Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Oromoon bilisoomeera, kaleessa qabsoofnee dhiiga keenyaan injifanneerra - MM Abiy Ahimed
Ministirri Muummee Itoophiyaa Dr Abiy Ahimed har'a gara Wallagga Bahaa magaalaa Naqamteetti imaluun dubbii taasisaniin ''Oromoon bilisoomeera. Kaleessa qabsoofnee dhiiga keenyaan injifanneerra. Uummanni mo’atemmoo tokkummaadhaan injifannoo isaa tikfata malee of duuba deebi’ee akka haaraatti hin qabsaa'u” jedhan.
MM Abiy Ahimed, Itti Aaanaa MM Obbo Tamasgeen Xurunaa, pirezidaantii naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa, Af-Yaa'ii Paarlaamaa Itoophiyaa Obbo Taaggasaa Caafoo kanneen gara magaalaa Naqamteetti imalan keessaati.
Jiraattotni magaala Naqamtee simannaa ho'aa taasisuufiin Istaadiyeemii Wallaggaatti deeggarsa MM Abiyyiif qaban ibsaniiru. Hidhattootni ABO-WBO kan mootummaan ''ABO Shanee'' jedhuun irra jireessaan godinaalee Wallaggaa kessa socho'aa jiru.
Waggaa tokko keessatti yeroo lama tahuuf gara magaalaa Naqamteetti kan imalan
MM Abiy, sababa rakkoo nageenyaan godinaaleen Wallaggaa gama misoomaan duubatti hafuus eeraniiru.
Nageenyi jiraannaan Wallagga misoomsuuf kaayyoo guddaa akka qaban kan himan MM Abiy, akka biyyatti ''dinagdee Afrikaa Bahaa keessatti sadarkaa tokkoffaa qabate ijaaraa jirra,'' jedhan.
''Biyya kana keessa nageenyi hin jiru, tokkummaa gaariin hin jiru. Garuu dinagdee akka Afrikaatti fakkeenya tahe ijaaraa jirra. Badhaadhinni Itoophiyaa ni dhugooma, Itoophiyaa sodaatamtu ni ijaarra,'' jedhan.
Itti dabaluun, ''Naqamterraa labsiin ani labsuu barbaadu, uummanni Itoophiyaa kan hubachuu qabu, tokkummaan Oromoo hin eegamu yoo tahe, tokkummaan Itoophiyaa eegamuu hin danda’u. Oromoon nagaa hin qabu yoo tahe, Itoophiyaan nagaa hin qabdu. Oromoon angafa. Of jijjiiree biyya jijjiira,'' isa jedhudha.
Rakkoo nageenyaa naannoo Oromiyaa keessatti waggoota shanan darban mudateen lubbuun namoota nagaa hedduu darbeera.
Kanatti xumura gochuuf yeroo lama Taanzaaniyaatti mootummaan Itoophiyaa fi ABO-WBO marii nagaa gaggeessanis osoo hin milkaa'iin hafeera.
MM Abiy har'a Wallagga irraa ''nagaa dhumaatii hin qabne, nagaa uummataaf Waaqaan tahe Itoophiyaaf ibsuun barbaada,'' jedhan.
Waggoota shanan kana Wallagga bakkatti namoonni ajjeefaman, rakkoo nageenyaa guddaa jiru jedhamuun ibsamaa turte. Simannaa kana irratti ''Wallagga lafa nagaa'' irraa ergaan jedhu darbaa tureera.
MM Abiy ''uummanni Wallaggaa gama misoomaan miidhameera. Kunis sababa rakko nageenyaati. Wallagga jijjiiruu barbaanna. Mul’ata qabna. Yaadni keenya kun karaatti akka hin hafneef uummanni carraa nuuf haa kennu. Uummanni keenya nu haa tumsu,'' jechuun gaafatan.
''Maqaa Wallaggaa balleesuuf yaalamu kana haaromsinee maqaa haaraan beeksusuuf hojjenna. Ijoollee keenya haa gorfannu, gaabbii keessa galuu keenya dura wal hubachuu qabna.
''Misooma uummanni bakka biraa dhufee daawwachuu danda’u akka hojjennu uummanni nu tumsuu qaba'' jedhan.
Dhumarratti MM Abiy ''biyyattin deebi’e, saban beekuttan deebi’e, miraa fi afuuran kaleessa beekuttin deebi’e. Kana booda guyyaa tokko naqamte keessa miilaan deemnee misooma ilaaluu barbaanna,'' jedhan.
Godinaalee Wallaggaa keessa rakkoo nageenyaa jiru irraa kan ka’e namootni kumaatamni qe’ee isaaniirraa buqqa’anii ture.
Keessumaa haleellaa finxaaleyyiin Amaaraa aanolee godina Wallagga Bahaa fi Horroo Guduruu Wallaggaa keessatti taasisaniin hedduun lubbuu dhabanii kaan qe’ee isaanii irraa buqqa’aniiru.
Mootummaan yeroo adda addaatti tarkaanfii fudhachuun godinaalee Wallaggaa arfan keessatti nageenya buusuuf hojjechaa akka ture hima.
Rakkoon nageenyaa Wallagga keessatti hammaatee ture gara godinaalee Oromiyaa kaaniittis babbal’ateera. Hidhattootni ABO-WBO fi humni nageenyaa mootummaa wal lolaa turaniiru.
Rakkoo kana furuuf Taanzaaniyaatti mariin nagaa yeroo lama gaggeeffame. Garuu osoo hin milkaa’iin hafe.
MM Abiy Ahimed har’a obbolaan wal ajjeesuu hin qaban. Gaaffii ofiin of bulchuuf, afaan koon gargaaramuu jedhu deebi’eera. Aarsaa qaalii itti kaffalee, didee abbaa biyyummaa isaa dhugoomseera,’’ jedhan.
‘’Gaaffiin har’a jiru misoomuu qabna, hattummaan babal’achuu hin qabu kan jedhudha. Kanaaf, garuu du’uun nu hin barbaachisu.’’
MM Godinichatti nageenyi akka bu’uuf uummataaf ergaa dabarsaniin ‘’ijoolleen Oromoo waliin taa’uun elaa fi elaameen mari’achuu dadhabuun dhaabbachuu qaba’’ jedhan.
‘’Nuyi waliin teenyee mari’achuuf ni rakkanna. Garuu diina Oromoo walain taa’uun mari’achuuf karoora baasuun nu hin rakkisu. Oromummaan akkasii eessaa bahe?’’ jedhan.
MM Abiy 'diinota Oromoo' kan jedhan kana eenyu akka ta'an maqaan hin ibsine.
MM Abiy waraanni dhaabatee tukkummaan misoomaaf hojjechuu qabna jedhan.
Garuu waa’ee hidhattoota ABO-WBO maqaa dhahuun waan dubbatan hin qaban.