'Hidhattoota waliin mariyachuuf koreen hundaa'ee hojjetamaa jira' - MM Abiy Ahimad

Hidhattoota Oromiyaa keessa socho'an waliin mari’achuuf koreen hundaa'ee hojjetamaa jira jedhan Ministirri Muummee Abiy Ahimad (PhD).

MM Abiy kana kan jedhan yaa'ii mana-maree bakkabu'oota uummataa Bitootessa 28, 2020 irratti miseensota irraa hidhattoota ilaalchisuun gaaffii ka'aniif deebiyy wayita kennanittidha.

Ji'a kana keessa hidhattoota Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) kan mootummaan 'Shanee' jechuun waamu qunnamuuf irra-deddeebiin yaalanii argachuu akka hin dandeenye kan himan MM Abiy, mootummaan waraanni du'aafi buqqaati ilammilee hedduuf sababa ta'e kun karaa nagaafi mariin furuuf kutannoo qaba jedhan.

Dubbiin MM Abiy Ahmad kun erga baatii tokko dura waamichi araaraa dhihaate booda dhagahame.

Koreen Nageenyaa sadarkaa pirezidantii itti-aanaa Paartii Badhaadhinaatiin durfamu hundeeffamuufi hojiin hojjetamaa jiraachuus eeruun, waan jiru mootummaan isaanii akka ifa godhu himaniiru MM Abiy Ahmad (PhD).

Dhimma kana irratti garuu ammatti hidhattooti waan jedhan hin qaban.

Haata'u malee, gaaffii nagaafi araaraatiif namoonni gidduu deddeeman jiraatus akka fedhii, adeemsaafi haal-duree isaan kaawwatan bakka qaamni sadaffaa jirutti hanga ammaatti qabatamaan wanti lafarratti hojjetame hin jiru jechuun qondaalli WBO dhiyeenya BBCf mirkaneesseera.

Yeroo ammaa yaaliin nagaafi araara buusuu si’a kudhan taasifamuu eeruun, hidhattoota WBO ykn kan ‘Shanee’ ittiin jedhan waliin walqabsiisuun humni caaseffame tokko waan hin jiraanneef humnoota gara garaa irraa yaadawwan gara garaa waan dhiyaataniif adeemsi kun harkifachuu ibsan.

Hidhattoota beneshaangul Gumuz, Gaambeellaa, Qimaantiifi Agawu Shongoo waliin walitti bu’insa jiru karaa nagaatiin furuudhaaf mootummaan waan gaarii hojjechaa jira jedhan MM Abiy.

Humnoota hidhatanii jiran hundaanis karaa nagaa haa filanno ergaa jedha dabarsaniiru Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad (PhD).

Ministirri Muummee yaa'ii paarlaamaa kanarratti gabaasa hojii mootummaa ji'oota ja'an darbanii ni dhiheessu jedhamee eegamaa ture.

Haata'u malee dursanii gabaasa dhiheessuu dhabuu fi gabaasa kana barreeffamaan argachu dhabuu miseensonni mana maree kanaa komataniiru.

Gabaasa asitti dubbisuun yeroo gubuun hin barbaachisu kan jedhan Ministirri Muummee Abiy, gabaasa ji'a ja'aa ergeera jedhan.

Miseensonni dhimma malaammaltummaa, qaala'iinsa jireenyaa fi misoomaawwan bu'uuraa akkasumas dhimma weerara daangaa fi buqqaatii lammiilee ilaallatan kaasaniiru.

'Aangoo gadhiisuuf qophiidhaa?'

Miseensi paarlaamaa Kiristaan Taaddale lammiileen sababa eenyummaasaanii humnoota mootummaan ajjeefamuu fi hedduun ammoo humnoota alaan weeraramuu eeruun gaafatan.

''Nageenya lammiilee fi birmadummaa biyyaaf sodaa guddaan mootummaa isin dursitaniidha. Isin mootummaan keenya biyya ijaara jettu malee miti.

''Aanga’oonni rakkoo guddaa yoo uuman, gaaffiin yoo itti hedduummaate fedhaan aangoo gadhiisu, isin kanaaf qophiidha?

