Tibbana Itoophiyaatti ijoo dubbii kan ta'e weellisaan Naayijeeriyaa Reemaan eenyu?

Weellisaa Naajeeriyaa beekamaa

Madda suuraa, Getty Images

Weellisaan lammii Naayijeeriyaaa Reemaa jedhamu jala bultii bara haaraa Itoophiyaatti Finfinnee, Hoteela Sharaatanitti hojiilee muuziqaasaa akka dhiyeessu oduun erga dhagahamee booda Itoophiyaatti mataduree ijoo ta’eera.

Maqaansaa guutun Divaayin Ikoobor kan jedhamu weellisaan kun, akkaatan uffanaasaas ta’ee wantoonni viidiyoosaarratti mul’atan waan Kiristaanummaa fakkaatu miti jechuun komiin irratti dhiyaataa ture.

Kanarraa ka’uun warreen qophii muuziqaa kana qopheessan saganticha akka haqaniifi namoonnis qophicharratti akka hin hirmaanneef tattaaffin godhamaa ture.

Bataskaanni Ortodoksii Itoophiyaa amantoonni gochaa akkasiirraa of-qusachuun ji’a Qaammee kana garaa qajeelaafi soomaan akka dabarsaniif waamicha dhiyeessiteetti.

Hoji-gaggeessaa Waliigalaa Mana Lubummaa waldattii kan ta’an Abuna Abrahaam ibsa ALItti Hagayya 29, 2015 kennaniin, yeroo ayyaanni waggaa gahu “bifa duudhaaleefi barsiisa bataskaanittiitin adda ta’een qaamoleen garaa garaa sochiin isaan waamicha sirbaa taasisan fudhatama kan hin qabneedha,” jechuun amantoonni bataskaanittii gochaa akkasiirraa akka of-qusataniif waamicha dhiyeessan.

Akeekkachiisa kana hordofuunis aartistoota qophicharratti muuziqaasaanii dhiyeessuuf waliigaltee mallatteessanii turan keessaa tokko kan taatee Artist Kukkuu Sabisibee ‘‘waamicha batasakaana keenyaa hordoofe’’ hojii muuziiqaa dhiyeessuuf ture haqeera jette.

Akkasumas, ispoonsara qophichaa kan ture Kokaa-Kollaanis deeggarsa ispoonsarummaa isaa haquu beeksiise. Dhaabbanni Coca-Cola Beverage Africa-Ethiopia’ jedhamuun beekamus, deeggarsa ‘‘ispoonsarishiippii koo sababii garaagaraatiif jecha haquuf dirqameera’’ jedheera.

Jala bulti bara haaraa Itoophiyaa sababeeffachuun qophii muuziqaa qophaa’eerratti hojiisaanii akka dhiyyeessan kanneen himaman keessaa tokko kan ta’e artiistii Lij Miikaa’eel hirmaannaa isaa akka dhaabuuf waamichi miidiyaa hawaasaarratti dhiyaataaf jira

Reemaan eenyuudha?

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Weelliisaa Reemaan konsartii muuziqaa bara haaraa Itoophiyaa irratti qophaa’erratti muuziiqaa isaa akka dhiyeessu erga himameen booda akka haqamuuf dhiibbaan irratti kan cime lammii Naajeeriyaati.

Maqaa masoo Reemaa jedhamuun kan beekamu wallee Diivaayiin Ikooboor bara 2000tti Naayijeeriyaatti kan dhalate.

Muuziqaan Reemaa ‘Iron Man’ jedhamuun beekamus bara 2019tti muuziiqaawwan tarree muuziiqaa jalatamoo Pirezidantii duraanii Ameerikaa Baaraak Obaamaa keessatti erga hammatameen booda dhaggeeffattoota baayyee argateera.

Muuziiqaan isa kan biraa addunyaarratti haalaan jaalatameef ‘Calm Down’ muuziiqaa Naayijeeriyaa YouTube irratti dhaggeeffattoota oolaanaa argate ta’uun galmaa’eera.

Muuziqaa kanas namoonni miiliyoona 355 ol ta’an YouTube gubbaatti dhaggeeffataniiru.

Kanaan dura riikardii qabatee kan ture muuziiqaa Sikeey kan namoonni miiliyoona 354 dhaggeeffatan ‘Laav Niwaantiing’ kan jedhu ture.

Muuziqaan walliisaa kanaa baayyee jaalatamaa ta’e ‘Calm Down’ erga walliiftuu lammii Ameerikaa kan taate Saleenaa Goomeez waliin sirbaniin booda, muziqichi dhaggeeffattoota hedduu argate.

Muuziqichis tarree biilboordii sirboota gaarii keessaa sadarkaa sadaffaarratti argamu isaatiin alatti, Ameerikaatti riikardii sirboota Afiroobiits torbannoota 52’f tokkoffaan dursaa tureera.

weellisaa Naajeeriya abeekamaa, Reemaa

Madda suuraa, Getty Images

Barjaaleen konsarticha beeksisuuf magaala Finfinnee keessatti maxxanfaman tatars’anii mul’atu.

Reemaan kan dhalate kutaa bulchiinsa Naajeeriyaa Edoo jedhamu keessatti yoo ta’u, barataa sadarkaa lamaffaa ta’ee wayita jiru sirbaafi raappiin beekama ture.

Muuziqaas kan jalqabe mana barumsaatti.

Bara 2018 keessa sirba weellisaa Naajeeriyaa Diipiriins ‘Guuchii Gaang’ sirbaa fuula Instagraama isaarratti erga gadhiiseen booda weellisichi gara Leegositti isa fudhateera.

‘Rikkardiin Diipiriins Joonzing Woorlid’ jedhamus isa mallatteessiseera.

Wagga tokko booda albamii maqaa isaatiin moga’e ‘Reemaa’ jedhamu gadhiise. Kanaanis Appil Muusik Naajeeriyaatti tokkoffaa ta’eera.

Bara 2020 sirboonni Reemaa FIFAtti gaamiiwwan viidiyoo 21 dabaaluuf muuziqaawwan hojiirra oolan keessatti makamaniiru.

Bara 2021 Reemaan muuziqaawwan isaa ‘Afirooreev’ jechuun waamuu jalqabe.

Kunis muuziqaan Afiroobiits muuziqaa Arabaafi Indiyaa waliin kan ittiin walitti makamudha. Dinqisiifattoonni isaas maqaa masoo ‘Raaver’ jedhuun waamu.

Bara 2022 Landanitti konsartii dhiyeessaa osoo jiruu muuzqaawwan isaa marsariitii irratti guutummaa addunyaarratti daawwattoota biliyoona tokkoo ol argachuu isaatin badhaasni kennameeraaf.

Muuziqaawwan isaa bara 2020 ba’an ‘Reev and Roozis’ jedhamanitti makaman keessaa kurnan isaanii tarree Biilboordii Ameerikaa Afiroobiits keessatti makamaniiru.

Bara 2020 BET Awards irratti nama muuziqaa idil-addunyaa ta’uun kaadhimameera. Bara 2023 Leegoositti badhaasa Dijiitaal Artistii wagga kanaa argateera.

Sirbi isaa ‘Calm Down’ jedhamu dorgommii Naajeeriyaa Z Eedis jedhamurratti badhaasa weellisaa waggaa kanaa akka argamtu isa taasiseera.

Sirba kanaan weellisaan kun Galmee Dinqisiisoo Addunyaarratti galmaa’eera.