Taatoon fiilmii Finnaaf badhaasa Gumaa injifate waa’ee seenaasaa maal hima?

Madda suuraa, Biruk Girma
Maqaan isaa Biruuk Girmaa jedhama. Hoji gaggeessaa Dhaabbata Piromooshinii Aartii Boraatiiti.
Dhiheenya kanas sirna badhaasa Gumaa (Guma Award), kan fiilmiin Afaan Oromoo yeroo jalqabaatiif dorgommii kanarratti dhiyaateen badhaasa argateera. Biruuk fiilmii Finnaaf jedhamu irratti taatoo ta’uun hojjachuun taatoo cimaa jedhamuun badhaafame.
Badhaasa Haacaaluu Hundeessaa marsaa lammaffaa irrattis damee viidiyoo kilippii waggaa jedhuun sirba Abbaa Boottii jedhuun injifateera.
Biruuk waa’ee badhaasa Gumaa kana dabalatee mudannoo isaa haala asiin gadiitti BBC’tti ofumaan himeera.
Umuriikoo ganna 32 yoo ta’u, yeroo ammaatti hojiilee kalaqa aartii garagaraa irratti bobba’een jira.
Weellistoota akka Yoosan Getaahun, Margituu Warqinaa, Gadaa Hamdaa, Bosiyyoo, Taaddalaa Gammachuu, Sinnishaaw Mul’ataafi kunneen biroof viidiyoowwan sirboota isaaniif hojii daayirektingii hojjadheera.
Walumaagalattis viidiyoowwan sirboota Afaan Oromoo 40 ol ta’an ogummaa daayirektingiin irratti hojjadheera.
Dhaabbata televizhiinii Qaanaa keessattis taatoo sagalee ta’ee waggaa tokkofi ji’oota jahaaf tajaajileera.
Kana malees badhaasa Gumaa bara 2015 damee taatoo abdi qabeessa jedhuun injifadheera.
Fedhiin aartii nakeessa ture
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Kanan dhaladhee guddadhe Finfinneerraa fageenya kilomeetira 30 irratti kan argamtu magaala Sabbataa keessatti.
Barnootakoo saadarkaa duraa magaaluma Sabbataa keessatti Mana Barnootaa Roggee fi Gammee keessattin baradhe. Barnootakoo sadarkaa lammaffaas achuma magaala Sabbataattin xummure.
Fedhii aartii bara ijoollummaa kootti kaasee kanan dhuunfadhe natti fakkaata. Maatiin kiyyas wayita na guddisan yeroo keessummaan dhufu waltajjii akkasii nuf uumaa turan. Kanaaf fedhuma santu na keessatti guddate.
Wayitan barnootakoo sadarkaa jalqabaa Mana Barnootaa Roggee fi Gammee keessatti baradhu waltajjiilee garagaraa irratti hojiilee aartii nan dhiyeessa ture. Amala gaazexeessummas achumattin baradhe jechuun ni danda’ama.
Fedhiin aartii kun guddachaa adeemee achuma magaala Sabbataa keessatti gumii tiyaatiraa hudeessinee leenjiiwwan garagaraa fudhanne.
Mana barumsaa sadarkaa lammaffaa keessattis gumii Miini Miidiyaa keessatti hirmaachuun ogummaa gaazexeessummaan tajaajilaa tureera. Waltajjii irrattis diraamaafi walaloowwan garagaraa qopheessaan ture.
Haa ta’u malee barumsa qophaa’inaa dhibbaa maatiifi hiriyootaa irraa kan ka’e barnoota saayinsii uumamaa barachuuf filadhe.
Kutaa 12ffaa wayitan xummurettis bara 2003tti mummee barnootaa Injinariingiin Yunuvarsiitii Baahir Daaritti ramadame. Kanaafis carraa aartiidhaan walarguu gidduudhaan dhabeen ture.
Hawwii milkaa’e
Sababa dhiibbaa maatii fi hiriyootaan barnoota saayinsii uumamaa baradhee aartiirraa fagaadhullee aartiitti deebi’uuf carraa argadheera.
Barnootakoo kutaa 12ffaa ergan xummuree booda bara 2003tti Yunivarsiitiin Finfinnee barattoota saayinsii uumamaafi saayinsii hawaasaaf carraa kennee dorgommiidhaan barattoota mummee barnootaa Tiyaatiraa barachuu fedhan simate.
Haa ta’u malee guyyaan Yunivarsiitiin Baahir Daar barattoota haaraa ramadaman galmeef itti waamefi yeroon qormaataa Yunivarsiitiin Finfinnee karoorfate walirra oole.
Maatiinis gara Yunivarsiitii Baahir Daar akkan deemu waan barbaadaniif gara yunivarsiitichaa deemee bariitu immoo dhokadhee gara Finfinneetti deebi’ee qorame.
Qormaata mummee barnootaa tiyaatiraa Yunivarsiitii Finfinnee ergan qoramee booda qabxii gaariidhaan akkan darbe natti himame. Barnoota injinaringii Yunivarsiitii Baahir Daar dhiisee Finfinneetti waggaa afuriif tiyaatira baradhe.
Haala kanaan abjuu yeroo ijoollummaa qabu sanas milkeeffachu danda’eera. Ammas addunyaa ofii barbaade sana keessatti jiraachaas, hojii garagaraas hojjechaa jira.

