Muuxannoo waggaa 30 lafatti balleessuurra damee komedii ittiin olkaasuun fedha- Artist Olii Naggaa

Artist Olii Naggaa waggoota soddoma dura hojii komedii eegale, amma yaadannoo sanaaf sagantaa qopheessaa jira

Artist Olii Naggaa namoota Afaan Oromootiin qoosaa hojjechuun jalqabarra jiran keessaa tokko yoo ta'u, yeroo dheeraaf hojii komedii keessatti hin mul'atin tureera.

Artistiin kun hiriyaasaa waggaa torbaan dura du'aan addunyaa kanarraa boqotan Admaasuu Birhaanuu (Abbaa Lataa) waliin ta'uun qoosaawwan bashannansiisoo fi barsiisoo ta'an hojjetaa ture.

Taphoota gaggabaaboo hedduu hojjetaniinis qophiin Dhangaa akka qalbii hawaasaa keessa seenu gochuu keessatti qooda isaanii gumaachaniiru.

Artistiin kun qoosaa yookiin komedii karaa tapha gaggabaaboo dabarsuun cinaatti bifa walleetiinis ni hojjeta.

Artist Oliin waggaa 30 dura hojii kana eegaluu hima. Amma hojiisaa kunneen beeksisuufi fuulduratti bifa haaraan hojii komedii eegaluuf sagantaa ka'umsa isaaf ta'u qopheessee jira.

Waa'ee sagantaa kanaafi bu'aa ba'ii keessa darbe irratti gaaffii fi deebii BBC Afaan Oromoo waliin taasiseera. Itti dhihaadhaa!

Sarara boora

BBC: Olii, hojii qoosaa yookiin komedii kana akkamiin eegalte, damee aartii keessaa maaliif kanarra gorte?

Artist Olii: Dandeettiiman uumamaan qabuudha. An nama boossisee yookiin gaddisiisee hin beeku. Kofalsiisuu malee. Kennaaman qabun barumsaan gabbifadhe. Mana barumsaatti dandeettii koo gabbifadheen gara miidiyaatti dhufe.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

BBC: Jalqaba yeroo komedii nama kofalsiisu eegalte namni akkamiin si simate? Sitti ammoo miira akkamiitu sitti dhagahame?

Artist Olii: Yeroo jalqabaaf waltajjiirratti kanin ba’e mana barumsaatti, baadiyyaa keessatti. Diraamaa gabaabduu barsiisaan keenya nuuf qopheesse ture. Namni harka naaf rukunnaan baayyeen gammade, waan akkasii argee waanan hin beekneef. Isa booda Iluu Abbaa Booraa bakkan itti dhaladhee guddadhe Aanaa Cooraatti wayita pirojektariidhaan fiilmii agarsiisan anis ilaaleen guyyaa tokko akkas ta’uun qaban jedhe.

BBC: Haala jiruu fi jireenya uummata Itoophiyaa yoo ilaaltu hojiin qoosaa kun kan nama milkeessu jettee yaaddaa?

Artist Olii: Hojiiwwan jiran keessaa nama kofalsiisuun ni cima. Nama rakkoo adda addaa keessa jiru, nama siyaasaan sammuun qabame kolalsiisuun salphaa miti. Nama isa keessaa ba’e, isa keessa jiruu fi isammoo itti galu yaada. Kanaaf nama kofalsiisuuf hojii baayyeetu sirraa eegama. Rakkoo fi dhiphuusaa irraanfachiistee miira namaa booji’uu gaafata.

Wanti namni barbaadu ammoo achuma keessa jira, kolfaaf qofa osoo hin taane ergaas ni dabarsina waan ta’eef. Aadaa, seenaa, siyaasa waan hundatu keessa jira qabiyyee nuti hojjennu keessa.

Haala Kanaan gaafa bakki yaada isaa tuqamtu hunduu harka nuuf rukutee ba’a. Galata rabbi hanga yoonaa uummati keenya nutti mufatee waltajjiirratti nu gatee deemee hin beeku.

BBC: Mata duree nama kofalchiisuu fi miira namaa hawwatu akkamiin filatta? Mata duree akkamiirratti hojjechuu jaallatta?

Artist Olii: Dhimma saba keenya ilaallatu irratti hojjenna. Saba keessa jiraannu keessaati mata durees kan filannu. Jiruu fi jireenya saba keenyaa, waa’ee rakkinaa fi bal’inasaa akkasumas jireenyasaa akkamiin akka fooyyeffatu irratti xiyyeeffanna.

Bara akka ammaa miidiyaan hin babal’anne, bara dukkanaa sana keessa tokkummaa cimsuu leellisaa ture. Humna tokkummaan qabu bifa qoosaan barsiisaa turre. Yennaa ilaaltu komediidha, garuu ergaansaa cimaadha. Namni keenya siyaasa, diinagdee, barnootasaa akka fooyyeffatu, namni hin baranne, kna hin hojjenne, kan tokko hin taane, kan wal hin dhageenye akka bakka hin geenye barsiisaa turre.

