'Dorgommiin Daddaraaroo sadarkaa aartiin Oromoo irra jiru kan madaalu ta’uu qaba'

Asxaa Daddaraaroo Ormiyaa

Madda suuraa, OBN

Waggaa saddeet dura adda citee kan ture dorgommiin 'Daddaraaroo Oromiyaa' jedhamu bara kana bifa haaraan eegaleera.

Dorgommii kana Biiroo Aadaa fi Tuurizimii Oromiyaatu miidiyaa OBN waliin ta’uun qopheessa.

Dorgommiin kun deebi’ee eegaluurratti kan dubbisne Hoogganaa Itti Aanaan Biiroo Aadaa fi Tuurizimii Oromiyaa Obbo Birhaanuu Buuxee, ''ol adeemtota dandeettii osoo qabanii carraa dhabaniif sagantaan kun dursa kenna,'' jedhan.

Dorgommichi marsaa shan akka qabuu fi namni injifate dhumarratti badhaasa birrii miiliyoona 7.8 akka argatu himan.

Dorgommiin gosoota aartii afur-muuziqaa, shubbisa, diraamaa fi dandeettii (kalaqa) addaa jedhamuun gaggeeffamu kun, abbootii murtii fi ogeeyyii saayinsii aartiin muuxannoo qabaniin kan dabaalame ta’uunsaa carraa guddaa fidee dhufa jedhan hoogganaan kun.

''Badhaasa argamsiisuun cinaatti leenjii fi muuxannoon dorgommii kanarraa argamu guddina damee aartiif bu’uura cimaa kan kaa’uu fi ijoollee ol adeemoof ammoo carraa guddaadha,'' jedhan Obbo Birhaanuun.

''Ogeeyyii muuziqaa kanneen dorgommii Daddaraaroo isa duraa irrattis hirmaataa turan fi kanneen saayinsii muuziqaa yuuniversitii fi kolleejjiiwwan garaagaraa keessatti barsiisan hirmaachisaa jirra. Ogeeyyiin damee aartii keessatti muuxannoo qabanis dorgomtoota leenjisaa fi qajeelchaa jiru.''

Artist Adam Ahmad Daddaraaroon Oromiyaa osoo adda hin citin abbaa murtii fi leenjisaa dorgomtootaa ta’uun hojjetaa ture, ammas dorgommiin kun bifa haaraan eegallaan hojii kana itti fufeera.

Ogummaa muuziqaan ol adeemtota qaree baasuun cinatti, walleewwan hojjechuunis hawaasa biraan ga’ee kan beeku Artist Adam Ahmad, ''yeroo aartiin Oromoo sadarkaa fooyya’aarra ga’ee jiru kanatti dorgommiin kun eegaluun carraa guddaadha,'' jedhe.

''Daddaraaroon duraan wayita gaggeeffamaa ture aartistoota hedduuf bu’uura ta’eera. Namoonni dandeettii aartii qaban ogummaadhaan akka utubanii gabbifataniif carraa ta’eeraaf. Erga adda citee carraan kunis adda citeera,'' jedha Artis Adam.

Sadarkaan aartiin Oromoo amma irra jiru, dorgommii daddaraaroo bifa haaraan eegale kana akkaan ulfaataa taasisa jedha.

''Aartiin Oromoo bakka kaleessaa hin jiru, keessattuu gama muuziqaan fooyya’iinsa guddaatu jira. Garuu ulaagaa saayinsiin yoo ilaalamu waan hafutu jira. Guddina amma dhufe keessatti qaawwa qama saayinsii aartiin uumamu cufuuf dorgommiin kun murteessaadha.''

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Dorgomtoonni godinaalee Oromiyaa garaagaraa keessa jiran yeroo dorgommiin kun itti gaggeeffamu keessatti qaramanii ba’uun aartii Oromoo daran ni guddisu jedhee akka abdatu hima Artist Adam.

Obbo Birhaanuun gamasaaniin dorgommii waggaa tokkoo fi ji’a lamaaf gaggeeffamu kanaan ijoolleen dandeettii aartii qabanii fi godinaalee Oromiyaa hunda keessa jiran carraa akka argan ni taasifna jedhan.