Madda suuraa, Biruk Girma
Gumii Malkaa Hayyuu
Yeroo dheeraaf aartiin Oromoo ogummaadhaan kan hogganamu hin turre; carraan akkasiis badaa hin turre.
Haa ta’u malee ijoolleen dandeettii qabaatanii waanuma xiqqoo ogumichi barbaadu dhabanii lafa taa’antu ture.
Kanaaf waan qabnuun ogeessota kana horachuun dirqama waan ta’eef gumii Malkaa Hayyuu jedhamu magaala Sabbataatti hundeessine.
Yeroon Yunivarsiitii Finfinneetti tiyaatira barachaa turetti guyyoota Sanbattan irratti gara magaala Sabbataatti deddeebi’uun gumii Malkaa Hayyuu hundeessine.
Gumii kana jalattis leenjiiwwan ogummaa tiyaatira fi fiilmii irratti marsaalee shaniif bilisaan leenjii kennineerra.
Haaluma kanaan ijoolleen ogummaa leenjiin argatanitti fayyadamuun iddoowwan garagaraatti carraa qacaramuu argatanis heddutu jiru.
Festivaala Goobee fi Shinooyyee
Ummatni Oromoo falaasama jiruufi jireenya isaa kallattiinis ta’e al kallattiin waan aartiin walqabatuun gaggeessa.
Kanaaf aartii kana baasuu fi sadarkaa biyyaatti fayyadamaa akka taanu gochuun dirqama keenyadha. Quuqama kanas na qaba.
Yaada festivaala Goobee fi Shinooyyee maddisiisuun Biiroo Aadaa fi Tuurizimii Oromiyaa waliin ta’un waggaa waggaan qopheessaan jira.
Bara 2010tti sadarkaa Oromiyaatti waraqaa qorannoo irratti dhiyeessinee, guutuu Oromiyaarraa bakka bu’ootni waamamanii yeroo jalqabaaf bifa waaltawaa ta’een sirni ayyaana birraa Oromoo kabajamuu danda’eera.
Festivaala kana karaa qabsiisuu keessatti bu’aa bahiifi qormaatawwan heddu dabarsineera.
Har’a garuu akkuma Irreechaa sana Goobee fi Shinooyyeen taatee sadarkaa Oromiyaatti eegamu tokko ta’uu danda’eera.

Madda suuraa, Biruk Girma
Badhaasa Gumaa
Aartii ummata Oromoo irratti xiyyeeffachuu waanan barbaaduf ogummaa kiyaan bu’aa maal buusuun danda’a jechuun hojiilee aartii garagaraa hojjechaa tureera.
Haaluma kanaan tiyaatira mataduree ‘Duuba Dheengaddaa’ jedhu qabu hojjechuun Giddugala Aadaa Oromootti agarsiisnerra.
Kana malees fiilmii Finnaaf jedhamu irratti taatoo ta’uun kanan hojjadhe yemmuu ta’u badhaasawwan garagaraas ittiin argadheera.
Badhaasa Gumaa tibbana adeemsifame irratti damee Taatoo Abdi Qabeessa jedhuun injifadheera. Badhaasa Odaas dame taatoo cimaa jedhuun injifadheera.
Waltajjiin Badhaasa Gumaa waltajjii sadarkaa biyyaatti qophaa’ufi hojiiwwan sadarkaa biyyaatti hojjetaman itti dorgomanidha.
Fiilmiin Afaan Oromoo yeroo jalqabaatiif dorgommii kanarratti hirmaatee badhaasa fudhachuunsaa aartii Oromoof hiikaa guddaa qaba. Ogeessota duubaa dhufaniifis aartiin saba keenyaa dorgomaa ta’uu akka danda’u waan agarsiisudha.
Gara fulduraattis fiilmii Afaan Oromoo irratti xiyyeeffadhee hojjechuun barbaada.