BBC: Artistiin yeroo waltajjiirraa bu’u yookiin yeroo hojiisaa xumuratee ba’u akkuma nama kaanii hawaasa waliin jiraata, ati wayita hawaasa keessa deemtus ta’u waltajjii yeroo hijjettu, dimshaashumatti hojii aartii komedii keessatti mudannoo qabdaa?

Artist Olii: Manaa ba’ee hamman mana ga’utti bakkan deemu hundatti waan hedduutu na mudata. Karaarratti, kaaffee keessatti, geejjiba keessatti mudannoo hedduun qaba. Ijoolleedhaa hanga maanguddootaatti namni hundi gara koo ilaala. Isa kolfee nama kofalsiisu sana naan jedhu. Kaan naaf sirbi, gariin nuuf kolfi jedha. Namoonni hedduun ammoo yerooma na argan caalisanii kolfu.

BBC: Oliin erga hojiidhaan dhihaatee bubbuleera siin jedhu jaallattoonni kee, eessatti badde?

Artist Olii: Waltajjiirraa kanan badeef inni ijoon akka durii sanatti miidiyaan ofii na hin hijjechiisu. Bakkeetti hojjettee geessuuf ammoo humna gaafata. Hojii vcd dhaan hojjennee gabaatti dhiheessaa turre. Sun yeroo ammaa hin hojjetu. Gama YouTube’n qabiyyee keenya dhiheessuufis innis pirodaakshinii waan gaafatuuf baasii guddaa barbaada.

Haala siyaasa-diinagdeen walqabatee burjaajiin jirus waltajjiirraa nama balleessa. Darbee darbee hojii ji’a hedduu itti dhamaane hojjennu osoo hin agarsiisin yeroo hafnufaatu jira. Kanafaatu duubatti na harkise.

BBC: Duraan hojii hedduu Artist Admaasuu (Abbaa Lataa ) walin hojjetaa turtan, hariiroon keessan hojii keessattis ta’e hojiin alatti akkam ture? Erga artistiin kun boqotee as atis baddeetta, isa of biraa dhabuun dhiibbaa akkamii sitti uume?

Artist Olii: Hojii keessatti hiriyaan waan salphaa miti. Hiriyaa koo Artist Abbaa Lataa of biraa dhabuun na miidheera. Waliin eegalle, waljajjabeessaa turre. Har’a of biraa dhabu hojichayyuu na jibbisiise. Waggaa 20 ol waliin hojjenne. ALI bara 1985 hanga 2008 inni addunyaa kanarraa boqotutti walin hojjenne. Waggaa 20 mitii waggaa lama waliin hojjechuunuu ni cima. Sababa waldandeenyuuf waliin turre. Ergaan nuti hojii keenyaan dabarsinus tokko kana. Bu’aan waldanda’uu kana.

Olii Naggaa fi Abbaan Lataa waggaa 20 oliif waliin hojjetan

Madda suuraa, SM

BBC: Qophii 'Dhangaa' akkaan jaallatamaa ta’e irratti taphoota gaggabaaboo bifa qoosaan dhiheessaa turtan. Dhangaan maaliif akkas jaallatame? Amma sagantaan kun hin jiru, ati akka nama keessa tureetti akkamiin yaadatta?

Artist Olii: Bakkan hojii koo itti jalqabe waan ta’eef akkaan na marara. Dhangaama mataasaa akka obboleessaa, akka daa’ima keenyaatti ilaalla ture. Godinaalee Oromiyaa hunda keessaa walitti dhufuun keenya saganticha mi’eesseera. Afaan keenya tokko ta’uu mirkaneesse. Namuu taatee naannawasaa jiru mata mataan qabatee waan dhufuuf qabiyyeen keenya jiruu fi jireenya hawaasa keenya guutuu calaqqisiisa. Akka Oromiyaatti tokko taanee hojjetaa turre.

Nutis ammoo kutannoodhaan, miira keessa gallee hojjetaa turre. Maallaqaaf osoo ta’ee waan hojjennu miti. Afaan kun, aadaan kun kanuma keenya, nu malee homaa hin qabu, kanaafuu numatu guddifata jennee waliigalteedhaan hojjetaa turre.

Numatu eegale, duraan kann irraa ilaallannu hin qabnu. Uummannis nu jaallachuunsaa ammoo hamilee guddaa nuuf ta’eera.

BBC: Dhiheenya kana namoonni tuuta Dhangaa turan sagantaa kana deebisuuf hojjetaa akka jiran ibsanii turan. Ati keessa jirtaa? Yoo keessa jiraatte hojiin sun maalirra jira? Ammoo sagantaa kana akka duraatti deebisuun danda’amaa?