''Dhiittaa mirga namoomaa mootummaan keessan raawwatetti gaafatamuuf qophiidhaa?'' jechuun gaafatan.

Dhimma miseensi paartii mormituu ABIN bakka bu'uun filamanii kanaarratti MM Abiy deebii kennaniin hunda keenya ilaallata jedhan.

''Mootummaa kana kan kuffisu yaada salphaa fi hin bilchaanneen osoo hin taane yaada gabbataa ta’e nama qabatee dhihaateedha,'' jechuun dhimma yaaddoo mootummaa humnaan kuffisuu irratti yaada kennan.

Gaafii aangoo gadhiisuu isaanirratti ka'eef wayita deebii kennan, ''Itti gaafatamummaan yoo jiraate kan hunda keenyaati, an qofaa kiyya addatti waanan raawwadhu hin qabu,'' jedhan.

''Abbaan aangoo uummata, kan kennuus kan fudhatus. Kanaafuu nuti mana maree kana keessatti waan waliin falmineef wanti ta’u hin jiru.

''Yaada filatamaa uummataaf dhiyeessuudha maddi aangoo.''

''Aangoon korojoodhaani malee kennii fi fudhuun miti,'' jedhan.

Dhimma marii nagaa ABO- Shanee

Mootummaan qaamolee hidhatanii naannoo Oromiyaa keessa socho'aniifi Shanee jechuun waamu, isaan Waraana Bilisummaa Oromoo jechuun of waamu.

Waggaa lama duras shororkeessummaan farrajeera. Hidhattoota kana waliin lola karaa nagaan furuuf qophii akka qabu baatii tokko dura beeksiseera.

Erga baatii tokko dura waamichi araaraa mootummaa naannoon ifatti taasifame as garuu sochiin ifatti mul'ate hin jiru jechuun miseensi parlaamaa gaafataniiru.

Rakkoo jiru mariin furuuf koreen Itti Aanaa Paartii Badhaadhinaan durfamu hundaa'ee hojiitti jira jechuun dhimma kana irratti MM Abiy deebii kennan.

''Ji'a darbe kana keessa yeroo kudhanii ol yaalii taasifneerra. Garuu gareen kun bakka tokkotti kan qindaa'e waan hin taaneef hojii qabatamaa hojjechuu hin dandeenye,'' jedhan.

Adeemsi marii nagaa kun Mootummaa Naannoo Oromiyaatiin qindaa'e kan jedhu dogoggora jechuun kan dubbatan bulchaan Itoophiyaa, sadarkaa paartiitti mari'atanii akka murteessanis ibsan.

''Nuti gama keenyaan rakkoon kamuu akka nagaan furamu feena, ni hojjennas.

''Garruu nageenya uummataa eeguuf ammallee tarkaanfii nageenya eegsisuu cimsinee itti fufna.

''Adeemsa marii ittuma jirra, bu’aasaa fuulduratti kan ibsinu ta’a.''

Haata'u malee marii nagaan walqabatee hanga ammaatti qaamni isaan dubbise akka hin jirre hidhattoonni BBCtti himanii turan.

Ministirri Muummee Abiy ''TPLF, Shanee, hidhattoota Beenishaangul Gumuz fi kaan hunda waliinuu rakkoo jiru nagaan furuu cimsinee itti yaa fufnu,'' jechuun miseensota paarlaamaa gaafataniiru.

Weerara humna alaa

Gaaffilee miseensonni paarlaamaa gaafatan keessaa dhimma weerara lafaa humnoota alaan raawwatamuu tokko.

Miseensi paarlaamaa tokko akka dubbatanitti Gondar Lixaa karaa Matammaa humni Sudaan seenuun ooyiruu qonnaan bulaa weerareera, hedduu buqqiseera.

Misoommaawwan bu’uuraa, maneen barnootaa, buufataaleen fayyaa barbadaa’aniiiru. Mootummaan rakkoo kana maaliif furuu dadhabe? fuulduraaf maal karoorfate? jechuun MM Muummeef gaaffii dhiheessan.

