Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Rakkoo nageenyaa oomisha warshaalee sukkaaraa Itoophiyaa qoraa jiru
Warshaan sukkaaraa Arjoo Dhidheessaa gama Lixa Itoophiyaatti argamu haleellaan si'a lama hidhattootaan erga irra gahee booda oomisha dhaabee ture.
Yeroo ammaa garuu warshaan kuni deebisee oomisha jalqabuu hojii gaggeessaan warshichaa BBC'tti himaniiru.
Sababa rakkoo nageenyaafi kaaniin Itoophiyaan oomisha sukkaaraa oomishuu dandeessu keessaa walakkaa qofa oomishaa akka jirtu mootummaan ibseera.
Hammi ummatni sukkaara fedhu immoo waan dabaleef gatiin sukkaaraa yeroodhaa yerootti dabalaa jira.
Fedhii jiru kana guutuuf mootummaan kuntaala miiliyoona lama ta'u alaa galchaa akka jiru Korporeeshiniin Sukkaaraa Itoophiyaa BBC'tti himeera.
ALI ji’a Adoolessaa fi Onkololessaa bara 2014 keessa hidhattoonni Waraana Bilisummaa Oromoo kan mootummaan Shanee jedhuun, warshicha seenanii konkolaattota gurguddaa fi xixiqqaa dabalatee maashinoota 17 gubuu warshichi ibseera.
''Kan hojjetee jiraatu ummatuma keenya. Warshaan kun kan keenya, miidhamuu hin qabu’’ jechuun hojjettoonni warshichaa hidhattoota gaafachuun abiddichi gara warshaatti akka hin seenne godhan jedhan Hojii Gaggeessaan warshaa Sukkaara Arjoo Dhidheessaa Obbo Miijanaa Biqilaa.
''Garuu man-kuusaa banuun saamichi meeshaalee adda addaa irratti gaggeeffameera. Haata'u malee, qaamni saamicha sana raawwate yeroo sanatti eenyu akka tahe hin beekamu.’’
Amma haalli nageenya naannichaa gaarii tahuusaa kan himan Obbo Miijanaan, poolisii humna addaa Oromiyaa fi federaalaan eegumsi godhamaafii jiraachuus himaniiru.
Obbo Miijanaan dabaluunis, ''Warshaaleen sukkaaraa akka Finca’aa, Matahaaraa fi Wanjii deeggarsa meeshaalee adda addaa nuuf gochuun gara oomishaatti galleerra,'' jedhan.
Warshaan Sukkaaraa Arjoo Dhidheessaa hojjettoota dhaabbii 1,000 fi hojjettoota yeroo 700 ol qaba.
Garuu sababa rakkoo nageenyaatiin hojjettoonni naannoo biraa irraa dhufanii warshicha keessa hojjetaa turan dhiisanii waan deemaniif lakkoofsi kun akka hir’atelleen Obbo Miijanaan BBC'tti himaniiru.
Warshaan kuni jalqaba lammii Paakistaaniin kan jalqabe yoo tahu, erga abbaan qabeenyichaa dhiisee baheen as maqaa isaa Al-Habash irraa Arjoo Dhidheessatti jijjiirachuun oomisha itti fufe.
Warshichi lafa hektaara 25,000 tahu irratti shonkoraa misoomsa jedhamee jalqabamus, hanga ammaatti pirojektichi guutummaatti waan hin xumuramneef lafa hektaara 5,000 hin caalle irratti qofaa shonkoora misoomsaa ture.
Kana keessaa beenyaan qonnaan bulaaf yeroodhaan waan hin kaffalamneef, ibsaa gahaan jiraachuu dhabuufi hidhi pirojektichaaf qabame osoo hin xumuramiin hafuun rooba eeguun qofa shonkoraa waan oomishaa jiruuf gara hektaara 2,000'tti gadi bu'uus himan.
Guyyaatti sukkaara kuntaala 6,000 oomisha jedhamee jalqabamus ammatti warshichi sababa hanqina oomisha shonkoraa fi sababoota nageenyaan wal qabatee, waggaatti sukkaara kuntaala 51,000 oomishaa akka jirus dubbatan.
Warshaan kun Lixa Oromiyaa Godina Wallagga Bahaa aanaa Jimmaa Arjoo keessatti kan argamu yoo tahu, naannoo laga Dhidheessaatti shonkoora oomisha.
