Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Hidhattoonni warshaa sukkaaraa Arjoo Dhidheessaatti konkolaattota guban'
Hidhattoonni Waraanaa Bilisummaa Oromoo kan mootummaan "Shanee" ittiin jedhu warshaa sukkaaraa Arjoo Dhidheessaatti Kkonkolattoota saddeet gubanii, qabeenya hojjatootaa fudhachuu Itti gaafatamaan saabqunnamtii Garee Indastirii Sukkaara Itoophiyaa Obbo Rattaa Dammaqaa BBCtti himan.
Taateen kun kan raawwate Hagayya 30, 2022 yoo ta'u, mooraa warshichaa seenuun konkolaataa dhaabbatichaa jaha, kan Abbaa Taayitaa Daandiwwan Federaalaa tokkoo fi kan kontiraaktara dhuunfaa tokko gubanii deemuu dubbatan Obbo Rattaan.
"Hojjattoota warshichaarra hidhattoonni kun kompiyuutaroota laapptooppii fi deeskii toppii, bilbila harkaa fi kophee fudhatanii deeman."
Oduu himaan Idil-addunyaa Waraana Bilisummaa Oromoo Hagayya 31, 2022 fuula tiwiitara isaa irratti odeeffannoo maxxanseen, waraanni isaanii kaampii waraana mootummaa Warshaa Sukkaaraa Arjoo Dhidheessaa keessa jiru to'achuu ibsee ture.
Kanaanis waraanni mootummaa achi keessaa baqatee akka sokke ibse Odaa Tarbii.
"Dhaabbileen federaalaa kamuu poolisii federaalatiin eegamu waan ta'eef warshichi poolisooota federaalaatiin eegamaa ture."
"Eegdonni achi turan lakkoofsaan muraasa turan. Jalqaba isaanirratti dhukaasa bananii gara warshichaa seenan. Miidhaan warshichaa fi waan biraarra qaqqabe garuu hin jiru," jedhan Obbo Rattaan.
Akka qondaalli mutummaa kun jedhanitti, waktii gannaa kana warshichi waan hin hojjanneef suphaarra ture.
Itti dabaluunis, ammatti hidhattoonni warshicha keessas ta'ee magaalicha keessa akka hin jirre odeeffannoo qabaachuu kan himan Obbo Rattaan, waa'ee egeree nageenya warshichaa irratti, "Nuti dubbachuu hin dandeenyu, qaamolee nageenyaa ilaallata," jedhan.
Haata'u malee ammatti hundi nagaa ta'uufi hojjattoonis hojiisaanii hojjachaa jiraachu Obbo Rattaan dubbataniiru.
Warshaan sukkaaraa Arjoo Dhidheerraa warshaalee dhiheenyatti gurguruudhaaf mootummaan caalbaasii itti baasee keessaa tokko.