Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Itoophiyaatti hanni yaaddoo nageenyaa guddaa uumeera jedhe Paartiin Badhaadhinaa
Hanni gosa garaa garaa biyyattii mudachuu irraa kan ka'e nageenyaa biyyattii laamshessaa jiraachuu Paartin Badhaadhinaa ibse.
Paartichi kana kan jedhe kora koree hoji raawwachiiftuu guyyoota lamaaf gaggeesse booda ibsa gaafa Bitootessa 18, 2023 baaseeni.
Ibsa kanaan: "Itoophiyaan riqicha gara boqonnaa guddaatti ishee geessurra jirti" jechuun danqaalee biyyattii mudatan shan tarreessa.
Kanneen keessaa hanni tokko yoo ta'u, "Humnoonni afur wal-ta'uun raawwataa kan jiran hanni dugugguraa nageenya keenyaa daakaa jira" jecha ibsi koree hoji raawwachiiftuu Paartii Badhaadhinaa.
Gareen hattootaa afur wal ta'uun hannaan yaaddoo nageenya biyyaa ta'an kunneen mootummaa keessatti kan argaman, abbootii qabeenyaa, kanneen sabummaa dahoo godhataniifi miidiyaa akka ta'e eera ibsi kun.
Gareewwan kun caasaa mootummaafi aangoo, qarshii, dahoo sabummaa, akkasumas karaa miidiyaa hattootaf maqaa gaarii kennu jedha.
"Hattoonni yoo qabaman maqaa saba isaanii dhahuun akka waan uummanni miidhamee fakkeessu," dursa gaggeessitoonni, miseensonniifi kdeeggartoonni paartichaa harka isaanii qulleessannii hannarratti haa bobba'an jedha ibsi kun.
Sadarkaa mootummaa federaalafi naannotti hanni akka malee babal'achuu uummanni roorroo dhageessisaa ture.
Hanna dhaabbilee garaa garaa keessatti hammaate ittisuufi itti gaafatamummaan mirkaneessa jechuun mootummaan ji'oota dura koree farra malaammaltummaa angawoota mootummaa olaanon durfamu hundeessun isaa ni yaadatama.
Kanaanis aangawoota mootummaa olaanoo dabalatee namoonni heddu yakka malaammaltummaan shakkamanii to'atamuun dhimmi isaanii harka mana murtii jiraachun gabaafamee ture.
Rakkoon biraa biyyattii hudhee qabe jedhee paartichi lafa kaa'e qaala'iinsa jireenyaa yoo ta'u yeroo gabaabafi dheeraa keessatti rakkinicha furuuf mootummaan tarkaanfii fudhataa jiraachus hima.
Rakkoo omishaafi dhiyeessii irratti mudatu furuu, kellaawwan bakka bakkatti kaa'aman kaasuu, akkasumas dhorkaa seeran alaafi saamicha gaggeeffamu seera kabachiisufi gaggeessitootan furmaata itti gochuudha.
Gama biraan ammoo rakkoo uummataan kanneen badhaadhuu barbaadan adamsuufi omishtootafi gabaa gidduutti xaxaa warra uumman irratti tarkaafii fudhachuu akka ta'e eera.
Rakkoon biraa biyyattii hudheera jedhee Paartin Badhaadhinaa ibse itti gaafatamummaa ofii osoo hin bahatin bilisummaa sirnaan itti fayyadamuu dhabuudha.
Maqaa bilisummaatin "seera cabsaa, mirga warra kaanii dhiitaa, walitti bu'iinsafi jibba uumaa, biyya jeequn yakka," jedha. Akkasumas aangawoonni mootummaa haasafi gochaa tokkummaafi sab-daneessummaa biyyattii faalu irraa akka of-qusatanis ni akeekkachiisa.
Koreen hoji raawwachiiftuu Paartii Badhaadhinaa ibsa baase kanaan rakkoo biraa biyyattii mudateedha jedhee kaa'e rakkoo seenaa biyyattiin dabarsite keessatti osoo hin furamin kan hafee as gaheedha.
Biyyattiin seenaa boonsaa akkuma qabdu, "faallaa isaa ammoo seenaa keenya keessatti osoo hin furin, rakkoo dabalataa goonee kan dabalannefi kan irratti walii hin galle "idaatu nurra jira" jechuun ibsa.
Rakkoo kana ammoo mariin, dhiifamaafi araaran furuu qabna jechuun waamicha dhiyeessera paartichi.