Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Nageenya Oromiyaa: Lola hidhattootaa fi mootummaa lammilee nagaa 'gatii qaalii kafalchiisaa jiru'
Baatii Sadaasaa darbe kutaalee Lixaa fi Kibba Oromiyaa iddoo humnooti mootummaa hidhattootaan lolaa jiran dabalatee bakkoota gara garaatti lammileen nagaa hedduu ajjeefamuu gabaasaaleen bal'inaan marsaalee hawaasaa irratti qoodamaa turan ni mul'isu.
Lolli hidhattoota Waraana Bilisummaa Oromoo jechuun of waaman kan mootummaan 'ABO-Shanee' ittiin jedhuufi mootummaa jidduutti adeemaa jiru umurii waggaa lamaa olii lakkoofsiseera.
Kutaalee Oromiyaa hidhattoonni kun keessa socho'an gara garaatti raayyaan Ittisa biyyaa bobba'ee kan ture yoo ta'u, lolli Tigraay dhalachuu hordofuun dirqamni hidhattoota kana loluu humna addaa poolisii naannoo Oromiyaaf kennamuu MM Abiy Ahimad xumura Sadaasaa wayita paarlaamaatti dhiyaatan dubbatanii turan.
Komishiniin poolisii Oromiyaa 'tarkaanfii olaantummaa seeraa kabachiisuu' fudhadhe jedhuun yeroo ji'a tokkoo keessatti hidhattoota 350 ol ajjeesuu fi kanneen 170 ta'an ammoo to'annoo jala oolchuu tibbana ibseera.
Lixa Oromiyaa iddoowwan tokko tokkotti tajaajilawwan bilbilaa fi intarneetii lola Tigraay hordofee adda cite ammallee bakkatti hin deebine.
Tarkaanfii fudhatamaa jiruun kanneen ajjeefaman keessa lammileen nagaa jiraachuu fi gariin isaanii mana isaaniiti erga qabamanii fudhatamanii booda mana murtiitti osoo hindhiyeeffamiin ajjeefamanii argamuu himu jiraattonni.
Godina Horro Guduruu Wallaggaatti barsiisaa mana barumsaa sadarkaa lammaffaa Saqalaa kan ture namni ganna 32 Kitilaa Guddataa kanneen haala akkasiin ajjeefame keessaa tokko.
Miseensi maatii barsiisaa Kitilaa sodaa nageenyaaf jecha maqaan isaanii akka hin dhahamne nu gaafatan tokko akka jedhanitti, Kitilaan Kamisa Sadaasa 19 halkan sa'aatii 3:30 irratti miseensota poolisii humna addaa Oromiyaa kudhan ta'aniin mana isaatii qabame.
"Haati warraa fi haati ijoollee isaa lamaa bakka isaa ana fuudhaa deemaa jettee itti boosullee, gaaffilee muraasa gaafatamee deebi'ee dhufa jechuun itti qoosanii fuudhanii deeman," jedhu miseensi maatii kun.
Guyyaa itti aanu bilbilli isaa cufaa akka ta'ee fi eessa akka jiru wallaalu himu.
"Jimaata galgala naannoo sa'aatii 1 rasaasaan dhahamee ajjeefamuu akka hin oolle namoonni haasa'uu eegalan. Garuu eessatti akka ta'e hin baramne ture," jedhu.
"Sanbata ganamaan reeffi isaa magaalaa Saqalaan ala iddoo Haroo Aagaa jedhamutti argamuu isaa dhageenye. Namni ana dursee achi gahe hin jiru."
"Lagatu jira, laga sana qarqaratti dhagaa irratti ajjeesan. Harki isaa duubatti hidhamee fuulduratti kufeen arge. Dubarraan rukutame. Akka waan kartoonii irratti qiyyaafannaa shaakalaniitti waan ajjeefame fakkaata," jedhu.
Bakka reeffi Kitilaa argame sanatti reeffi namoota biroo lama kan booda maqaan isaanii Gaaddisaa Alamaayyoo fi Biraanuu Gabayyoo akka ta'e adda baafame waliin argamuus himan.
