Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Daawwannaafi mariin bulchitoota biyyoota Gaanfa Afrikaa tibbanaa maal akeeka?
Gaanfi Afrikaa rakkoolee kanneen akka walitti bu’iinsa, waldhabdee daangaafi giddu-seentummaa biyyoota dureeyyin naannoo yeroo dheeraaf jeeqamuudha.
Waraanni waliinii Itoophiyaatti waggoota lamaaf gaggeeffamee ture taatee giddu seentummaan biyyoota ollaafi dhiibbaan biyyoota dureeyyii itti mul’ateedha.
Dhimmoota Gaanfa Afrikaa xinxaalun kan beekamu Sayid Abduraahiman Abu Hashim naannichatti sochiin dippilomaasii guddaan akka taasifamaa jiru kaasa.
Sochiiwwan dippilomaasii taasifamaa jiran maal fa’i?
Sochiiwwan dippilomaasii taasifamaa jiran keessaa tokko ji’oota muraasa dura daawwannaa gaggeessitoonni Ertiraafi Keeniyaa taasisaniidha.
Waraanni mootummaa Itoophiyaafi TPLF gidduutti gaggeeffamee ture karaan nagaan akka furamu qaamota dhiibbaa gochaa turan keessaa tokko Keeniyaa yoo taatu bara bulchiinsa Uhuuruu Keeniyaataa walitti dhufeenyi Keeniyaafi Ertiraa jabaa hin turre.
Pirezidaantin Keeniyaa Wiiliyaam Ruuton Mudde 9, 2022 daawwannaaf Asmaraa deemanii turan. Isaayas Afawarqiis ji’a tokko booda gaafa Guraandhala 8, 2023 dawwannaa guyyaa lamaaf Naayiroobii dhufanii ture.
Biyyoonni lamaan waliigalteewwan barbaachisoo mallatteessuu bira darbee pirezidaant Isaayas biyyasaanii Ertiraa gara IGADtti deebisuuf walii galan.
Dabalataanis Pirezidaant Isaayas gara Saa’udii Arabiyaa deemun Mohaammad Biin Saalman waliin mariyataniiru.
Gama biraan ammoo Pirezidaantin Somaaliyaa Hasan Shek Mohaamad waggaa tokko osoo hin guutin si’a sadi daawwannaaf gara Ertiraa imalaniiru.
Bara 2011tti waggoota hedduuf Sudaan bulchaa kan ture Omar Hasan al-Bashir fonfolcha mootummaan aangoo gadi dhiisuu hordofee Ertiraan jijjiirama taasifame deeggaruun aangawoonni biyyoota lamaanii ifatti daawwannaa osoo taasisanii mul’ataniiru.
Inumaayyuu bara darbe Ertiraan rakkoo siyaasaa Sudaan keessa jiru furuuf ni gargaara yaada jettu dhiyeessitee turte, yaadni furmaataa sun fudhatama dhabus.
Haa ta’u garuu siyaasa Sudaan keessatti dhageettii guddaa kan qaban Leetinaant Jeneraal Mohammad Dagalo jalqaba torban kanaa gara Asmaraatti imaluun Pirezidaanr Isaayas waliin wal arguun mariyataniiru.
Guyyaadhuma sana MM Abiy gara Sudaan Kibbaa imaluun Pirezidaant Salvaakirfi ittaanaa isaanii Riik Maachar waliin mariyataniiru.
Dabalataanis barreessaa olaanaa IGAD kan ta’an Warqinaa Gabayyoo dura taa’aa Mana Maree Walabummaa Sudaan Jeneraal Abdulfattaa al-Buraan wajjin dhimma nageenya naannichaa irratti mariyataniiru.
Sochiiwwan dippilomaasii kunneen wayita gaggeeffamanitti Gaanfi Afrikaa xiyyeeffannoo biyyoota akka US, Ruusiyaafi Chaayinaa jalaa kan dhokate miti.
Ji’a Muddee, 2022 keessa ministiirri dhimma alaa Raashiyaa Sargee Laavrov Ertiraatti Pirezidaant Isaayas Afawarqii waliin wal arganiiru. Akkasumas ji’a Adoolessaa keessa Itoophiyaa dabalatee biyyoota Afrikaa afur daawwatanii turan Sargee Laavrov.
Dhiibbaa Raashiyaan Afrikaarratti qabdu laaffisuuf ministirri dhimma alaa US Antoonii Biliinkan biyyoota Afrikaa sadi daawwatan.
