Waamichi irra deddeebii Mootummaa Naannoo Oromiyaa kutannoo nagaaf qabu agarsiisaa?

Mootummaan naannoo Oromiyaa dararaan uummata naannichaa irra gahu daran waan hammaataa deemeef qaamonni hidhatanii socho’an gara qabsoo nagaatti akka deebi’aniif gaafatan.

Ibsi kun yeroo lolli humnoota nageenyaa mootummaa fi hidhattoota WBO gidduutti kutaalee Oromiyaa adda addaa keessatti hammatetti kenname.

Tibbana ABO-WBO kutaalee Oromiyaa adda addaa keessatti oppireeshinii waraanaa humnoota nageenyaa mootummaa irratti gaggeessaa akka jiru ibseera.

Godinaalee akka Shawaa Lixaa, Gujii fi Boorana keessatti lolli humnoota nageenyaa mootummaa fi hidhattoota WBO gidduutti deemaa jiraachuu BBC’n maddeen isaarraa mirkaneeffateera.

Mootummaanis dhiyeenya tarkaanfii jabaa hidhattoota irratti fudhateen kaan booji’uu fi kaan ammoo dhabamsiisuu ibsaa ture.

Dabalataan hidhattootni karaa nagaa harka kennatan akka jiransi ibsaa ture. Haa tahu malee, kun rakkoo nageenyaa guddaa naannoon Oromiyaa waggoota shanan darbeef goolaa tureef furmaata tahuu hin dandeenye.

Gaaffii siyaasaa uummata Oromoo deebisuuf qawwee kaasuun hin barbaachisu kan jedhu ibsi mootummaa naannoo Oromiyaa karaa duudhaa fi sirna gadaa qabnuun rakkoo keenya furachuu qabna jedhe.

Pirezidaantiin naannichaa Obbo Shimallis Abdiisaa fuula Feesbuukii isaanii irratti Caamsaa 30 bara 2024 akka barreessanitti, mootummaan isaanii hidhattoota WBO waliin karaa nagaa taa’ee mari’achuuf ammas qophii tahuu agarsiisa.

‘’Nagaa, nagaa, ammas nagaa kan jennuuf, fakkeessuuf ykn akkkeessuuf miti. Akka ummataatti, osoo sirna guddaa akka Gadaa, nurra darbee dhibee siyaasaa hawaasa biroofillee qoricha tahuu danda’u qabnuu, dhabaa fakkaachaa jirra,’’ jedhan.

Dubbii isaanii kana irratti yaada isaa karaa Fesbuukii kan barreesse xiinxalaan siyaasaa beekamaa Jawaar Mahaammad, waamicha qabsoo nagaaf taasifamu gaarii tahuu ibsuun garuu ‘’afaaniin qofa osoo hin taane gochaan tahuu qaba’’ jedhe.

‘‘Lolaaf dhaadachuurra nagaa lallabuutti cehuun gaariidha. Ammoo afaaniin nagaya faarsuun kun gocha qabatamaan walfaana deemuu baannaan ummatattis ofittis qoosuudha,'' jedhe.

Mootummaan qabsoo karaa nagaaf irra deddeebiin waamicha haa taasisu malee qondaalotni paartilee karaa nagaa qabsaa’anii akka ABO fi KFO hidhaa turuun ammoo kaan biratti ija shakkiin akka ilaalamu taasiseera.

Jawaar mootummaan dhuguma kutannoo nagaaf qabu agasrsiisuuf dura hidhamtoota siyaasaa hiikuu akka qabu eere.

‘’ Ammatti hidhamtoota siyaasaa kumaatamaan jiran cufa hiikaa hin jedhu. Mee qondaalotuma ABO kan manni murtii marsaa heddu bilisaan gadi lakkisus bu'ura seeraa tokko malee waggoota shanan dabreef hidhatti uggurtanii dhukkubaan dararamaa jiran gadi lakkisaa.’’

