Godina Booranaa: Akkaataa suuraan Facebook gubbaa gadhiifame jireenya qama miidhamaa jijjiire

Waariyoo Roobaa

Madda suuraa, Waariyoo Roobaa

Ibsa waa'ee suuraa, Waariyoo Roobaa

Waariyoo Roobaa Godina Booranaa, magaalaa Yaabelloo jiraata. Abbaa ijoollee lamaa yoo ta'u maatii isaas hojjetee jiraachisaa jira.

Hojjetaa waajjira bulchiinsa magaalaa Yaabelloo kan ta'e Waariyoon, miidhama qaamaas qaba.

Miila isaa lamaan miidhama waan qabuuf jecha yeroo bakka hojii deemus ta'e bakkaa bakkatti socho'u kan adeemu harka isaatiin fayyadameeti.

Ammaan dura gargaarsa 'wiilcherii'dhaan fayyadamee adeemaa ture.

Ta'us, 'wiilcherii' kun deemsaaf mijataa ta'u dhabuun alatti rakkoo fayyaa biraatiifis waan na saaxileef ergan harkaan lafa qabadhee ademuutti deebi'ee waggoonni lakkaa'amaniiru jedha turtii BBC waliin taasiseen.

Guyyaa tokko akkuma barate guyyaa keessa mana isaatii gara waajjiraatti osoo adeemaa jiruu, lafti bona waan taateef jecha harkaan deemee aspaaltii qaxxaamuruuf harkisaa gubiinsa aspaaltii sanaa dadhabee jennaan daandii cinaa taa'e.

Yeroo sana ture hojjetaa dhaabbata miti mootummaa tokkoo kan taa'e Galgaloo Okkotuu qaama miidhamaa rakkatee miira gaddaatiin karaa cinaa taa'ee jiru kana kan arge.

"Gurbaa kanan ijaan argaa waan walbeeknuuf jecha itti adeemeen dubbise. Maal taate jennaan 'Lafti baayyee waan gubuuf, aspaaltii kanalleen harkaan qabadhee ce'uun dadhabe' naan jedhe.

''Fuulasaarra miira gaddaatu mul'ata. Analleen guddoo onnee natuqe" jedha Galgaloon.

Galgaloon qaama miidhamaa kana ilaalee bira hin darbine. Suura isa kaaseen akkaataa itti gargaaramuu dandahu yaaduun jalqabe jedha.

"Jalqabarratti namootuma beekun bilbilaan gaggafadhe. Saantima walitti guurree motora binnaaf jedheen galgala sanirraa kaasee nama hedduun dubbisee yaada kana qoodeef.

''Torbee sadii kan ta'u kanumarran ture. Suura kaase sanas ofuma biran tursiise," jechuun hima.

Waariyoo Roobaa

Madda suuraa, Waariyoo Roobaa

Ergasii yaanni 'rakkoo mucaa kanaa miidiyaa hawaasummaa kanarratti maalifan hin baasu' jedheen suurasaa fi rakkoo inni itti jiru 'Facebook' irratti dhoobe jechuun dubbata Galgaloon.

"Suura sana akkuman miidiyaa hawaasummaa irratti gadhiiseen nama hedduutu waliif qoode. Namni ollaa kana jiru, kan biyya keessaa fi alaas 'Haa gargaarru' jechuun waliif qoodan.

''Eegasii dabtara baankii bannee deeggarsa walitti qabamuu jalqabe," jechuun dubbata.

Torbeewwan muraasa keessatti gargaarsa qaama miidhamaa kanaaf fayyadamtoota miidiyaa hawaasummaa biyya keessaa fi ala jiran irraa birriin kuma 300 fi kuma 69 caalu walitti qabameera.

Koreen qarqaarsaa hundaa'es maallaqa walitti qabame kana keessaa birri kuma 130 ta'uun motora Waariyoof ta'u magaalaa Hawaasaa irraa bituun amma Waariyoon motora kanaan bakkaa bakkatti socho'aa jira.

Akka koreen qarqaarsaa hundaa'e kun jedhutti, qarqaarsi qaama miidhamaa kanaaf taasifamu ammayyuu akka hin xumuramnee fi maallaqa bittaa motoraa irraa hafee fi kan kana booda walitti qabamuun Waariyoof mana jireenyaaa ijaaruudhaaf ammalleen hojjechaa jirra jedhan.

Waariyoon gargaarsi ummanni karaa miidiyaa hawaasummaatiin isaaf taasise kun jireenyasaa akka jijjiireefi rakkoo amma dura keessa ture irraa akka furame dubbata.

"Amma gamachuun kiyya daangaa hin qabu. Ummata kiyya kan rakkoo kiyya kana argee nagargaare hedduun galateeffadha.

''Amma akkan barbaadetin deemee hojii kiyyas hojjedhee maatii kiyya jiraachisa," jechuun gammachuusaa ibse.

Namoota rakkoo keessa jiran miidiyaa hawaasummaa irratti suura isaanii baasuudhaan gargaarsi akka walitti qabamuuf gochuun kun yeroo dhihoo asitti gocha haalan baratamaa dhufe ta'eera.