Abbaa: ‘Mucaakoo hiyyummaatu daa’imummaan qoraan gurgurtaa barsiise’

Suuraa fi viidiyoon mucaa xiqqaa qoraan gurguruuf dugdatti baatee mul’atu tibbana miidiyaa haawaasummaa irratti ijoo dubbii ta’ee ture.
Mucaa xiqqaan kunis qoraan dugdatti baatee miila qullaa fi uffata lapheerraan baqaqaa uffatee osoo nama ta'e waliin gatii qoraaniirratti waliin dubbatu dhagahama.
Mucaa xiqqaan kun eenyu?
Mucaan wayita qoraan dugdatti baatee ture maallaqa hanga kanaatiin narraa biti jechuun nama waliin osoo haasa’uu viidiyoon mul'ataa ture kun Galataa Damboobii jedhama.
Umriin isaaa reefu ganna torba jedhan Abbaan mucaa kanaa Obbo Damboobii Wodhiboo turtii BBC waliin taasisaniin.
Obbo Damboobiin Godina Gujii aanaa Adoolaa Reeddee Ganda Cembee jedhamtu kan jiraatan yoo ta’u, sababa hiyyummaatiin maatiin isaanii cufti kan ittiin jiraatu qoraan cabsanii magaala deemanii gurguruudhaan akka ta’e dubbatu.
“Ani maatii nama afuriin qaba. Isaan keessaa Galataan mucaa lammeessoodha. Amma umriin isaa ganna torba. Maatii kana kan jiraachisnu qoraanuma gurguruudhaan. Mucaa xiqqaan kunis dura anuma faana qoraan baatee magaala deemuu jalqabe,” jedhan.
Mucaan ganna torbaa kun mana maatii isaa irraa qoraan kana dugdatti baatee bakka itti gurguru gahuuf deemsa miilaa daqiiqaa 40 hanga sa’aatii tokkoo akka deemus himu.
“Mucaan kiyya kun amma silaa barumsa seenuu qabaayyu. Garuu waan ittiin jiraannuyyuu waan hin qabneef numa gargaara. Qoraan bosona deemee ofii cabsachuu waan hin dandeenyeef nutu cabsaaf. Akkuma humnasaatti dugdatti baatee gabaa geessa,” jedhan.
Mucaan isaanii kunis ta’e miseensi maatii kaan torbanitti guyyaa cufa waan kana akka raawwatanis dubbatan.

“Mucaankoo kun qaruuxeedhaa. Akka daa’imaa hin gowoomsamu. Waan baatee deeme qarshii 20 yookan 30tti gurgura. Birrii itti gurgure sana ammoo ofumaa gabaadhaa midhaan wayii ittiin nuubitee gala. Guyyaa kaan ammoo birrichuma fidee nutti kenna,” jedhan Obbo Damboobi.
Sababa mucaa isaanii kana daa’imummaan qoraan gurgursiisuu filataniif yoo himanis “Nuti qoraan kana gaaf gaaf nama nurraa bitulleen hin argannu. Baannee naannofnee galgala gatii xiqqootti gurgurra. Galataa garuu namni naheefii irraa bita. Yoo irraa bituu dhabanilleen birrii kennuuf. Kanaaf nurra isatu wayya jennee hojichaa jalqabsiisne,” jedhan
Obbo Damboobiifi maatiin isaanii dur irraa kaasee lafa qonnaa waan hin qabneef jecha gargaarsa ‘seeftineetii’ jedhamu jalatti hammatamanii jiraachaa turuu dubbatu.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Ta’ulleen gargaarsi kun erga irraa dhaabbatee waggoonni waan lakkaahamaniif carraan maatii isaanii lubbuun tursuuf qaban qoraan gurguruu qofa akka ta’e himan.
“Nuti durirraayyuu lafa qonnaa hin qabnu. Loon hin qabnu, re’ee hin qabnu. Lukkuu miila lamaatuu hin qabnu. Manni keessa jiraannuyyuu jijjigduudha. Hiyyummaa hamtuu keessa jirra,” jechuun rakkoo maatiin isaanii keessa jiru dubbatu Obbo Damboobiin.
Nama isaan gargaaru yoo argatan jireenya isaanii fi maatii isaanii fooyyessuu akka barbaadanii fi ijoollee isaaniis qoraan gurguruu kana keessaa baasuun barumsa akka barataniif fedhii guddaa akka qabanis dubbatan.
Mucaa xiqqaan ganna torbaa, Galataan garuu erga suuraa fi viidiyoon isaa miidiyaa hawaasummaa irratti qoodamee ijoo dubbii ta’ees hojii isaa akka hin dhiisnee fi guyyaa guyyaan daqiiqaa 40 hanga sa’aatii tokkoo miilaan deemuun qoraan gurguruu itti fufeera.
Godina Gujii aanaa Adoola Reeddee dabalatee aanaalee gammoojjii olla jiran keessatti rakkoo sababa hongeetiin mudateen akkuma maatii Obbo Damboobii fa’a maatii hedduun rakkoo hanqinaa nyaataa isaan mudate akka jiru jiraattonni BBC’tti himaniiru.












