MM Abiy Naqamte deemanii waa'ee WBO maal jedhan?

Ministeerii Muummee Abiy Ahmad (PhD) Ebla 19, 2023 gara Lixa Oromiyaa deemun magaalaa Naqamteetti hawaasa wajjin mariyachuu isaanii miidiyaalen biyya keessaa gabaasaniiru.

MM gara magaala Naqamtee kan imalan Pirezidaantii naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaafi Afa-yaa'ii Mana-maree Bakka Bu'oota Uummataa Itoophiyaa Taaggasee Caafoo waliin ta'uunidha.

FBC Afaan Oromoo akka gabaasetti, MM Abiy fi Obbo Shimallis Abdiisaa dhimmoota misoomaa, diinagdeefi nageenya Lixa Oromiyaarratti hawaasa nannichaa wajjin mariyataniiru.

Hirmaataan wal-tajjichaa tokko, "Bilchinni isin waraana Kaabaa irratti dhaabatannii ilaaltanii [araara buusuu] raawwattan sun Oromiyaattis gadi dhufee...nagaaf tasgabiin nuuf uumamee waraanni nurraa dhaabatee qamadiin amma jalqabe kun bal'inaan akka itti fufuu dandeenyu" jechuun osoo dubbatanuu gabaasa FBC irratti mul'atu.

Hirmaatan biraa ammoo sababa rakkoo nageenyan warshaaleen sukkaaraa omisha hamma barbaadamu omishaa akka hin jirre dubbata.

MM gaaffiilee hirmaattoota marii magaala Naqamteetti taasifamerraa isaaniif dhiyaatef deebii kennaniiru.

Keessumaa dhimma nageenyarratti ergaa hidhattoota Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO)tiif fakkaatu dubbatan.

Paarlaamaan Itoophiyaa WBO shorrokeessaan ramadee maqaa 'Shanee' jedhuun waama.

"Tokkoffaa, namoonni yaanni keessan ykn yaanni jaraa nurraa adda ta'e nagaan galuu danda'u. Lammaffaa, nagaan galanii tarsiimoosaanii, kaayyoosaanii uummatasaanitti ibsachuu danda'u," jedhan MM Abiy.

Filannoo waggoota muraasa booda gaggeeffamu irrattis hirmaachuu akka danda'an dubbatan.

MM Abiy, haasaa Naqamtetti taasisan kanaan "har'aa kaasanii nagaan galuu danda'u" jedhan.

Haata'u malee, ammas akkuma kanaan duraa akkamiin akka galan, jechuunis ofiidhuma isaanin meeshaa hiikkatanii haa galaniidha moo araaran kan jedhu ifa miti.

Dubbii Muummichi Ministeeraa Naqamtetti dubbatan kan kana dura si'a hedduuf "koottaa galaa" jedhurraa maaltu adda godha? MM Abiy Bitotessa 28, 2023 parlaamaarratti haasaa taasisaniin, "hidhattoota waliin mariyachuuf koreen hundaa'ee hojjataamaa jira" jedhanii dubbatanii turan.

Ji'a Bitootessaa keessa hidhattoota Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) kan mootummaan 'Shanee' jechuun waamu qunnamuuf irra-deddeebiin yaalanii argachuu akka hin dandeenye ibsa Paarlaamaaf kennan irratti kan dubbatan MM Abiy, mootummaan waraanni du'aafi buqqaati ilammilee hedduuf sababa ta'e kun karaa nagaafi mariin furuuf kutannoo qaba jedhanii ture.

Koreen Nageenyaa sadarkaa pirezidantii itti-aanaa Paartii Badhaadhinaatiin durfamu hundeeffamuufi hojiin hojjetamaa jiraachuus eeruun, waan jiru mootummaan isaanii akka ifa godhu himaniiru MM Abiy Ahmad (PhD).

Yeroo ammaa yaaliin nagaafi araara buusuu si’a kudhan taasifamuu eeruun, hidhattoota waliin walqabsiisuun humni caaseffame tokko waan hin jiraanneef humnoota gara garaa irraa yaadawwan gara garaa waan dhiyaataniif adeemsi kun harkifachuu ibsan.

