illuminaatii jedhaman kun eenyu isaan?
Hayyoota addunyaarra gaaddiddeessuun bulchuufi fi to’achuu barbaadanidhaa?
Achi dhuftee illuminaatii ibsuun dura conspiracy theory(odeessa shiraa ykn xaxaan shiraa) maal akka tahe hubachuun barbaachisaa dha.
''Yaad rimeen odeessa shiraa taateewwan addunyaa gargaraa garee namoota muraasa aangoo guddaa qabaniin icciitiidhaan shira hamminaa xaxamu dha jedha,'' jechuun kan ibsan Dr Joovaan Baayifoord, barsiisaa xiinsammuu The Open University irraati.
Beekumsi qabatamaa hanga yoonaa jiru akka agarsiisutti warri illuminaatii kunis akkasuma hawaasa icciitii, bulchiinsa walabaa Jarman Biveerii jedhamtu keessa jiraatantu jaarraa 18ffaa keessa hundeesse.
Hawaasni icciitii warra Biveeriyaanii kuni warra falfaltuu, warra amantii fi aangoo mootummaa mormaa ture dha.
Kitaaba qajeelfamaayyuu qopheessanii ture. Kitaabichi akkas jedha:
''Ajajichi kunoo yeroo warra shira xaxuun loogii daldalanii goolabuuf dhufeera. Otoo isaan hin cunqursiin isaan to’anna.''
Gareen Biveeriiyaanii kun dhumarratti dhageettii dhabaa dhufe. Garee illuminaatii isa ammayyaa waliinis hidhata hin qabu.
Odeessi shiraa yeroo ammayyaa waa'ee illuminaatii dhageenyu kuni warraaqsa warra Diskoordiyaan jedhamurraa dhufe.
Diskoordiyaanizimiin bara 1965tti jalqabe jedhama.Waajira abukaatoo dhimma yakkaa, Teeksaas jiru keessatti.
Hiriyyoonni mana barnootaa, Gireeg Hiil fi Keerii Toornlii maashinii footoo kooppii waajirichaa fayydamuun qajeelfamoota yayyabaa Diskoordiyaanii jedhan baay’inaan maxxansan.
Kitaabichi,''hanguma nagaan barbaachisu hokkorri yookiin jeequmsi ni barbaachisaa,'' jedha.
Haaluma kanaan Diskoordiiyaanizimiin kunis hordoftoota horachuu jalqabe. Jaalleewwan lameenis maayii koo jedhaniit oduu sobaa fi jette jettee facaasuu itti fufan.
Ergamni isaanii kuni inumaayyuu lammiilee Ameerikaa lama barreessaa Roobert Antoon Wilsanii fi Robart Shiyaa jedhamaniin ittuu babal’ate.
Wiilsan baruullee bohaartii dhiirotaa qullaa dubartootaa agarsiisuun gulaalaa tahuun hojjeta ture.
Jarreen lameen kuni ''kaanee asoosama barreessina'' jedhan, asoosama kanas shiraa fi xaxaa jajjabaa itti daballa jechuunis koratan jedha barreessaa Deeviid.
Maqaasaa 'Illuuminaatas' jedhaniin. Hojii isaaniin suga guddaa argachuun jildii sadiinis walitti fufinsaan maxxansan.
Waa’ee illuminaatii kanaa beekaadhuma ololaa fi oduu sobaa facaasuun ittiin of bohaarsuu yaadan.
Karoora isaanii kanas miidiyaa idileettii xalayaa barreessuun hojiirra oolchuu jalqaban jechuun ibsa Deeviid.
Barruullee beekamaa bashannanaa dinqisiifattoota namoota beekamootin qophaa’uttis barreessan, kana malees baruullee bohaartii isaaniirrattis baasan.
Dubbistooti maqaan of hin himanne illuminaatii waan jedhu qabatamaan hin jiru isaaniin jechuu jalqaban. Dhimmi kuni dubbii hin mirkanoofne tahuunsaa badaa waan yaaddessu hin turre isaaniif.
Akka Deeviid jedhutti, ''ijoo dubbii kan ture namoonni waa’ee illuminaatii kanaa hafarsaa odeessuu isaaniiti.''
Ati akka dubbisaa tokkootti waa’ee isaanii gaaffii akka gaafattu dha kan barbaadamu, dhugumaan, qabatamaan jarri kun jiruuyii? Akka jettu dha fedhiin isaanii jedha.
Oduun mirkana hin qabne kun biyya waliin gahee, ni babal’ate.
Kitaabni Robart fa’i icciitii guddaa bara sanaa, Pireezidantii Ameerikaa yeroosii Joon F Keneedii eenyu ajjeese hibboo jedhuuf illuminaatii dha deebii jedhu kenne.
Yaadoti shiraa, kitaaba sana keessatti xaxaman. Yaada yookiin nuuressa namoota kunneeniin kan kalaqaman haa tahaniyyuu malee jedha Deeviid, ''akka amanamaniif jecha dhugaa fi ragaa gahaa taheen deeggaramaniiru.''

Madda suuraa, Getty Images
Kanneen keessaa garuu dubbiin adda jedhame, hundeessaan warra illuuminaatii Biveeriyaanii Adaam Weespowu pireezidantii Ameerikaa Joorji Waashingitan ajjeeseet eenyummaasaatti of fakkeessee Ameerikaa bulchaa isa jedhu ture.
Warreen yaada shiraa kanatti amanan suuraan nootii doolaara Ameerikaa abbaa tokkoorra jirullee kan Adaam akka tahetti himu.
Kitaabni jara lameen kanaa abbaa jildii sadii gabaa idileerratti beekamtii hin argatiin iyyuu malee, Liivarpuul keessatti tiyaatira dheeraa sa’aatii sadeet fixutti geeddaramuun qophaa’ee baayyee jaalatamee ture jedha Deeviid.
Barteen baruullee maxxansaa bara torbaatamoota keessa ture addunyaa yeroo ammaa akka malee walitti hidhaterraa boodatti kan hafe fakkaata.
Haa tahu malee jette jetteen dubbii illuminaatii ammallee miidiyaa hawaasaa fi marsariitiiwwan 4chan fi Reddit jedhaman irratti ni tamsa’a.
Waltajjiiwwan kanarrttis namooti itti amanan yaada shiraa isa deeggaraniifi jaalatan filachuun akka jiru mirkaneesssuuf ragaa dhiyeessu.
Dubbii keenya yoo goolabnu, warra garee illuminaatii jedhamanitti amantanis amanuu baattanis qareeyyiin nutti gaaddisddeessaa icciitiidhaan waa xaxan jedhaman irratti ragaan waliigalaa hanga ammaa jiru kana.












