Mallattoon ijaa hiikaa icciitii qaba jedhamuufi boca rog-sadee keessa jiru eessaa dhufe?

Madda suuraa, Getty Images
Ijji boca rog-sadee keessaa akka mallattoo Illumunaatiitti fudhatama. Illumunaatiiwwan icciitiidhaan addunyaa to'achuudhaaf yaalaa jiru yaadni jedhu ammoo kan waggoota lakkoofsiiseedha.
Ijji boca rog-sadee keessa jiru (Eye of Providence) gamoowwan bataskaanootaa fi hordoftoota Firiimeesan hedduurratti argama.
Fakkiin kun doolaara Ameerikaa tokko irrattis ni argama.
Ija rog-sadee keessatti argamuu jalan piraamiidiin waan mul'atuuf ammoo ka'umsi mallattoo kanaa qarooma durii akka ta'etti kanneen hiikanis jiru.
Firiimeesanootaafi Illumunaatiiwwan ija rog-sadee keessa jiruun walitti hidhuun kan barameedha.
Ka'umsi mallattoo kanaa garuu amantaa kirisitinaati. Bara haaroomsaa (reenesansitti) fakkiiwwan hojjataman irratti baayyinaan mul'ata. Inni Uumaa bakka bu'a.
Bara 1522tti fakkiin kaafame 'Sappar at Emus' irrattis mallattoon kun ni mul'ata. Akkasumas bara 1593tti kan maxxanfame 'Ikonologiiyaa' ka'umsa mallattoo kanaa ijoodha. Mallattoo gaaruummaa Uumaa kan bakka bu'u taasifamee fudhatama.
Ijji rog-sadee keessaa kun yoom hojiirra akka oolfame ifatti beekamu baatulleen, ka'umsisaa garuu amantaawwan durii akka ta'e himama.
Amantaa Kiristaanaa biratti Abbaa, Ilmaa fi Afuura Qulqulluuf rog-sadeen akka mallattootti fudhatama.
Waaqaas gonfoo mataa rog-sadeen mul'isuun kan barameedha. Ifa Uumaa agarsiisuudhaaf mallattoon ifaa fakkiirra kaa'ama.
Kunis harka Waaqaa duummeessa keessaa dhufu kan bakka bu'u yoo ta'u, yoo ijaan bakka bufamu hin mul;atu. Kanaafuu, mallattoonni ijaa rog-sagee keessa kaa'amuun ilaalcha malee bu'uura amantaa qaba jechuun rakkisaadha.
Jijjirama tiranaatiin beeladoonni tokko tokko diinarraa of ittisuudhaaf qaamasaanii irratti mallattoonni ijaa ni mul'ata.
Dhaloota Kiristoosiin dura jaarraa sadaffaatti Sumeeriyaanooti qulqullina agarsiisuuf hanga ijaa guddiisanii agarsiisu.
Agarsiifni namoonni fakkii bocan ija ibsuu adabaabaayiiwwaniitti gaggeeffamaa ture.
Masriin mallattoo ijaa fayyadamuun adda dureen eeramti. Bakka awwaalchaarratti mallattoon ijaa fakkii kaasuun jireenya du'aan boodaa arguu akka danda'u yaaduudhaan.