Itoophiyaan Sukkaara ummatasheef gahu oomishtii?
Itoophiyaatti gatiin sukkaaraa akkuma meeshaalee bu'uuraalee biroo yeroodhaa gara yerootti gatiin isaa kanneen dabalaa bulu keessatti argama.
Mootummaan karaa Waldaa Hojii Gamtaan sukkaara ummataaf raabsus bakka hundatti hin argamu.
Hanqinni bakka baay'eetti waan mudatuuf daldaltoonni gatii dabalanii akka gurguran himama.
Itoophiyaa keessatti warshaaleen bara darbe sukkaara oomishaa turan warshaalee saddeeti.
Haatahu malee, isaan keessaa Oomoo Kurraaz 2 erga oomisha eegaleen booda guyyoota muraasa dura oomisha dhaabeera.
Dabalataan warshaan Kasam akkasuma tibbana oomisharra akka hin jirre, Itti gaafatamaan Qunnamtii Uummataa Korporeeshinii Sukkaara Itoophiyaa Obbo Rattaa Dammaqaa BBC'tti himan.
Sababni isaas waqtii oomishaafi misooma shonkoraa waliin kan wal qabate ta'uu dubbatani.
Akka isaan jedhanitti, amma qabatamaatti oomishatti kan seenan Warshaa Sukkaara Arjoo Dhidheessaa dabalatee warshaalee jahadha.
Warshaalee sukkaaraa Itoophiyaa gurguddoon kan akka Fincaa'aa, Mata Haaraa fi Arjoo Dhideessaa sababa rakkoo nageenyaan humna guutuun oomishuu haala hin dandeenye irra gahanii akka turan himan.
Yeroo ammaa fooyyeen akka jiru Obbo Rattaan himaniiru.
Warshaan Sukkaaraa Arjoo Dhidheessaa fi Fincaa'aa Wallagga Bahaa fi Horroo Guduruu Wallaggaa keessatti argamu.
Bakkeen kunimmoo naannoo hidhattoonni WBO kan mootummaan tarree shororkeesummaa jala galche bal'inaan keessatti socho'anidha.
Yeroo rakkoon nageenyaa hin jirreefi hanqinni biroo hin mudannetti, Itoophiyaan waggaatti sukkaara hanga kuntaala miliyoona afurii ol akka oomishtu Obbo Rattaan dubbatu.
Haa tahu malee, sababa rakkoo nageenyaa fi hanqinoota misooma shonkoraan wal qabatee bara kana kan karoorsineerru kuntaala miliyoona 2.2 oomishuudha jedhan.
Bara darbe sukkaarri biyya keessatti oomishame kuntaala miliyoona sadiitti dhiyaata ture.
''Dhiyeessii xaa'oo, meeshaalee jijjiirraa warshaalee fi nageenyi [rakkoo] oomisha irratti gufuu tahaniiru.
''Sababa rakkoo nageenyaan misooma shonkoraa hordofuun yeroo hin danda'amne irra gahee ture. Kun amma fooyyee qaba.''
Oomishini kun garuu fedhii sukkaaraa biyyattii keessa jiru waliin wal hin gitu.
Kanaaf dhaabbanni isaanii biyya alaa irraa sukkaara hanga kuntaala miliyoona lama tahu bituun biyya keessa galchuun hanqina furuuf akka hojjetaa jiru himan.
Dabalataanis, karaa mootummaa haalli mijachuun karaa daldaltoota biyya alaatii bitamee biyya keessa galuun ummata dhaqqaba jedhan.
''Oomishni biyya keessaa ummata keenya waan hin geenyeef gara biyya alaatti kan erginu hin qabnu.
''Amma kuntaalli miliyoona lama tahu marsaa afuriin biyya keessa galuun rabsamaa jira,'' jedhan Obbo Rattaan.
Yaaddoon jiru rakkoo nageenyaa warshaalee mudatu tahuu kan himan Obbo Rattaan, yeroodhaa gara yerootti mootummaatti beeksisuun deeggarsi godhamaa jira jedhan.
Bulchiinsi MM Abiy Ahimad dhaabbilee mootummaa dhuunfaatti dabarsuuf kaayyeffatee warshaalee sukkaaraa gurguruuf sochii akka eegale kana dura ibsee ture.