Nageenya Oromiyaa: Warshaan Sukkaara Finca'aa rakkoo nageenyaan oomisha dhaabee ture hojiitti deebi'e

Sababa rakkoo nageenyaan boba'aa dhiheessuun waan hin danda'amneef hojii dhaabee kan ture Warshaan Sukkaaraa Finca'aa torban tokko booda hojiitti deebi'uu qondaalli BBC'tti himan.

Dubbii Himaan Korporeeshinii Sukkaaraa Itoophiyaa Obbo Rattaa Dammaqaa ALI Guraandhala 02, 2014 hojii erga dhaabee booda Guraandhala 08, 2014 hojii eegaluu himan.

Akka qondaala kanaatti yaaddoo nageenyaa gama Lixa Oromiyaa jiruun konkolaattonni boba'aa geessan yaaddoorraa kan ka'e boba'aa warshaan itti dalagu waan geessuu dhabaniif ture hanqinni boba'aa kan mudate.

''Yeroo ammaa torban kana keessa gaafa Wiixataa boba'aan waan gaheef gaafa Kibxataa warshichi hojiitti deebi'eera,'' jedhan obbo Rattaan.

Dhimma kana gaafa Kibxataa teknishaana Warshaa Sukkaaraa Finca'aa kan gaafate BBC'n, warshichi hojii eegaluu isaa himanii turan.

Gabaasi biraa haleellaa hidhattoonni raawwataniin warshichi hojii dhaabuu bahe Obbo Rattaan sirrii miti jedhanii turan.

''Naannicha rakkoon nageenyaa waan jiruf malee haleellaan warshicha irratti raawwate hin jiru,'' jechuun himan.

Haa ta'u malee, dhihoo kana tiraaktaroonniifi agadaan shankooraa ibiddaan qabsiifamuu himaniiru.

''Warshichi tiraaktara hedduu qaba. Tiraaktarri gubate tiraaktara gara afur ta'udha. Tiraaktarri gubachuu isaatiin hojii hin dhaabne ture. Amma dhaabuu isaaf sababni boba'aadha,'' jedhanii turan.

Ta'us abbaa kana godhe hin dubbanne ture. Qaamoleen nageenyaa irratti dubbachuu danda'u jechuun BBC'tti himan.

Bulchaan Godina Horro Guduruu Wallaggaa Obbo Baqqalaa Dachaasaa garuu miidiyaa biraaf akka dubbatanitti, haleellaa tiraaktaraafi agadaarratti gahe kan raawwate hidhattootadha jechuun himan.

Dhimma kana irratti hidhattoonni finciltoota Tigraay waliin hariiroo uumuu himan deebii hin kennine.

Hidhattoonni naannawa warshichaa sochii taasisaa turuu isaanii Korporeeshiniin Sukkaaraa Itoophiyaa quba akka qabu BBC'n odeeffateera.

Naannawa warshaa kana haleellaa raawwachun maqaan hidhattootaa yoo ka'u haaraa miti.

Waggaa darbe hidhattoonni baankii lama kan ganda Hagamsaa jedhamtu dhiyeenya warshaa shukkaaraa Fincaa'aatti argamtu keessa jiran saamuu jiraattonni fi hojjetaan baankii tokko BBC'tti himani turan.

Himannaa akkanaa hidhattoonni ifatti raawwanne jedhanii hin beekan. Hagayya waggaa darbemmoo warshicha ''to'anne'' jechuun ibsanii turan.

Oduun warshichi hojii dhaabuu kan dhagahame yeroo rakkoon nageenyaa gama Lixa Oromiyaa furmaata dhabuun lammiileen dararaafi buqqaatiif saaxilamuu himaa jiranittidha.

Akka Obbo Rattaatti taanaan kan ammaa osoo hin dabalatiin kana dura rakkoo nageenyaan walqabatee warchichi hojii dhaabee hin beeku.

''Naannicha rakkoon nageenyaa mudate jechuun warshicharratti rakkoon ni qunnama jechuu miti,'' kan jedhan qondaalli kuni ''hawaasni achii ijoollee isaa waliin warshiishaan of jiraachisa,'' jechuun himan.

Guyyoota torba keessa hangam dhabe jedhamanii kan gaafataman qondaalli kuni yeroo waqtii gaarii oomishe guyyaatti kuntaala kuma 10 akka oomishuu ibsan. Ta'us, kasaaraa gahe baruuf qorannoon taasifame akka hin jirre himan.

''Warshaan tokko guyyoota torbaaf hojii dhaabuun gabaa irratti dhiibbaa homaatuu hin qabaatu,'' jechuun warshaaleen sukkaaraa biroo kanneen akka Wanjii, Matahaaraafi Arjoo Dhidheessaa jiraachuu dubbatan.

Warshaan kuni gama Lixa Itoophiyaa Godina Horro Guduruu Wallaggaatti kan argamu yoo ta'u Finfinneerraa 300km ol fagaatee argama.

Akka Korporeeshiniin Sukkaaraa Itoophiyaa ibsetti warshichi waggaatti sukkaara toonii 270,000 humna oomishu qaba. Itoophiyaa keessaas isa guddicha jedhamee ibsama.