Miseensi kan biraan ammoo Naannoo Kibba Lixa Itoophiyaa fi Gambeellaan Sudaan Kibbaa daangessanitti hiidhattoonni daangaa qaxxaamuruun weeraraa fi haleellaa geessisu, uummata buqqisu. Kanarratti ejjennoon mootummaa maali? jechuun gaafatan.

Ministirri Muummee Abiy dhimma Sudaan waliin walqabatee waan jiruun mariidhaan furra jedhan.

''Humna waraanaan deemuun gatii guddaa nama baasisa, rakkoon jirus akka dhihaate kanatti hammaataa miti,'' jedhan.

Sudaan Kibbaa biyya weeraruuf humna hin qabdu kan jedhan MM Abiy, ''Tibbana loon isaanii qabatanii kan dhufan jiru. Mootummaa Sudaan Kibbaa waliin mari’annee furmaata ni keenya,'' jedhan.

Yaaddoo nageenyaa Finfinnee fi aangoo mootummaa

Gaaffiin biraa miseensonni paarlaamaa kaasan waa'ee qaamoleen garaagaraa kutaalee biyyattii adda addaarraa gara magaalaa Finfinnee seenuun mootummaa kuffisuuf yaalu jedhaniiti.

Torban muraasa dura kantiibaan magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebee namoonni naannoleerraa gara magaalaa Finfinnee ''godaanaa'' jiru jechuun yaaddoo ibsaniiru.

Dubbii isaanii kana paartileen mormituu qeeqanii turan.

Miseensonni paarlaamaa guyyaa har'aa gaaffii dhiheessan, kana qolachuuf mootummaan maal hojjetaa jira? jechuun gaafatan.

MM Abiy gaaffii kana wayita deebisan ''Bilisaan socho’uun mirga lammiilee Itoophiyaa hundaati. Garuu yakkaaf yoo ta’e hin eeyyamamu,'' jedhan.

Godaansi gara Finfinneetti heddummaateera kan jedhan MM Abiy, ''kan bara kanaa kan waggaa 7, 6 darbee caala,'' jedhan.

''Finfinnee keessa kan da’eeffatanii jiraatan dhibbeentaa 96 jiraattota magaalattii miti.''

Biyya keessaa fi alaa mootummaa humnaan kuffisan jedhanii oduu facaasan jiraachuu himuun, kana to'achuuf oppireeshinii gaggeessaa akka jiran himan.

Hojii oppireeshinii tokkollee ragaa qabatamaa malee hin hojjenne kan jedhan MM Abiy ''garuu wayita hookkara hambisuuf hojjennu sochiin lammiilee nagaa hin gufatu jechuu akka hin taane,'' ibsan.

''Fuuldurattis Finfinnen bakka jeequmsaa akka hin taane ammas hojiin ciminaa hojjetama.''

''Sakatta’iinsi itti fufa, yakkamtoota qabuun itti fufa. Nageenyi lammiilee nagaa ammoo ni mirkanaa’a.''

Itoophiyaan kan hundaati kan ejdhan MM Abiy, ''yeroo baayyee finxaaleyyiin Oromoo fi Amaaraa akka biyyi kansaanii qofa ta’eeti ilaaluu hin qaban,'' jedhan.

''Baayyina qaban misoomaaf malee badiif itti fayyadamuu hin qaban.''

Kutaalee biyyattii hedduu keessatti namoonni butamuun hammaateera kan jedhan MM Abiy, kanaaf hidhattoota himatan.

''Kan of uggurus ammoo jira,'' jedhan.

Kanaaf humnoonni nageenyaa bakka hundatti lakkoofsi madaalawaan akka jiraatu ni goona jechuun dubbatan.

''Badhaadhinni biyya ganeera kan jedhu qoosaadha''

Kutaalee biyyattii hunda keessatti rakkoon walitti bu’iinsaa, qe’eerraa buqqa’uu fi ajjeechaa kann jiru ta’us naannolee Oromiyaa fi Amaaraa keessatti rakkoon kun hammaachuu kaasan miseensonni paarlaamaa.

