Suuraalee Afrikaa filatamoo torban kanaa keessaa

Shamarroota naannoo Tigraay Ashandaa irratti kaafaman
Ibsa waa'ee suuraa, Naannoo Tigraayiitti shamarraniifi dubartoonni waggaa sadiin booda yeroo jalqabaatiif Ashandaa haala ho'aan kabajanii dabarsan. Shamarran lama sirnicharratti suura kafaman.
Atileetii Keeniyaa dorgommiichaan booda meediyaaliyaa warqee argatte

Madda suuraa, HANNAH PETERS/GETTY IMAGES

Ibsa waa'ee suuraa, Lammiin Keeniyaa Feez Kipiyeegoon Shaampiyoonshippii Atileetiksii Addunyaa irratti dorgommii meetira 1,500n Kibxata tureen injifachuun meedaaliyaa warqee biraa argatte.
Wayita atileetoonni Itoophiyaa dorgommii meetira 10,000 injiirataniitti

Madda suuraa, ALEKSANDRA SZMIGIEL/REUTERS

Ibsa waa'ee suuraa, Dorgommii fiigicha fageenya meetira 10,000 dubartootaa kan Sambata darbe gaggeeffameen atileetoonni Itoophiyaa tokkoo hanga sadii bahuudhaan seenaa hojjatan. Siifan Hasan kan Dachiif dorgomtu ammoo erga dhumatti dhiyaatteen booda kuftee xiqqoof meedaaliyaa dhabde.
Islaam Silimaanii

Madda suuraa, ALBARI ROSA/AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Taphataan kubbaa miilaa lammii Aljeeriyaa Islaam Silimaanii kilabii isaa haaraa keessatti dinqisiifattootasaa wayita nagaa gaafateetti.
Ministira Dhimma Alaa Raashiyaa

Madda suuraa, JACOLINE SCHOONEES/REUTERS

Ibsa waa'ee suuraa, Afrikaan Kibbaa Kibxata darbe dureewwan biyyoota addunyaa walgahii BRICS'f gara sana dhaqan shubbisa aadaatiin simachuun kabaja keessumootaaf qabdu haala addaatiin mul'ifte. Isaan kunis Ministira Dhimma Alaa Raashiyaa Sargee Laavroov wayita Johaansbarg yeroo qaqabaniitti simannaa taasifameefiidha.
Shubbisaa Musaa Motaa

Madda suuraa, OUPA BOPAPE/GETTY IMAGES

Ibsa waa'ee suuraa, Shubbisaa Musaa Motaa, kan yeroo daa'ima jirutti milliisaa miidhaan irraa murame, guyyaa Samabataa osoo dhiheenya Johaansbargiitti agarsiisa shubbisaa hojjataa jiruu suuraa kaafame.
Namoota dukkana keessaa waa barreessaa jiran

Madda suuraa, KB MPOFU/REUTERS

Ibsa waa'ee suuraa, Zimbaabwee ibsaarratti yeroo dhihoo keessatti wayi jijjirama agartii laata? Qondaaltoonni filannoo guyyaa Roobii akkasiin kurraaziidhaan bu'aa filannoo lakkaa'aa turan.
Miseensoota hawaasa Masaayi

Madda suuraa, LUIS TATO/AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Qeerroowwan Maasaay kan Keeniyaa keessaa haaluma qaama qophii sirna qeerrummaarraa gara gaheessaatti ce'umsa taasifamuuf qophaa'ee kan guyyaa Jimaataatiin wayita maanguddoo marsanii mul'ataniitti.
Tumaa harkaa

Madda suuraa, ROGER ANIS/GETTY IMAGES

Ibsa waa'ee suuraa, Masrii keessatti hordoftoonni amantaa Kiristaanaa Kooptiikii, feesitivaala waldaa Dubree Maariyaamiitti Dironkaa keessatti qophaa'eerratti namoonni harkasaaniirratti fannoo tumachuun agarsiisan.