Walgahiiwwan waraana Raashiyaan Yukireen weeraruu mormu irratti Ertiraan deeggarsa Raashiyaaf laachun ishee walitti dhufeenyi biyyoota lamaanii cimaa dhufuu akka agarsiisutu himama.
Irra deebin Antoonii Bilinkan daawwannaa isaanii gara Afrikaatti taasisan Itoophiyaatti eegalun gara Niijer deemanii jiru.
Kuni hundi ergaa siyaasaa maal dabarsa?
Dhiibban Ameerikaa dur ture amma “Chaayinaafi Raashiyaan qoramaa jiraachu” hima Asaayid Abdurahman.
Yeroo waraana hololaatii kaasee dhiibban Raashiyaan Gaanfa Afrikaatti qabdu kan waraanafi nageenyaa caasaa diinagdee akka hin qabne kan dubbatu Asaayid “dhiibban Chaayinaa diinagdee wajjin wal qabatuuf Ameerikaaf qormaata” jedha.
“Chaayinaan amma aangoo diinagdeetif dursa kennuun dhufaa jirti, keessumaa investimentii misoomawwan bu’uuratiin. Sochiin diinagdee Chaayinaan naannichatti taasiftu ammatti kan diinagdee ta’us, oolee bulee kan waraanaa ta’uu waan hin oollef Ameerikaaf yaaddoo guddaadha.”
Sochiin Ameerikaan addatti Gaanfa Afrikaatti taasisaa jirtu dhiibbaa Chaayinaafi Raashiyaa naannichatti dabalaa dhufe laamshessuuf akka ta’e hima xinxaalan dhimma Gaanfa Afrikaa kun.
Walitti dhufeenyi biyyoota Gaanfa Afrikaa hoo maal agarsiisa?
Biiyyoonni Gaanfa Afrikaa kun wal-ta’anii hin dhaabbanne yoo ta’e naannichattis ta’ee wal-tajjii idila addunyaatti dadhaboofi saaxilamoo akka ta’an “waan hubatan afakkaata” jedha Asaayid Abdurahman.
Gaanfi Afrikaa diinagdee, baay’ina uummataafi istiraateejiidhaaf naannoo barbaadamaa ta’uu isaarraa kan ka’e Itoophiyaa, Ertiraafi Somaaliyaan waliin hojjachuuf bara 2010 walitti dhufeenya cimaa uumanii akka turan yaadachiisa.
Walta’iinsa kana fayidaa qaamota alaa akkasumas fayidaa naannichaafi idila adddunyaa yaada keessa galchuun ka’uu dhabuurraa kan ka’e rakkoon akka mudate hima.
Fakkeenyaf wal-ta’iinsi biyyoota sadeen kanaa Masiriin kan hin fayyanne yoo ta’e ni mormiti. Ameerikaanis akkasuma akka ta’e ibsa.
Dhimma Gaanfa Afrikaa irratti fayidaan Masirii dhimma laga Abbaayfi Hidha Haaromsaa Guddichaan wal-qabata. Akkasumas galaana Diimaa irraallee fedhii ni qabdi.
Masiriin galii dolaara biliyoona heddu karaa Bo’oo Siwiiz irraa argattu karaa galaana Diimaa kallattiin dhiibban irra gahuu danda’a.
Fedhiin tarsiimoo Masiriin Gaanfa Afrikaarraa qabdu akkasumas ijjannoon michoota ishee warri ta’an biyyoonni Lixaa fudhatan naannicharratti dhiibbaa akka geessisu ibsa Asaayid.
Walta’iinsi biyyoota sadanii rakkoo akka godhatu kan biraa ammoo keessoo isaaniirraa akka madde hima. “Mootummoonni biyyoota kana sadanii fakkeenyaf uummata kana baka bu’an, dirree dimokiraasii kan uumaniifi mootummoota ciccimoo fudhatama qaban miti,” jedha.
Rakkoo keessoo osoo hin furin walta’iinsi godhamu kan yeroo gabaabaa yoo ta’en ala walta’iinsa cimaafi itti fufiinsa qabu akka hin taane kaasa Asaayid Abdurahman.
Ammas taanan rakkoo keessoosannii osoo hin furin sochiin biyyoonni kun taasisaa jiran bu’aa baay’ee argamsiisuu akka dandeenye hima.
