Nageenya Oromiyaa: 'Maqaa Shaneetiin namni akka hin miidhamne hojjetamaa jira' - MNO

Kutaalee Oromiyaa garaagaraa keessatti hidhattoota mootummaan 'ABO-Shanee' jedhee waamu irratti tarkaanfii fudhatamaa jiruun ''namootni nagan maqaa Shaneen akka hin miidhamne kallatiin kaahamee hojjetamaa jira'' jedhe Biiroon Kominikeeshinii MNO.

Hoogganaan biiroo kanaa Obbo Geetaachaw Baalchaa BBC waliin gaaffii fi deebii taasisaniin ''miseensota Shanee 782 irratti tarkaanfiin fudhatameera'' jedhan.

Lakkoofsi kun hidhattoota ajjeefaman, humna nageenya naannoo Oromiyaatiin kan booji'amanii fi kanneen to'annoo seeraa jala oolan kan dabalatu ta'uu himaniiru.

Namootni qaama kana maallaqan, haala mijeessuun, qindeessuu fi gargaaruun shakkaman 2900 ta'an to'annoo seeraa jala oolaniirus jedhan.

Meeshaaleen waraanaa kan dhunfaa fi garee to'annoo jala oole akka jirulle dubbatan Obbo Geetaachoon.

Mootummaan naannoo Oromiyaa mootummaa federalaa waliin ta'uun hidhattoota waraanaa ABO turan, dhaabicharraa adda of baasanii bosonatti hafan dhabamsiisuuf ji'oota hedduuf duula gaggeessaa ture.

Ibsa Obbo Getaachoon kennan keessatti gabaasni dhiyaate kun yeroo hangamii keessatti kan raawwatame akka ta'e hin ibsamne.

Ajjeechaa namoota nagaa

Duula mootummaan hidhattoota mootummaan lolaa jiran dhabamsiisuuf gaggeessaa jiru keessatti namootni nagaan ajjeefamaa akka jiran maatiin namni jalaa du'ee, dhaabbileen siyaasaa fi dhaabbileen mirgaaf quuqaman irra deddeebiin komatu.

BBC'n bakka duulli ittii gaggeeffamaa jiru Lixa, gidduugalaa fi Kibba Oromiyaatti akkasumas bakka sochiin waraanaa hin jirrettis namootni hidhannoo hin qabne shakkamanii to'annoo seeraa jala erga oolaniillee ajjeefamuu odeeffateera.

Ajjeechaawwan kanarratti gaafatmanii deebii kan kennan Obbo Getaachoon, ''maqaa Shaneetiin namni akka hin miidhamne kallattiin kaahamee hojjetamaa jiraa'' jedhan.

''Yakki isaanii kan beekamuu fi kan uummatni shakkee saaxileen alatti tarkaanfiin akka hin fudhatamne kallattiin ifa ta'e kennameeti kan hojjetamaa jiru'' jedhan.

''Gochi badiidha jedhamee ibsamu raawwatameera yoo ta'es nama gaafachiisa. Caasaan nageenyaas caasaan mootummaas badii geessiseera taanaan itti gaafatama. nama dhuunfaarratti miidhaa gahee hin beeku.''

''Humni kun bakka deemutti qabeenya hin gubaa, hin saama hin ajjeesa. Garuu ammoo kan gabaasu akka caasaan mootummaa kana raawwateettidha'' jechuun komii qaamoleen nageenyaa mana namaa gubuu fi nama ajjeesu jechuun himamu mormaniiru.

Hawaasni dhugaa jiru waan beekuuf namni dhugaa kana beekuu fedhus bakka san dhaqee mirkaneeffachuu danda'aa jedhan.

Bakka waraanni jirutti namni nagaan miidhamuu danda'aa kan jedhan aanga'aan kun ''qaamni nageenyaa ta'e jedhee qabeenya namaa hin guba, nama hin ajeessa kan jedhu ani hanga ammaatti gabaasa isaa hin qabu'' jedhan.

Faallaa kanaan hidhattootni kun saba Amaaraa 13 ta'an aanaa Amuruu keessatti bakka tokkotti kan ajjeesan isaanii jedhan.

Lixa Oromiyaa bakka garaagaraatti ajjeechaan saboota biroo, aanga'oota mootummmaa fi kaanirratti xiyyeefatu irra deddeebiin dhagahama.

Gama kaaniin Lixa Oromiyaa bakka tokko tokko keessatti tajaajilli bilbilaafi intarneetii erga adda citee ji'ootni hedduun lakkaawaaniiru.

Namootni naannolee kanaa firoota qaban maatii isaaniirraa gargar cituu komatu.

Dhimma kanarratti mootummaan naannoo Oromiyaa wanti beeku yoo jiraate akka ibsan kan gaafataman Obbo Geetaachoon, odeeffannoo guutuu akka hin qabnee fi dhabbati Itiyoo teelokoom osoo gaafatamee akka wayyu himan.