''Dorgommiin kun godinaaleerraa eegala. Godinaalee dorgommiin itti gaggeeffamu akka walitti dhiheenya isaaniin qindeessineerra. Kan fedhii fi dandeettii qabu hunduu carraa kanarraa akkaataa fayyadamuu danda’uun mijeessineerra,'' jedhu Obbo Birhaanuun.

''Dorgommiin kun godinaalee Oromiyaa hunda kan hammatuudha. Dandeettii kutaalee Oromiyaa garaagaraa keessa jiru baasuu qofa osoo hin taane, marsaa duraa kanaan godinaaleerra deemuun namoota utuu dandeettii qabanii carraa dhabanitti dhihaachuun carraa kan banuudha.''

Akka Obbo Biraanuun jedhanitti marsaa lammaffaa dorgommii kanaan godinaaleerraa dorgomtoonni erga calalamanii booda, marsaa sadaffaarratti giddu-gala biyyaatti dorgommiin itti fufa.

''Dorgommii qofa osoo hin taane barnootas ni argatu waan ta'eef waan jiruu dorgomtootaa fooyyessuu danda'uudha,'' jedhan.

Artist Adam ammoo ammallee ijoolleen carraa kana hin argatin hafanii fi komii dhiheeffatan jiraachuu hime.

''Ijoolleen carraan kun isaan jala darbe jiru. Akkaataa itti galmeeffamanii fi calalaman irratti hanqinni mudateera. Kanarratti hojjechuu qabna,'' jedhe.

Artist Adam Ahmad (abbaa murtii fi leenjisaa) dandeettii sagalee muuziqaa waahillan isaa lama waliin

Madda suuraa, OBN

Dorgommiin kun godinaalee Oromiyaarratti kan geggeeffamudha, garuu godinaalee rakkoo nageenyaa qabaniif akkamiin carraa kennuun danda’ama? Kun dorgommii kanaaf gufuu hin ta’uu? jennee Obbo Birhaanuu gaafanne.

''Jalqabuma haala kana ilaalcha keessa galchinee eegalle. Godinaalee hunda waliin geenya osoo hin taane akkaataa walitti dhiheenya godinaaleetiin giddugala namoonni itti dorgoman uumne. Kanaafuu iddoowwan rakkoo nageenyaa qabu jedhaman dorgommii kanaaf waan yaaddessan hin qaban,'' jedhan.

Biiroon aadaa fi tuurizimii gama aartii fi afaan guddisuu, akkasumas iddoowwan hawwata tuurizimii ta'an qixa sirriin hubachiisuu fi beeksisuutiin teellaatti jedheera jedhamuun komatamaa ture.

Obbo Birhaanuun biiroonsaanii bifa haaraan of ijaaree iddoowwan seena qabeeyyii fi tuuristoota ofitti harkisuu danda'an beeksisuuf akkuma hojii eegalan, karaa dorgommii Daddaraaroo kanaa aartii guddisuurratti xiyyeeffachuu akka eegalan himan.

Daddaraaroon Oromiyaa cimee dameesaa babal'isuun jaarmiyaa guddaa damee indastirii aartii Oromoo guddisu akka ta'uuf karoora qabaachuus himan.

Sagantaan dorgommii artistoota hedduuf carraa banee ture kun waggaa saddeet dura adda cituu kan himan Obbo Biraanuun, kunis sababa hanqina baajataa fi haala siyaas-diinagdee biyya keessa turteeni jedhan.

Ammas bajata mootummaan ramade qofaan osoo hin taane deeggarsa uummataa fi fedhii ogeeyyiin aartii dirqama lammummaa isaaniif agarsiisaniin tumsamee eegalamuu danda'e jedhan.

Daddaraaroon erga bifa haaraan eegalee dorgommiin marsaa jalqabaa Godina Shawaa Kaabaa magaalaa Fiichee galma Jenaraal Taaddasaa Birruutti gaggeeffame.