Madda suuraa, Getty Images
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Ija Horaas (Eye of Horus) mallattoo beekamaa Masriiti. Ija namaafi ija riisaa waliitti makuun mallattoolee Masrii durii keessatti akka himtee afaaniifi raajii waliin wal qabata.
Waaqoleen Gooruus jedhamu kan allaattiin bakka buufamu yoo ta'u, osoo intala eessuma isaa waliin wal loluu ijasaa akka dhabe himama.
Boodarra ammoo Totaah isa gargaaree deebiise ijjisaa argu eegala. Bacawwan irratti ijjisaa akka mallattootti fudhatama.
Jaarraa hammayyummaa ogummaa harkaa Reensansiitti ogummaan Masrii gara Awurooppaatti babal'ate. Barreefamoonni Masrii baayyeen yoo boji'amanis hikaasaanii sirrii hubachuun garuu salphaa hin turre.
Baroota 1400 hanga 1500 jidduu jiraniitti barreeffamoonni gaheen qaban salphaa hin turre, hiika gadi fagoo akka qaban amanama.
Mallattoolee beekamoo ta'an keessaa bineensoota, simbirrootaa fi mallattooleen hiikaa gadi fagoo qaban eeruun ni danda'ama.
Mallattooleen kunneen kan of danda'aniifii hiikaa akka qabaniitti fudhatamu. Ijji rog-sadee keessa kaa'ame kunis haala ada addaattiin mallattoo illumunaatiitti yoo dhiyaatu beekama.
''Illumunaatiiwwan icciitiidhaan addunyaa to'atanii sirna haaraa diriirsuudhaaf'' yaanni jedhu barootaa dhagahamaa ture.
Ka'umsi yaada kanaatis taatee hasoosamaa bara 1960moota keessa turedha.
Jarmaniitti kan argamu 'Inlaayitmant Iraa' ykna jaarraa ifa beekumsaa ka'umsa illimunaatii waliin walitti hidhata.
Gumii icciitii Baavaariiyaan jedhamutu ture. Innis bara 1776tti eegale. Namoonni baratan walitti qabamuun sirna amantaa fi caasaasaa qeequ turan.
Akkuma garee iccitii Firiimeesan jedhameetti, illumunaatiinis tarkaanfataa godhamee fudhatama.
Kanneen aadaa durii leellisaniifi qeeqxoonni Kiritiyaanaa garu isaan hin simanne. Yeroo juraasaaf erga badanii booda ammoo deebii'anii bara 1960mota keessa ka'an.
Gareewwan lamaan kunneen ija rog-sadee keessa jiruun walitti hidhuun kan baroota lakkoofsiseedha. Yeroo tokko tokkos hikkaawwan waa'ee mallattoo kanaa kennaman adda addaadha.
Warraaqsa Faransaayiin booda kitaaba barreeffame tokko keessatti mallattoon kun yoo hammatamu, akka humna biyya haaraa hundeeffamte eeguu tokkootti fudhatame.
Bara 1974tti ammoo oggeessi ogummaa ijaaraa lammii Ingiliiz, Wiilii Reeviiliin mallattoon inni tolche akka eegduu waraaqsaatti fudhatameera. Akka mallattoo haqaatti ilaalama ture.

Madda suuraa, Getty Images
Ameerikaatti erga bara 1782 asii Romaas Jeefarsan, Beenjaamiin Firaankiliin fi Joon Adaams mallattoo mataasaanii itti dabaluuf yaada dhiyeessanii ture.
Chaarlis Tomaasan ija rog-sadee keessa jiruu fi piraamidii aka mallattootti akka fudhatan taasisuun maqaansaanii ni ka'a.
Abukaatoon fi artiistii Wiiliiyaam Baartoon jedhaman waliin ture kan kan dhugumsan. Illumiinaatiin amma jiru garee icciitii Baavaariyaatiin adda akka ta'e illumiinaatii irratti qorannoo kan hojjatan Deeviid Biraamweel ni dubbatu.
Mallattooleen Firiimeesins waliin hidhata qaban illumiinaatiinis akka itti fayyadaman beekamuuf, garuu gatii mallattooleen kunneen qaban ifatti dubbachuun salphaa hin ta'u.
Joon F. Keeneedii eenyuutu ajjeessee? kan jedhu dabalatee wantoonni ifatti hin beekamne duuba jiru illumiinaatiiwwaniidha himteen jedhu hanga ammaattuu bal'inaan dhagahama.
Je Zi fi Biyoonsee dabalatee namoonni bebbeekkamoo hedduun illumiinaatiidha jedhamanii amanama. Yeroo hojii muziiqaa isaanii dhiyeessaniittis rog-sadee hojjachuun waltajjii irratti yoo agarsiisan argama.
Dhimmichi dhugaa akka hin taane beekamulleen, hanga ammaatti ibsi baroota 1960mota keessa kenname hanga ammaatti hedduu biratti fudhatama argachuun itti fufeera.
Firiimeesansi ija rog-sadee keessaa ifatti fayyadamu kan eegalan jaarraa 18ffaatti. Ijji doolaara Ameerikaa tokko irratti argamus kan waa'ee illimiinaatii dubbatamu osoo hin taanee waa'ee ogummaa hammayyummaa jaarraa 18ffaatti keessa ture kan ibsuudha.
Maadoonaa, Kaanyu Weest fi artiistoonni bebbeekamoon biraas mallattoon isaan agarsiisan kan waa'ee illumiinaatii himamuu qabaachuu baatuulleen, artiistoonnis olaantummaa ogummaa qaban ibsuuf ija mallattoo beekamaa (iconic) waliin hidhuusaanii ilaaluun ni danda'ama.
Yaadni ka'umsa illumiinaatii waggaa 200 ol lakkoofsiiseera.
Waraaqsa Faransaayii, haleellaa Fulbaan 11 Ameerikaa irratti raawwatame akkasumas taateewwan gurguddaa addunyaa kanaa duuba illumiinaatiiwwan akka jiran kanneen amanan xiqqaa miti.
Ijji boca rog-sadee keessatti argamu dabalatee mallattoolee biraa, barreeffamootaa fi taateewwan illumiinaatiiwwan wajjiin walitti hidhuun itti fufeera.