Lamaanuu jiraattota magaalaa Saqalaa yoo ta'an, Gaaddisaan namni ganna 43 waardiyyaa waajjira bulchiinsa Aanaa kan turan, namni ganna 38 Biraanuun ammoo hojjetaa humnaa akka turan himu namni kun.
Barsiisaa Kitilaan maaliif akka ajjeefaman hin beeknu, qaamni dhufee badiin isaa kana nuun jedhes hin agarre jedhu maatiin.
Amma dura sababa ABO deeggarta jedhuun irra deddeebiin hidhamaa akka turellee himu.
'Maaliif ajjeesuu akka filatan wanti beeknu hin jiru'
Ajjeechaawwan kunneen iddoo humnooti mootummaa hidhattootaan lolaa jiran qofatti kan daangeffame miti.
Guyyaa barsiisaa Kitilaan mana isaatii qabame bariitu Jimaata, Sadaasa 20 iddoo sochiin hidhattootaa badaa hin mul'anne Ambottis waan wal fakkaataatu ta'e.
Galaanaa Immaanaa kan umuriin isaa mana 40 keessa akka ta'u maatiin tilmaaman miseensota humna addaa hanga 20 ta'aniin halkan naannoo sa'aatii 4 mana isaatii qabamee fudhatamuu himu maatiin.
Abbaa ijoollee lamaa kan ture Galaanaan hojii dhunfaa hojjetee maatii isaa bulchaa ture jetti BBC'n kan dubbiseen obboleettiin quxisuu isaa Caaltuu Immaanaa.
Isheen kan jiraattu naannawa magaalaa Finfinnee ta'uu kan himtu Caaltuun, Jimaata qabamuu isaa erga dhageesseen booda, Sanbata gara Amboo imalte.
Guyyoota lama itti aanan boqonnaa malee manneen hidhaa fi waajjiraalee poolisii magaalaa Amboo keessa barbaadaa oolanis argachuu hin dandeenye.
"Dilbata gara kaampii poolisoota humna addaa Sanqallee jiru deemeen nama karra gubbaa ture, itti booyee kadhadhe. Maqaa erga na gaafatee booda, hin argattanii hin barbaadinaa," naan jedhee jetti.
"Galaanaan leenjiif bakka biraatti ergamuu isaafi eessa akka ta'e yeroo murtaa'e booda bilbilaan maatiitti akka himamu natti hime," jetti.
Wiixata Sadaasa 23 Galaanaan ajjeefamuu isaa marsaalee hawaasaa irratti odeeffamuu eegale jetti Caaltuun.
"Durumas namni tokko ajjeefamee argameera oduu jedhu dhagahaa turre. Nuti garuu poolisiin akka hidhame waan beeknuuf oduu namni ajjeefame jedhuuf xiyyeeffannaa hin kennine," jetti.
Kibxata gara waajjira poolisii Aanaa Amboo deemuun waa'ee nama ajjeefame jedhame yoo gaafatan - poolisiin nama qarqara laga Daabisitti ajjeefame tokko kaasee awwaaluu isaa dhagahan.
"Suuraa fi wayita qabamee ture uffata akkamii uffatee akka ture erga nu gaafatanii itti himnee booda, isa ta'uu nuuf mirkaneessan. Rasaasaan rukutamee akka du'eefi qarqara laga Dabbisii eeruu uummataan akka argame, odeeffannoon waa'ee maatii isaa ibsu waliin argame waan hin turreef poolisiin akka awwaale nutti himani," jetti.
Reeffa baasanii fudhachuun adeemsa hedduu waan qabuuf galanii bakka reeffi isaa hin jirretti akka boochifatan akka itti himames himti Caaltuun.
"Nuti kan beeknu qabamuu isaa qofa ture. Yakki isaa maal akka ta'e, seeratti dhiyeessuu caalaa maaliif ajjeesuu akka filatan wanti beeknu hin jirus," jetti.
Galaanaan deeggaaraa ABO ture. Bara 2018 wayita ABO'n gara biyyaa deebi'u miseensa koree simannaa akka tures Caaltuun BBC'tti himteetti.
'Jiraattota gatii qaalii kafalchiisaa jira'
Qondaalota komiishinii poolisii Oromiyaa irraa waa'ee ajjeechaawwan kanneenii deebii argachuuf irra deddeebiin yaaliin goone hin milkoofne.
