Nageenya Oromiyaa: Warshaan sukkaara Finca'aa akkamiin oomisha dhaabe?

Gama Lixa Itoophiyaa Godina Horro Guduruu Wallaggaatti kan argamu Warshaan Sukkaara Finca'aa oomisha dhaabuu Korporeeshinii Sukkaara Itoophiyaa BBC'tti hime.

Oduun kuni kan dhagahame yeroo rakkoon nageenyaa gama Lixa Oromiyaa furmaata dhabuun lammiileen dararaafi buqqaatiif saaxilamuu himaa jiranittidha.

Dubbii Himaan dhaabbatichaa Obbo Rattaa Dammaqaa sababa boba'aan dhibuutiin warshichi torban darbe oomisha dhaabuu ibsan.

''Rakkoo nageenyaa naannicha jiruun boba'aa dhiheessuun waan hin danda'amneef guyyoota muraasa dura Guraandhala 09, 2022 eegalee hanga kaleessaatti akkuma dhaabatetti jira,'' jechuun himan.

Maddi oduu biraa haleellaa hidhattoonni raawwataniin warshaan kuni hojii dhaabuu gabaase ture. Dhimma kana garuu qondaalli kuni BBC'f hin mirkaneessine.

''Naannicha rakkoon nageenyaa waan jiruf malee haleellaan warshicha irratti raawwate hin jiru,'' jechuun himan.

Boodarra qondaalli kuni boba'aan ''guyyaa kaleessaa warshicha bira gahuufi oomisha yeroo dhihootti eegala jennee eegna,'' jechuun himan.

Hojjetaan warshichaa BBC'n dubbiseefi rakkoo nageenyaaf maqaa isaanii hambisne, rakkoon boba'aa turuufi gidduu kana garuu konkolaattonni boba'aa qabatan warshicha dhaqqabuu himan.

''Boba'aa dhabee [warshichi] dhaabbatee ture, har'ammoo ka'eera. Har'a kaafnee ganama hojjedheen bahe. Daakaa ture. Hojiitti deebi'eera,'' jechuun dubbatan.

Haata'u malee, humna guutuun eegaluun isaa hin beekamu.

Bulchaan Godina Horro Guduruu Wallaggaa Obbo Baqqala Dachaasaa immoo rakkoon nageenyaa warshichi oomisha akka dhaabu dirqu hin jiru jechuun miidiyaaf himaniiru.

Daandiin boba'aa geessuuf rakkisaadha jedhame daandii kam akka ta'e ifatti hin ibsamne.

Warshichi guyyootaaf dhaabachuun isaa dhiibbaa inni qabaatu kan gaafanne qondaalli kuni ''indastiriin sukkaaraa guyyootaaf hojii dhaabuu hin qabu.

''Warshaan sa'aatii 24 dalagu, guyyoota 4 hanga 5 hojii dhaabuun isaa rakkoo qaba. Garuu, hammana kan jedhamu miti,'' jechuun ibsan.

Warshaan Sukkaaraa Finca'aa warshaa sukkaaraa Itoophiyaa keessa jiraniifi waggoota lama dura mootummaan gurguruuf ibse keessaa tokkodha.

Akka Korporeeshiniin Sukkaaraa Itoophiyaa ibsetti warshichi waggaatti sukkaara toonii 270,000 humna oomishu qaba.

Maaltu raawwate?

Haata'u malee, dhihoo rakkoon nageenyaa warshaa Itoophiyaa keessa sukkaara oomishuun guddicha jedhamu keessatti mudatee turuu Obbo Rattaan BBC'tti himaniiru.

''Tiraaktara muraasa gubuun ture. Eenyutu gube kan jedhu qaamota nageenyaatu deebii itti kennuu danda'a. Rakkoon akkanaa mudatee ture.

''Warshichi tiraaktara hedduu qaba. Tiraaktarri gubate tiraaktara gara afur ta'udha. Tiraaktarri gubachuu isaatiin hojii hin dhaabne ture. Amma dhaabuu isaaf sababni boba'aadha,'' jedhan.

Itti dabaluun, ''Boba'aan yoo dhihaatef oomisha itti fufa,'' jechuun himan.

Hamma lafa hektaara shankoorri ibiddaan gubate isa gaafatamaniif ''muraasa'' jechuun ibsan. Abbaa kana raawwate garuu qaamolee nageenyaa mootummaa gaaffaa jechuun alatti Obbo Rattaan hin dubbanne.

Bulchaan godinaa Obbo Baqqalaan garuu haleellaa tiraaktaraafi shankoora irratti gaheef hidhattoota Waraana Bilisummaa Oromoo jedhanii of waamaniifi mootummaan ABO-Shanee jedhee waamu himatan.

Hidhattoonni dhimma kana irratti waan dubbatan hin qabani.

Rakkoo nageenyaa fi warshicha

Akka ragaaleen agarsiisanitti warshichi ALI bara 1969 kan hundaa'e yoo ta'u sukkaaraan ala itaanoliis ni oomisha.

Bakkeen warshaan kuni jiru bakkeewwan hidhattoonni Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) kan mootummaan ABO-Shanee jedhee waamu ni socho'u.

Korporeeshiniin Sukkaaraa Itoophiyaas kana quba qaba.

Keessumaa waggaa darbe eegalee irra deddebbiin naannawa warshichaa hidhattoonni haleellaa raawwataa turuun isaanii ibsamaa ture.

Waggaa darbe hidhattoonni baankii lama kan ganda Hagamsaa jedhamtu dhiyeenya warshaa shukkaaraa Fincaa'aatti argamtu keessa jiran saamuu jiraattonni fi hojjetaan baankii tokko BBC'tti himani turan.

Himannaa akkanaa hidhattoonni ifatti raawwanne jedhanii hin beekan. Hagayya waggaa darbemmoo hidhattoonni warshicha ''to'anne'' jechuun ibsanii turan.

Waggoota muraasa darban rakkoon nageenyaa gama Lixa Oromiyaa keessa mudate ammallee hin furamiin jira.