Itti dabaluun ABO-WBO waamicha karaa nagaa taasifamuuf ilaalchisee mootummaa irraa akka amantaa hin qabne irra dedeebiin kaasaa ture. Kanaaf ammoo akka agarsiiftuutti kan kaasu hidhamuu qondaalota siyaasaa ABOti.

Dabalataan dhiyeenya qondaalli ABO mana hidhaa turee bahe Battee Urgeessaa erga dhibee fayyaa isa mudate irraa yaalamee bayyaannatee Shawaa Bahaa maqiitti ajjeefamee argamun mufii guddaa kaaseera.

Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa ajjeechaa kana kan raawwate namoota uffata humnoota nageenyaa mootummaa uffatan akka tahee fi hoteela qabatee ture keessaa akka fuudhanii bahan odeeffannoo walitti qabuu himee ture.

Jawaaris qabsoo karaa nagaa kana ilaalchisee yoo barreessu: ‘’ Battee Urgeessaa fayyaalessa san kan ajjeese humna mootummaa ta'uun waan kominishiin mirga namoomaa mootummaan dhaabe saaxile waan ta'eef akka yeroo jalqabaa san waakkachuu akka hin yaalle abdiin qaba. Amma mee namoota isa ajjeesaniifi ajjeesisan saaxilaa seeraaf dhiheessaa,’’ jedhe.

Naannoo Oromiyaa keessatti erga ajjeechaa Haacaaluu Hundeessaa as kan Battee Urgeessaa kanneen naasuu guddaa uuman keessaati.

Namootni nagaan sababa wal dhabdee ABO-WBO fi humnoota mootummaa gidduu jiruun ajjeefaman hedduudha.

Haleellaa dirooniin kan dhuman akka jiran gabaasaaleen dhaabbilee mirga namoomaaf falamii ni eeru.

Ajjeechaan abbootii Gadaa Karrayyuu akka Deetaan ministeraa duraanii ministera Nagaa Obbo Taayyee jedhanitti humnoota nageenya mootummaan raawwates taatee hamaa waggoota muraasa darban keessatti galmaa’anidha.

Mootummaan garuu ifatti bahee itti gaafatamummaa hin fudhatu. Hidhattootnis namoota nagaa ugguruun maallaqa guddaa gaafachuu, ajjeesuu fi dararuun himatamu.

Obbo Shimallis maxxansa isaanii Feesbuukii irraa kana keessatti akkas jedhan.

‘’ Ajjeechaafi miidhaa qaamaa suukanneessaan maanguddoota, gaheessota, dubartootaafi daa’imman irratti raawwatame godaannisa hamaadha. Saamichaafi mancaatiin qabeenya qe’ee Oromoo waggoottan afran darban qofatti raawwatames, kan kaleessa qabnuufi kan har’a horachaa jirru baay’ee dhabamsiiseera.‘’

Hidhattootni WBO garuu yeroo adda addaatti gochaa kana haaluun ibsa baasu.

As gidduutti uummanni nagaan bahee hojjetatee manatti galuun erga itti ulfaatee bubbuleera.

‘Gaaffii siyaasa Oromoo deebii argate’

Ministirri Muummee Itoophiyaa Dr Abiy Ahimed ji’a Eeblaa keessa gara magaalaa Naqamtee yoo deeman ‘’Oromoon bilisoomeera. Gaaffiin amma jiru kan sabboonummaa, afaankoo dubbadhaa osoo hin taane kan misoomaa fi teeknoloojiitti fayyadamuuti’’ jedhan.

Kanaaf ammoo qawwee hidhachuu fi du’uun hin barbaachisu kan jedhe MM Abiy hidhattootni WBO gara qabsoo nagaatti deebi’uun dirree siyaasaa biyyattii keessaa bal’atetti fayyadamuun dorgomuun aangoo qabachuun danda’ama jedhan.