Haa ta'uutii dhimmicha irratti kan dubbisne dubbi himaan Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Geetaachoo Baalchaa, ''maqaa Shaneetiin namni akka hin miidhamne kallattiin kaahamee hojjetamaa jiraa'' jedhan.
''Yakki isaanii kan beekamuu fi kan uummatni shakkee saaxileen alatti tarkaanfiin akka hin fudhatamne kallattiin ifa ta'e kennameeti kan hojjetamaa jiru'' jedhan.
Ajjeechaa nama nagaa irratti raawwatame quba hin qabu kan jedhan Obbo Getaachoon "caasaan nageenyaas, caasaan mootummaas badii geessiseera taanaan itti gaafatama" jedhan.
Komiishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa Sadaasa keessa qofa ajjeechaawwan humnoota nageenyaa mootummaan Oromiyaa keessatti raawwatan 12 galmeessuu BBCtti hima.
Ajjeechaa Onkoloolessa 23 magaalaa Naqamteetti dargaggoota shan irratti raawwate dabalatee ajjeechaawwan raawwataman garii qorachaa akka jirus komishinichi ibseera.
"Akka komishiniitti wanti hubanne wal-dhibdeen siyaasaa Oromiyaa keessa jiru, lammilee nagaa gatii qaalii kafalchiisaa akka jirudha" jedhu gorsaan komishinara komishinichaa Obbo Imaad Abdulfattaa.
Lammileen nagaa qaamolee mootummaanis hidhattootaanis ajjeefamuu yaadachiisanii, ammatti 'baay'ee nu yaachisa' jedhan.
BBC'n jiraattota Godina Horro Guduruu aanaa Abbaay Coomman lama kan Mudde 08 hidhattoonni namoota nagaa 7 ajjeessuu dubbatan haasofsiiseera.
Jiraattonni nageenya isaaniif jecha maqaan isaanii hin ibsamne kunneen, Kibxata galgala sagalee guddistuudhaan walgahii hatattamaaf akka bahan ajajamuu dubbatu.
"Nama saddeet ta'u, rifeensi isaanii dheeraadha, fuula isaaniittu wayyaa maratanii turan. Amaara warri taatan ka'aa jedhan. Dura nama lama qofa ture kan ka'e, booda warri kaanis sodaatanii ka'an."
"Warri kaan galaa jedhanii warra ka'an fudhatanii deeman. Ni gadhiisu jennee eegaa turre. Ganama namni 7 bakka tokkotti ajjeefamanii agarre, sadi ammoo madaa'anii yaalamaa jiru," jedhu jiraataan kun.
Taatee biraatiin achuma godina Horro Guduruu Aanaa Amuruutti namoonni 14 hidhattootaan ajjeefamuu Obbo Geetaachoo Baalchaa BBC'tti himaniiru.
'Baankiin saamame, ambulaansiin gubate'
Erga yeroo dhiyoo as haleellaan hidhattootaan Godina Horro Guduruu keessatti raawwatamaa hammaateera, hedduus hin gabaafamne.
Jalqaba baatii kanaa hidhattoonni baankii lama kan ganda Hagamsaa jedhamtu dhiyeenya warshaa shukkaaraa Fincaa'aatti argamtu keessa jiran saamuu jiraattonni fi hojjetaan baankii tokko BBC'tti himeera.
Sababa kanaanis bulchiinsi magaalaa Shaambuu guyyaa tokkoo oliif tajaajila baankii adda kutee ture. Hangi maallaqa saamamee hin beekamu.
Dabalataan ambulaansiin dubartii deessuu gara buufata fayyaa geessaa turte akkasumas konkolaataan geejjibaa dhuunfaa biroo tokko hidhattootaan dhiyeenya magaalaa Shaambuutti abiddaan gubachuu jiraattonni ni himu.
"Osoo minibaasiitti abidda hin qabsiisin imaltootarraa bilbila moobaayilii fi maallaqa guurratan," jedhan jiraataan magaalaa Shaambuu tokko.
Haleellaa biroo konkolaataa geejjibaa gara Finfinnee imalaa ture tokko irratti hidhattootaan raawwatame hordofuun geejjibni gara Finfinnee guyyoota muraasaaf adda citee akka tures jiraattonni ni himu.
