Kiristaanoo Rodaaldoo kilaba al-Naasir erga galee miindaa argatuun addunyaarratti tokkoffaa ta'e

Kiristoaanoo Ronaaldoo

Madda suuraa, Getty Images

Kiristaanoo Ronaaldoo gara kilaba kubbaa miilaa Sa'ud Arabiyaa, al-Naasir jijjiirraan erga deemee booda gama ispoortiidhaan addunyaarratti miindaa guddaa argachuun tokkoffaa ta'e.

Kiristaanoo Ronaaldoo ji'oota darban keessa erga gara kilaba kanaa deemee kaffaltii dolaara miliyoona 136 akka argate barruun Foorbis gabaaseera.

Taphataan lammii Poorchugaal Kiristaanoo Ronaaldoo amma umuriin isaa waggaa 38 qaqqabeera.

Ronaaldoon waliigaltee kilaba Sa'ud Arabiyaa kana waliin qabuun waggaatti faayidaa gara garaa waliin dolaara miliyoona 200 ol argata.

Garee biyya isaa waliin Waancaa Addunyaa Qaataar kan mo'ate taphataan lammii Arjentiinaa Liyooneel Mesiin ammoo waggaatti miindaa dolaara miliyoona 130 argachuun sadarkaa lamaffaarra jira.

Namoota dirree ispoortii keessatti addunyaarratti beekaman miindaa argataniin sadarkaan tarreesseera barruun Foorbis kun.

Haaluma kanaan namoonni 10 addunyaarratti miindaa argataniin 1-10 jiran kaa'eera.

Warra 1-10 keessa jiran keessaa kubbaa kachootiin kan beekamu Labiroon James fi buunyaadhaan ammoo Kaaneeloo Alvaarez keessatti argamu.

Teenisii dirreedhaan si'a 20 shaampiyoonaa kan ta'e Roojar Federeer ammoo tarree Foorbis baase kana keessatti 9ffaa irra galeera.

Roojar Federeer garuu amma nama ispoortii soorama baheerudha.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Saffisa baayyee nama ajaa'ibuun namoonni ispoortii Golfii taphatanis tarree warra miindaa guddaa argataa jiranii keessa galaa jiru akka gabaasa Foorbis kanatti.

Namoonni ispoortiidhaan galii gurguddaa argatan barruun Foorbis tarreesse kunneen miindaa argataniin qofa osoo hin taane galii addaa addaa kana akka badhaasa, ispoonsarshippiin, kennaafi karaa garagaraan argatan ni dabalata.

Tarree namoota ispoortii miindaa guddaa argatan Forbiis baase:

Kiristaanoo Ronaaldoo taphataa kubbaa miilaa dolaara miliyoona 136

Liyooneel Mesii taphataa kubba amiilaa dolaara miliyoona 130

Kiliyaan Imbaappee taphataa kubbaa miilaa dolaara 120

Labiroom James taphataa kubbaa kachoo dolaara 119.5

Kaaneloo Alvaarez dorgomaa bunyaa dolaara miliyoona 110

Jastiin Joonsan Golfiin dolaara miliyoona 107

Fiil Mikeelsan Golfiin dolaara miliyoona 106

Isteefen Karii taphataa kubbaa Kachoo dolaara miliyoona 100.4

Roojar Federeer Teenisii Dirreetiin dolaara miliyoona 95.1

Kaviin Duraan taphataa Kubbaa Kachoo dolaara miliyoona 89.1.