Akka Asaayid Abdurahman jedhutti biyyoonni Gaanfa Afrikaa kanneen akka Ertiraa, Itoophiyaa, Somaaliyaafi Sudaan dursa rakkoo keessoo isaanii furachuu qabu. Walta’iinsi naannoo cimaan kan uumamu keessoo isaanitti cimoo yoo ta’aniidha.
Ertiraan biyya cimtuu ta’uu baattus dhiibban isheen naannichatti gootu akka salphaatti akka hin ilaalamne akeeka Asaayid.
“Pirezidaant Isaayas fedhii isaanii eegsisuuf dandeettin waa fayyamuufi muuxannoon waggaa 50 kuufatan salphaa miti.”
“Haa ta’u garuu kan isaan barbaadan Ertiraa Gaanfa Afrikaatti cimtuu taatefi Ameerikaa, Chaayinaa ykn Raashiyaadhan barbaadamtu gochuudha.”
“Akka yaada isaanitti milkaa’an ta’uu danda’a. Itoophiyaarratti dhiibban isaanii ifaadha,” jedha.
Haa ta’u garuu walitti dhufeenyi Somaaliyaafi Ertiraa itti fufuurraa kan ka’e Somaaliyaarratti dhiibban Isaayas salphaa akka hin taane dubbata. Sudaanirratti akkasuma.
“Pirezidaantichi kan dogoggoran, biyya dadhabduu gara kaampii waraanatti jijjiiran qabatanii dhiibbaa walitti fufiinsa qabu fiduu akka hin dandeenyedha. Hir’ina lakkoofsa uummataa, diinagdee dadhabaa, bulchiinsa dhaabbilee mootummaa dadhaboo biyyi qabdu dhiibbaa itti fufiinsa qabu uumuu hin dandeessu.”
Kanarraa ka’uun gaaffifi deebin Pirezidaant Isaayas dhiyeenya kana taasisan haala biyya keessa jiru furuuf abdiin akka hin jirre kan namatti agarsiisu ta’uu kaasa.
Kuni ta’ee osoo jiruu, biyyoota kana gidduutti walitti dhufeenyifi mariin jiraachun waan gaarii akka ta’es ni kaasa.
Walitti bu’iinsi daangaa Itoophiyaafi Sudaan gidduu jiru qabbanaa’aa deemun isaas waan kan biraa abdii namatti horuudha jedha Asaayid.
Dhimmi Kaaba Itoophiyaa hoo?
Waraanni Kaaba biyyattii karaa nagaan dhumus haalli Tigraay keessa jiru guutummaatti harka mootummaa federaalaa jira jechuuf akka nama rakkisu dubbata. Kuni ammoo haala siyaasafi waraana fuulduree biyyattiif balaa akka ta’e yaaddoo isaa hima.
"Kanaan dura humnoonni Tigraay deeggarsa [hawaasa] idila addunyaa argatanii Maqalee ka'anii gara Fininneetti haalli itti dhufan sun deebi'ee hin uumamu jechuu hin danda'u. Kuni haala biyyattiifi naannichaa keessa jiru yaaddessaa taasisa."
Caalmatti ammoo mootummaa Itoophiyaa Tigraay qofaatti osoo hin taane naannolee biyyattii keessa jiran heddu keessatti qormaanni mudataa jira.
Waraanichaan badiin guddaan qaqqabee erga walii galteen mallattaa'ee booda humnoonni Tigraay deebi'anii waraanatti seenun mootummaaf qormaata ta'uu kan jedhu gaaffii namoota hedduuti.
"Dhuguma yaaddoo ni ta'u!" jechuun deebisa Abdulrahman Abuhashim. "Gama waraanan [yoo ilaalle] humnoonni federaalaa humnoota Amaarafi waraana Ertiraa waliin ta'uuni humnoota Tigraay qolachuu kan danda'e."
"Erga walii galteen taasifamee booda humnoota meeqatu hiikkatee kaampiwwan keessa jira? Meeshaalee waraanaa keessaa kan fuudhame hangami?" jechuun ija waraanan yaaddoo guddaa akka ta'e hima.
Haalli naannoo Oromiyaafi Amaaraa keessa jiru mootummaarratti dhiibbaa kan uumu ta'uu yaada keessa galchuun "haalichi mo'icha qaama tokkoon kan xumurame ta'uu dhabuun isaa boqonnaa kan namaa laatu miti" jedha Abdulrahman Abuhashim.