Gama kaaniin lubni mana amantaa haarawa dhiyeenya warshaa shukkaaraa Fincaa'aatti argamu tokko keessa tajaajilan tokko Mudde 17 hidhattootaan ajjeefamu hojjetaan warshichaa tokko BBC'tti himeera.
Ajjeechaawwan kunneen maaliif akka raawwataman wanti beekamu hin jiru. Qondaalonni mootummaa kan ofii isaanii qiyyaafannaa hidhattootaa keessa jiran odeeffannoo kennuuf hin argamani.
Torbee darbe naannoo warshaa shukkaaraa Finca'aa dhukaasni hidhattootaa fi humnoota mootummaa jidduutti akka ta'e amanamu dhagaahamaa turuu himu jiraattonni.
Mootummaan irra deddeebiin hidhattoota 'ABO-Shanee' ittiin jedhu baankii saamuu, qondaalota mootummaa fi lammiilee nagaa ajjeesuun himata.
TPLF irraa ergamaa fi deeggarsa maallaqaa fudhachuun biyyaa gooluuf socho'u jedhee yakka. Hidhattooti kun waan mootummaan ittiin isaan himatu ni waakkatu.
'Diina uummataati'
Akka mootummaan jedhutti lolli Tigraay eegaluu guyyoota sadiin dura haleellaa hidhattoonni kunneen Lixa Wallagaa, Gullisootti raawwataniin yoo xiqqaate namootni nagaa 34 walgahiif waamamanii ajjeefamaniiru.
Kanneen lubbuun haleellaa kanarraa hafan akka jedhanitti haleellaan kun dhalattoota Amaaraa naannicha qubatan irratti xiyyeeffate.
Jiraattonni akka jedhanitti loltoonni raayyaa ittisaa achi turan tasa naannicha gadi dhiisanii bahuun isaanii haleellaaf isaan saaxileera.
Poolisiin Oromiyaa ibsa Sadaasa 18 baaseen haleellaa haaloo bahumsaatiin hidhattoota ajjeechaa kana raawwatan 142 ajjeesuu beeksise.
Lakkoofsi hidhattoota mootummaan yeroo adda addaa akka ajjeese himu salphaa miti, haa ta'u malee lolli hidhattoota waliin taasifamu xumura godhachuuf fagoo jira.
Guraandhala bara darbe BBC waliin gaaffii fi deebii kan taasisan itti aanaa Itaamaazhuur Shuumiin yeroosi fi Itaamaazhuur Shuumiin Raayyaa Ittisaa ammaa jeneraal Birhaanuu Juulaa, tarkaanfii fudhatameen 'hidhattoota muraasatu hafe' jedhanii turan.
Lixa Oromiyaa iddoowwan muraasa qofatti akka hafan, Gujii lamaan guutummaati hidhattootarraa bilisa gochuu fi Boorana keessaas bahanii gara daangaa Keeniyaatti baqachuu himanii turan.
Haa ta'u malee ergasii hidhattoonni kunneen argama isaanii gara Jiddugaleessaa fi Baha Oromiyaatti babal'isaanii jiru. Iddoowwan kanneenitti mootummaan irra deddeebiin qaamolee kanarratti tarkaanfii fudhachuu hima.
Booranatti mucaan xiqqaa horii tiksu hidhattootaan ajjeefamuu hordofee, Abbaan Gadaa Kura Jaarsoo 'ABO-Shaneen diina uummataati' jechuun labsaniiru.
Abbaa Gadaa Kuraan akka jedhanitti hidhattoonni kunneen yeroo dheeraaf kan keessa socho'aa turan naannoo daangaa Itiyoophiyaa fi Keeniyaatti namoota nagaa ajjeesuu, dubartoota gudeeduu fi loon saamuun uummataaf gamsiisan.
MM Abiy Mudde 09 wayita gara Keeniyaa imaluun Mooyyaleetti buufata daangaa biyyoota lamaan jidduu jiru eebbisiisan hidhattoota kana al-Shabaab waliin maqaa dhahan.
Biyyoonni lamaan jireenya uummataa jijjiiruuf 'ABO-Shanee' fi al-Shabaab naannoo sanaa dhabamsiisuu qabu jedhan.