Gaffii araaraa ummanni waggaa 4 oliif gaafatu, garuu ammallee lafarratti hin mul'atiin jiru

Humnoota nageenyaa mootummaafi Waraana Bilisummaa Oromoo gidduutti waraanni gaggeeffamu godiinalee Oromiyaa heddu miidheera.

Uummanni Oromiyaa, keessumaa godinaalee lixaafi kibba naannichaa keessa jiraatan rakkoo hamaa keessa akka jiran yeroo gara garaatti BBCtti dubbataniiru.

Mootummaan akkuma TPLF wajjin araara buuse Oromiyaatis Waraana Bilisummaa Oromoo waliin akka araaramu miseensota parlaamaa dabalatee uummanni yeroo garaa garaatti waamicha dhiyeessa.

Hirmaattonni kaleessa, Ebla 19, 2023, Naqamtetti MM Abiya waliin mariyatanis waraanni dhaabatee uummanni nagaa akka argatu dubbataa turan.

Haata'u garuu, dubbiin MM Abiy "har'aa jalqabanii galuu danda'u" jedhu ifa miti.

Ji'a tokko dura mariin nagaa akka gaggeeffamuuf koreen dhaabachuu dubbatanii amma immoo akkamitti "galuu danda'u" jedhan?

Mootummaan si'a kudhanii ol Waraana Bilisummaa Oromoo qunnamuuf yaalii godhee hin milkaa'in akka hafeefi marii gaggeessuf koreen hundaa'uu MM Abiy, Bitootessa 28 paarlaamarratti dubbatanii turan.

Waraanni Bilisummaa Oromoo gamasaan dubbii yeroosaa eeggate miti jechuun dubbiin MM Abiy parlaamarratti kaasan hasaa jaqlabame danquu akka malu kaasan.

Haata'u garuu, dhiyeenya kana ajajaaa Waraana Bilisummaa Oromoo kan ta'e Kumsaa Dirribaa [Jaal Marroo] bakka qaamni sadaffaan argametti argamanis mootummaan akka irraa hafe dubbachuu miidiyaan Arrata ONM gabaasee ture.

Kumsaa Dirribaa, Ebla 4, 2023, bakka sirna eebba hidhattootaa jedhamerratti argamuun haasaa taasiseen, "bakka qamni sadaffaan jirutti argamnee garuu mootumman irraa hafe" jechuun dubbatee ture.

Dhiyeenya kanammoo ajajaan walii galaa Waraana Itoophiyaa Fiild Maarshal Biraanuu Juulaa humnoonni addaa diigamuu yeroo ibsanitti, "kana booda yaaddon nageenyaa Faannoofi 'Shanee'dha jechuun dubbatanii turan.

Waraanni Kaaba biyyattii nagaan xumuramuu hordofee Oromiyaattis nagaatu bu'a kan jedhu hawwii namoota hedduu ture.

Miseensonni parlaamaa Oromiyaa bakka bu'an waraanni mootummaafi hidhattoota WBO gidduutti gaggeeffamu akkuma kan Tigraay araaran akka xumuramuuf xalayaa parlaamaa biyyattiifi Gamtaa Afrikaatti galchanii turan.

Ameerikaanis rakkoon Oromiyaa mariin akka xumuramuuf waamicha dhiyeessitee turte.

Haata'u garuu, hanga ammaa bu'aan qabatamaan mul'ate hin jiru. Mootumman irra deddeebin "koottaa galaa" jechaa ture.

Haasan MM Abiy Naqamtetti taasisanis kanarraa adda hin fakkaatu. Muummichi Ministeeraa yeroo dheeraa booda gara Lixa Oromiyaa kaleessa deeman.

Ji'oota muraasa dura ammoo Obbo Shimallis Abdiisaa godiinota Lixa Oromiyaatti daawwannaa taasisuun uummata waliin marii taasisaniiru.

Daawannaan MM Abiy amma Lixa Oromiyaatti taasisan dararaafi rakkoo nageenyaa lammiilen waggootaf keessa turan kan furu ta'aa laata?