Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Murtee TPLF tarree shorkeessummaa jalaa baasuu: Deeggarsaafi mormii dhihaate
Manni Maree bakka bu'ootaa Adda Bilisa Baasaa Uummata Tigraay (TPLF) irraa shororkeessummaan akka haqamuuf sagalee caalmaan Bitootessa 22, 2023 murteesseera.
Walga'ii addaa paarlaamaa kanarratti miseensota jiran 500 keessaa 280 qofatu argaman.
Murteen TPLF tarree shororkeessummaa jalaa baase kunis sagalee mormii 61 fi callisa shaniin sagalee caalmaa argatee darbe.
Manni Maree Bakka Bu'oota Uummataa TPLF tarree shororkeessummaa jalaa baasuu irratti yaadawwan mormiifi deeggarsaatu ka'ee ture.
Paartileen mormitootaa ABIN fi EZEMA ibsa baasuu dabalatee miseensonni paartilee kanaa cimsanii mormaniiru.
Dura Ta'aa Kongirasii Federaalawaa Oromoo (KFO) Piroofeesar Mararaa Guddinaa gama isaaniitiin waliigalteen nagaa Piritooriyaatti erga mallatteeffamee TPLFn tarree shororkeessummaa jalaa baasuun waanuma eegamuufi ta'uu kan qabudha jedhan.
Jalqabumayyu adeemsi TPLF ittiin tarree shororkeessummaa jala gale sirrii miti kan jedhan Pirof. Mararaa, "erga Piritooriyaatti achiin booda ammoo Keeniyaatti waliigaltee mallatteessaniin booda hanga yoonaa turuuyyu hin qabu ture," jedhan.
Piroofeesar Mararaa dhimma kana irratti BBCf yaada isaanii yeroo kennan, paartileen TPLF shororkeessummaa jalaa bahuu morman kunneen ofii isaaniiyyu bilisa miti jedhan.
"Paartileen [IZEMA fi ABIN] kanaan dura mootummaa jala deemuun 'gifaa balaw' jechaa lubbuun hanga kanaa akka baduufi qabeenyi akka manca'u gochuu keessatti gahee qabu. Waan keessatti qooda fudhachaa turan kana keessa darbuuf akkas jedhu malee duraanuu yeroo galan kana beekanii galuun irra ture, " jedhu Pirof Mararaan.
TPLF galmee shororkeessummaa keessaa haquuf murteen taasifame qaama waliigaltee nagaa buusuu mootummaa Federaalaa TPLF gidduutti mallattaa'e ta'uu kan himan Pirof. Mararaan, mariin Kaaba Itoophiyaatti waraana dhaabanii nagaa buusuuf taasisaan kun Oromiyaattis ta'uu akka qabu gaafatan.
Rakkoo hamaa Oromiyaarra bubbule kanas mootummaan akkuma kan Tigraay waliinii sana akka furuuf irra deddeebiin gaafachaa akka turan kan himan Pirof. Mararaan, "bara Oromoon aangoo qabatee jira jedhamutti qe'ee Oromoo nagaa dhabe arguu caalaa wanti nama qaanessu hin jiru,"jedhan hayyuun siyaasaa buleessi kun.
TPLF tarree shororkeessummaa jalaa baasuun nageenyi waaraa hin dhufu kan jedhe EZEMA'n ammoo, murteen kun yeroosaa kan hin eeggannee fi sirrii akka hin taane ibse.
ABIN gamasaan murteen kun bakka miseensonni paarlaamaa garri caalaan hin jirretti darbuu fi miseensonni 60 caalan mormuu kaasuun, murtee haala kanaan darbe kan mormuu fi seera qabeessas akka hin taane ibse.
Paartileen kunneen ibsa baasuun alatti miseensonni isaanii paarlaamaa keessa jiranis wayita murteen kun darbaa turetti mormii dhageessisaniiru.
EZEMA fi ABIN ibsa mormii mata mataan baasaniin, waraana kaaba Itoophiyaan walqabatee waliigaltee Piriitooriyaatti irra ga'ame mootummaan federaalaa fi TPLF guutummaatti hojiirra oolchaa akka hin jirre eeran.
Hidhannoo hiikkachiisuun osoo hin xumuramin, Mootummaan Ce'umsaa Tigraay olaantummaa mootummaa federaalaa jalatti osoo sirnaan hin hundaa'in, haleellaa fi yakkoota raawwatamaniif osoo itti gaafatamni hin jiraatin, raayyaan ittisaa guutummaatti Tigraay osoo hin to'atin murtee kana fudhachuun dogoggora jedhe EZEMA'n.
''TPLF shororkeessummaa jalaa baasuun itti gaafatamummaa jalaa baasuudha kan jedhu EZEMA'n, sababa kanaan miidhaa ''karaa TPLF biyyarra ga'uuf kan itti gaafatamu paartii Biltsiginnaati,'' jedhe.
ABINis gamasaan waliigalteen Piriitooriyaa waraana waggoota lamaaf ture dhaabsise osoo guutummaatti hojiirra hin oolin garee TPLF shororkeessummaa jalaa baasuun ''murtee dabaa fi gaafatamummaa hin qabneedha,'' jedhe.
''Murteewwan daba of keessaa qaban akkanaan miidhaa uummataa fi biyya keenyarra ga'uuf mootummaan federaalaa itti gaafatamummaa fudhachuu qaba,'' jechuun ABIN ibsa baase keessatti eereera.
Ogeeyyiin murteen parlaamaa waan gaariitti akeeka jedhanii kaasu.
Ogeessi seeraa Bahaar Omaar kuni qaamoleen waliigaltee raawwatan murannoo waliigaltee sana hojiirra oolchuuf qaban agarsiisa jedhu.
Kunis hariiroo mootummaa federaalaa fi Naannoo Tigraay akkasumas dhaaba TPLF gidduu kan cimsu jechuun himu. Waraanni waggaa lamaaf adeeme hariiroo kana laaffisee ture.
Dabalataan, hirmaannaa Naannoon Tigraay mootummaa federaalaa keessatti taasisus akka dabalu taasisuu mala jechuun ibsu.
Waraanni Tigraay eegalee ji'oota muraasa booda Manni Maree Bakka Bu'oota Uummataa ALI Ebla 28, 2013 TPLF garee shororkeessitootaa jalatti ramade.
Roobii kaleessaa (Bitootessa 22, 2023) TPLF garee kana jalaa haquuf walga'ii hatattamaa waamamerratti Ministirri Haqaa Geediyoon Xiimootiyoos (PhD) fi Gorsaan nageenya biyyaalessaa Ministira Muummee Abiy Ahmad Ambaasaaddar Redwaan Huseen argamaniiru.
Ministirri haqaa akka jedhanitti murteen qaama hojiirra oolmaa qabxiiwwan waliigaltee Piriitooriyaa keessaa isa tokko.
Ambaasaaddar Reedwaan gamasaaniin TPLF shororkeessaadha jedhamee kan farrajameef sababa yaad-rimee siyaasaa adeemsisuun hin turre jedhan.
Sababi ijoon ''humna diinagdee fi siyaasaa TPLF to'achuu, keessattuu humna tika biyyaalessaa fi poolisii federaalaa cimsuuf qofa,'' jedhan.
TPLF tarree shororkeessummaatii baasuu ilaalchisuun gama paartichaan wanti bal'aan jedhamuu baatus, Dr Dabratsiyoon Gabramikaa'eel murteen kun bulchiinsa yeroofii naannoo Tigraay hundeessuuf akkam barbaachisaadha jedhan.