Aalbamni Abbush Zallaqaa haaraan maaliif 'dhorkame'?

Albama weellisaa Abbush Zallaqaa

Madda suuraa, Abush Zeleke (Facebook)

Weellisaa beekamaa Abbush Zallaqaa aalbamni isaa haaraan gabaaf dhiyaatee qaamolee nageenyaan dhorkamuu himate.

Weellisaa Abbush yaada gabaabaa BBC'f kenneen ''kaleessa silaa kan raabsamu. Ijoollee qopheessinee ture akka isheen baatee gurgurtu, Siidii sun qabatanii deemanii, poolisiin ammoo hin gurgurtan jedheen'' jedheera.

Weellisaa Abbuush gurgurtaa aalbama isaa kanaaf ijoolleen bobbaase bakka wal jijiiranii akka hojjetan yaalus ''hin taane. Ofirraa dhiifneerra amma'' jedhe.

Aalbamni haaraan weellisaa Abbush mata duree amaariffaa ''Indaabbaate Iwedishaalew''(Akka abbaakoo sin jalaadha) jedhu kan mogga'eef yeroo ta'u, aalbamichi weelluuwwan 15 of keessaa akka qabu dubbateera.

Weellisaan sirba aadaa Booranaan gara beekamtiitti dhufeefi ambaasaaddar aadaa Booranaa sadarkaa ta'utti dhufe, erga yeroo dhiyoo as qabiiyyeewwaniifi yaadota falmisiisaa dubbatuun dubbii ijoo ta'aa dhufeera.

Weellisaa Abbush magaalaa Finfinnee keessatti Poolisiin gurgurtaa aalbama isaa dhorkuu malee warra kam ykn buufata kamitti akka ta'an hin eerre.

Sababa dhorkaniifis ''homaa nutti hin himnee'' jedheera.

''Waan akkasiif dhorkine hin jenne, deemaa asii gurguruu hin dandeessan jedhaniin.''

Qabiyyeen albama isaa tarii dhimma siyaasaa waan qabuuf dhorkame jedhee amana yoo ta'e gaaffii dhiyaateef hunduu sirboota san bitatee faraduu qabaa yaada jedhu kenneera.

Dhimma dhorkamuu gurgurtaa albama weellisaa Abbusha irratti yaada kan kenne Komishiniin Poolisii magaalaa Finfinnee Komiin dhiyaate hin jiruu jedheera.

Dubbii Himaan Komishinii Poolisii Magaalaa Finfinnee Komaandara I/aanaa Maarqos Taaddasa, dhimma gurgurtaan dhowwame jedhun walqabatee komiin nubira dhihaate hin jiru jechuun BBC'tti himan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

''Gabaasni nu bira gahe hin jiru. Hanga ammaa komiin dhiyaate hin jiru. Ammoo sadarkaa dhaabbataatti akkamiin gurgurtaan aalbamaa nama dhuunfaa dhorkama'' jedhan Komaandara I/aanaa Maarqos.

Itti dabaluunis Hojiin gabaaf dhiyaate yakka yoo ta'e yakkaan ilaalama jedhaniiru.

Ammoo qaamni dhorkamuu komatus qaama akkanaan dhorkaan narra gaheera jedhee komiin dhiyaachuu qaba jedhan.

''Buufata Poolisiitu dhorkes yoo ta'e miidhamaan dhufee iyyachuu qaba. Kanaaf namni dhufee, qaamni komate hin jiru. Silaa hanga ammaa nu qaqqaba ture.''

Wiixata kaleessaa magaalaa Finfinnee keessatti aalbamni isaa dhorkamuu Kibxata har'aa fuula miidiyaa hawaasaa isaa gubbaattis kan beeksise weellisaa Abbush, ''kunis ta’u jaalalli biyya koofi ummatichaaf qabu hin hir’isu'' jechuun dhaameera.

Weellisaa Abbush guyyoota afur dura aalbamni isaa hojjetamee gadhiifamuu viidiyoo gabaabaan wayita beeksisu, ''Lammiile Itoophiyaa guutuu addunyaarra jirataniif aalbamicha miidiyaale hawaasaa hunda irratti ni argattu, akka jaalattan abdiin qaba'' jedhe.

Dhaamsa afaan Amaaraan dhaame kanaan, biyya Keessatti ammoo siidiin qophaayee akka gurgurtaaf dhiyaatu hime. Dhuma irrattis ''Itoophiyaan barabaraan haa jiraattu'' jedhe.

Weellisaa Abbush amma dura sirboota Afaan Oromoon beekama. Ta'us, walleewwan Afaan Amaaraa yoo baasu kuni kan duraa miti.

Aalbama isaa haaraa keessatti waayee Itoophiyummaa, tukkummaa biyyaa fi Adawaa fa'a kan weellise yeroo ta'u sirboota jaalalaa baayyees keessaa qaba.

Weellisaa Abbush amma dura weelluuwwan afaan Oromoo akka Jaaljiloo, Muude fi kaan hedduun aadaa Booranaa Oromoofi Addunyaatti muuziqaan agarsiise.