Artist Olii: EBCn sagantaa kana deebisuuf akka jiru quba qaba. Garuu sagantaa Dhangaa akka duraatti argattaa? gaaffiin jedhu ijoodha. Gariin bakka bakka qabateera, kaan dulloomeera, kaan maatii horatee jireenya mataasaatti jira. Kaan ammoo biyyaa ba’eera, kann lubbuu dhabes jira. Ammoo warri lubbuun jirrullee mataan walitti qabatee hin jiru. Quba wal hin qabnu. Namoonni sagantaa kana bareechaa turan erga sagantichi dhaabbatee faffaca’anii achumaan dagatamanii hafan.

Osoo nuti warri jirru walitti dhufnee eegallee, ijoollee haaraa keessatti hirmaachifnee bareechuu dandeenya. Shakkiin koo bakkasaa duraa sanatti deebi’aa kann jedhuudha malee qophicha deebisuun hinuma danda’ama.

BBC: Waggoota soddoma hojiin kana keessa turte keessatti maal buufatte? Maal dhabde?

Artist Olii: Waggaa soddoma darbe bu’aa ba’ii guddaa keessa dabarre. Sababa Afaan Oromoon hojjennuuf qofa jibbamnee moggaatti baafamaa turre. Garuu osoo rakkinni sun hin jirree akkanatti ni hojjennaa laata? kan jedhu gaaffii natti ta’a. Yeroo garii aariin si onnachiisa, hamilee si kakaasa. Osoo cunqursaan nurra ga’ee nu xiiqeffachiisuu baatee waliigallee waan mi’ooftuu akkasii hin hojjennu ture.

An gama kootiin waan keessa koo jiru, quuqqaa saba kootii akkaataan itti ibsuu barbaaduun waan dabarseef gammachuu guddaan qaba. Waa’een jireenya dhuunfaa koo natti hin dhagahamu. Qabeenyi an horadhe waa’ee saba kiyyaa quuqamee hojjechuu fi saba koo gammachiisuu kooti. Kun na boonsa, na ga’as.

Artist Olii Naggaa sagantaa 'Waliin kolfaa' jedhu qopheessaa jira

Madda suuraa, Meseret Daba/FB

BBC: Hojiin komedii akka dameewwan aartii biroo hin mul’atu, kanaaf rakkoo kan ta’e maali? Akkamiin rakkoo kana keessa darbitee fedhii hawaasaa guutuu dandeessa?

Artist Olii: Nu bira fedhii fi dandeettiin aartii jira, hawaasa bira ammoo fedhiin simachuu jira. Akka baayyina sabichaatti xiqqaa ta’us artistoo hedduu qabna. Garuu hojii keenya hawaasa biraan ga’ee dharraa kann baasu riqichi maallaqa. Abbaa qabaachuu qaba wanti kun, namni aartiirrattis investi gochuu qaba. Indastiriin aartii dandeettii koo oomishee gabaatti na dhiheessu jiraachuu qaba.

Kanaan dura maallaqa kootiin hojjedhee gabaatti dhiheessee maallaqa irraa argadheera. Amma sun hin jiru. Waltumsuu gaafata. An yoon dandeettii fi ogummaa kootiin hirmaadhe, inni maallaqa qabu maallaqaan, kaan ammoo simatee jajjabeessuudhaan hirmaachuu qaba. Ta’uu baannaan uummanni fi artiin gamaa gamana taa’anii wal dheebotaa hafu.

BBC: Oliin amma maalitti jira? Fuulduraafoo karoora akkamii qaba?

Artist Olii: Amma waggaa soddommaaffaa komedii itti eegale sababeeffaachuun sagantaan qopheessaara. ALI Waxabajjii 1985n eegale. Waxabajjii kana waggaa soddoman guuta. Jiruu kann isa duraa namnis na hin gaafatin, anis hin beeku. Yaadannoo kana sababeeffachuun hojiiwwan hanga ammaa hojjedhe walitti qabee agarsiisuufan deema. Sagantaan kun ALI Waxabajjii 25 dhihaata, mata dureensaa ''Guyyaa waliin kolfaa'' jedha. Namoota keenya hojii komedii hojjetan hunda hirmaachiseen guyyaa sana waliin kolfaa oolla. Kaayyoon koo ijoon faayidaa kolfaa mul’isuudha. Kolfi quuqqaa sammuu hube fayyisti, laalaa nama gidduudhaa buqqisti, uummata walitti fiddi. Mallattoo gammachuu fi fayyummaati. Dhala namaaf akkaan barbaachifti.

Gama kaaniin ammoo hojiiwwan koo kanaan duraa akkaan jaallatmoo ta’an walitti qabee bifa dokumantariin agarsiisuudha. Taatee kana ka’umsa godheen isa booda istuudiyoo mataa koo banadhee, kaameeraa mataa koo bitadhee hojii koo bifa haaraan itti fufuuf karoorfadhe.

Muuxannoo waggaa soddomaa lafatti balleessuu hin barbaadu. Damee komedii gadi bu‘aa jiru kanatti lubbuu horuu keessatti qooda koo gumaachuun fedha.

Artii keessatti dameen muuxannoo dheeraa irratti qabu dhiisee damee biraa seenuu hin barbaadu, hin danda'us.