Kanarratti mootummaan harkifachuu fi keessattu qoqqoodiinsi paartii badhaadhinaa keessa jiru rakkoo kana humna qindaa’een furuu irra akka babal’atu godheera jedhan.

Dabalataan qoqqoodamiinsi Badhaadhina keessatti yeroo ammaa jiru kan biyya ijaaru osoo hin taane, biyya kann diiguudha jechuun kann himatamu yoo ta’u, miseensi paarlaamaa tokko yaada kana dhiheessuun, ''Dhuguma badhaadhinni biyya diigaa jiraa? Biyya ganeeraa? '' jechuun gaafatan.

Mootummaan biyya diigaa jira kan jedhu akka gaaffiitti nan kabaja, garuu qoosaa waggaa kanaati jedheen fudha jedhan MM Abiy.

''Itoophiyaa keessatti humnoonni seera raawwachiisan- Raayyaa Ittisaa, tikaa fi nageenya ijaarre Itoophiyaan akka ijaaramtuuf malee diigamtuuf miti.''

''Amma qaamni Itoophiyaa diigu keessaa dhiisii, alaayyuu dhufee hin danda’u'' jedhan.

Dhimma nageenya biyyattii yeroo ammaarratti wayita yaada kennan, ''Nageenyi haala kanaan dura turerra fooyya’eera.Waraanni kaabaa dhaabbachuun tarkaanfii guddaa tokko, garuu nageenya waaraa fiduuf hojii guddaatu hafa,'' jedhan.

''Deebisanii ijaaruu bajati isaa isin biratti ragga’ee hojiitti gallee hojjetaa jirra. Garuu rakkoon bakka tokko qofa osoo hin taane bakka hedduu waan jiruuf hunda yeroo tokkotii deebisuun hindanda’amu.''

Itoophiyaa keessatti siyaasa walkuffisanii darbuu, shiraa fi humnaatu lafa qabate kan jedhan MM Abiy, nageenya biyyattiif barbaachisu fiduun yeroo gaafata jedhan.

''Nageenya fiduun akkuma waraana gaggeessuu ulfaata, kanaafuu nageenya fiduuf fedhii keenya moggaatti dhiisuu gaafata,'' jedhan.

''Miidiyaaleen gabaa argachuuf jecha biyya diigaa jiru''

Miseensonni Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa miidiyaaleen biyyattii hedduun tokkummaa uummataa uumuurra walitti bu’iinsa kakaasuurratti hojjechaa akka jiran kaasuun, mootummaan kanarratti ejjennoonsaa maali? Maaliif dhaabuun dadhabame? Badii qaqqabeef eenyutu itti gaafatama? Jechuun gaafataniiru.

MM Abiy dhimma miidiyaarratti gaaffii ka’eef wayita deebii kennan, ''miidiyaa gosa adda addaa lakkoofsaan garmalee heddummaate keessaa uummati filatee kan isa fayyadu dhaggeeffachuu qaba,'' jedhan.

''Gama kanaan dhaggeeffataarra itti gaafatamummaan jira.''

Walabummaan miidiyaa daangaa qaba kan jedhan MM Abiy, hanga uummata walnyaachisuutti ga’uu hin qabu jedhan.

''Namoonni bilisummaa kan barbaadaniif itti gaafatamummaa jalaa ba’uuf ta’uu hin qabu. Walabummaa yoo barbaadde, gaafatama walabummaa waliin dhufu fudhachuu qabda.''

Miidiyaaleen gabaa argachuuf jecha waan hin taane gabaasuu qofa osoo hin taane, baayyisanii gabaasaa jiru jedhan.

''Miidiyaaleen akkasii morma kutanii faaya mormaa warra fudhataniidha.''

Dhaggeeffachuu dhiisuun adabuu dandeenya kan jedhan MM Abiy, gama seeraanis Abbaan Taayitaa Biroodkastii Itoophiyaa tarkaanfii isaa cimsee itti fufa jedhan.