Itti dabaluun Obbo Shimallis Abdiisaa gaaffii siyaasaa Oromoo qabsoon qawween deebi’u akka hin jiraanne eeruun qabsoo karaa nagaaf dirreen siyaasaa banaa tahuu himan.

‘’Har’a boqonnaa hiree ofii afaan qawweefi qabsoo bosonaa keessa barbaadurra hinjiru. Boqonnaa jijjiiramaa keessa jirru kanatti, dirreen siyaasaa daandii qabsoo karaa nagaaf mijatu banameera,’’ jedhan.

Haa tahu malee, paartileen mormituu keessumaa naannoo Oromiyaa keessa socho’an dirreen siyaasaa biyyattii keessaa dhiphachuu himu.

Qondaalonni KFO fi ABO waggoota shanitti dhiyaataniif mana hidhaa jiran hedduudha.

Dirreen siyaasaa bal’achuu pirezidaanti Shimallis haa himan malee filannoo darbetti Oromiyaa keessatti kan beekaman paartilee gurguddoo akka KFO fi ABO hin hirmaatiin hafan.

Haaromsa MM Abiy erga gara aangootti dhufan keessaa tokko qaama haqaa tahus, ajaja mana murtii fudhachuun poolisiin qondaalota siyaasaa manni murtii bilisa jedhe himata tokko malee waggootaaf hidhuun ammoo gaaffii irratti kaasaa jira.

‘’Nuti akka humna ummataan ijaarameefi itti gaafatamummaan itti dhaga’amuutti, “dubbiin karaa nagaa xumura argachuu qaba; nagaafi tasgabbiin mirkanaa’uu qaba” kan jennuuf, sababa malee miti jedhan.

‘’Dararaan hamaan ummata guddaa kanarra gahaa jiru akka dhaabbatu, hireen nagaan bahee galuufi hojjetee guddachuu akka mirkanaa’u barbaanna. Kanaafis cichinee qabsa’aa jirra,’’ jedhan Obbo Shimallis.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa, aangoo heera mootummaan kennameef irratti hundaa’ee ol’aantummaa seeraa kabachiisuun nageenya ummataa mirkaneessuu cinaatti, duudhaa ummataatiin rakkoo karaa nagaa furuuf hojjechaa jiraachuus himan.

‘’Mootummaan dargaggoota hidhatanii bosona turaniifi daandii nagaa filatanii nagan galaniif kabaja namummaafi duudhaa ummatummaa guddaa agasiiseera; ammas taanaan nagaan simatee haaromsuun kabaja maluuf goonfachiisurratti argama,’’ jedhan.

Mootummaan naannoo Oromiyaa dhiyeenya hidhattootni karaa nagaa meeshaa waraanaa hiikkachuun galan jiraachuu ibsus waliigalaan lakkoofsi isaanii meeqa taha kan jedhu hin dubbanne.

Mariin nagaa mootummaa Itoophiyaa fi ABO-WBO gidduutti Taanzaaniyaatti yeroo lama gaggeeffame osoo hin milkaa’iin hafe.

Marii marsaa lammataa irratti ajajoonni waraanaa ABO-WBO hirmaachuun marii nagaaf kutannoo qaban agarsiisa jedhamee abdatamee ture.

Qaamolee lamaan walitti fiduun kan mariisiftuu fi taajjabaas turte Ameerikaan hanga nagana dhufutti abdii osoo hin kutatiin irratti hojjenna jetteetti.

Ji’a darbes Gaanfa Afrikaatti Ergamaan Addaa US, Maayik haamer qondaalota mootummaa Itoophiyaa wlaiin dhimma rakkoo nageneyaa naannoo Oromiyaa gi Amaaraa keessaa irratti mari’ataniiru.

Maayik haamer furmaatni jiru Marii Biyyaalessaa hunda hamate, haqa qabeessaa fi amanamummaa qabu gaggeessuu fi wal dhabdee qaamolee hidhatan gidduu jiru ammo karaa nagaa mari’atanii hiikuudha jedhaniiru.