'Waggaa tokkotti si'a lama qe'eerraa buqqa'uu keenya'-Jiraattota Qobboo

Waraanni Kaaba Itoophiyaa gara ji’oota shaniif dhaabbatee ture irra deebiin jalqabuun humnootni TPLF naannoo Amaaraa keessaa magaalaa Qobboo qabachuu himame.

Jiraattonni naannoo Qobboo fi Waldiyaa waraanichi haala kanaan yoo itti fufe waggaa tokko keessatti yeroo lammaffaaf qe’ee keenyarraa buqqa’uu keenya jedhan.

Jiraattonni naannoo daangaa Amaaraa fi Affaar bakkeewan waraanichi itti gaggeeffamu jiraatan BBC’n dubbise tokko tokko kana caalaa hammaachuu waan danda’uuf gara naannoo biraatti baqachuuf murteessineerra jechuun BBCtti himan.

Jiraattonni magaalaa Qobbootii BBC’n dubbise lakkoofsi namoota baqatanii bahanii akka isa bara darbee miti jedhan.

Humnonni TPLF magaalicha galuun miidhaan isin irra gahu hin jiru jechuun uummata tasgabbeessaa turan jette jiraattuun BBC dubbise tokko.

Kaan ammoo soda irraa kan ka’e magaalicha gadhiisanii bahaa akka jiran kan himan jiraattonni BBC’n dubbise irra caalaa magaalaa kan bahe dargaggoota tahuu himan.

Jimaata darbe mootummaan Federaalaa magaalaa Maqaleetti haleellaa qilleensarraa raawwachuun lubbuu namaa fi qabeenyarra miidhaan gaheera.

Mootummaan qiyeeffannaa waraanaa irratti godhamedha jedhus TPLF ammoo mana barumsaa oolmaa daa’immaniirratti haleellaa raawwate jechuun himatan.

TPLF haleellaa raawwataa jiru yoo hin dhaabne tarkaanfii akka fudhatu kan ibse mootummaan Itoophiyaa, lammiilee nagaan nageenya isaaniif jecha naannoo buufataa fi leenjii waraanaa irraa fagaachuu akka qaban himeera.

Sodaa jiraattota Qobboo fi Waldiyaa

Sanbata darbe TPLF magaalaa Qobboo irratti kallattii adda addaan haleellaa banuu isaa irraa kan ka’e ‘’dhumaatii uummataa hanbisuuf’’ jecha rRaayyaan Ittisa Biyyaa magaalicha gadhiisee baheera jedhe mootummaan Federaalaa Itoophiyaa.

Humnoonni TPLF haleellaa mootummaan Federaalaa humna Faannoo waliin tahuun nuratti bane jechun himatan deebisanii qolachuun Qobboo fi naannoo ishee to’achuu ibsan.

 Jiraataan BBC’n Sanbata dubbise magaalaa Qobbootii bahuun miilaan gara magaalaa Waldiyaa deemaa akka jiru hime.

 Jiraattonni Waldiyaas tahe Qobboo waggaa tokko keessatti yeroo lammaffaaf qe’ee keenya irraa buqqaana soda jedhu qabu.

Waldiyaan Qobboo irraa kiilomeetita 50 qofa fagaatti. Humni waraanaa Federaalaa, Faannoo fi humni addaa naannoo Amaaraa Qobbootii bahuun naannoo Kaaba Walloo keessatti humnoota TPLF waliin wal waraanaa akka jiran himan jiraattotni BBCtti himan.

Waldiyaa keessa sagaleen dhukaasaas tahe sochiin waraanaa dhibus jiraattotni tokko tokko soda irraa kan ka’e gara Dasseetti imalaa akka jiran namootni BBC’n dubbise himaniiru.

Waldiyaan waraana marsa jalqabaan to’annoo TPLF jala akka turte ni yaadatama.

Jiraataan BBC dubbise tokko akkas jehuun haala Qobboo keessa jiru hime: 

‘’Uummanni hundi bahuu hin danda’u. Namoonni sodaatan ammoo nurratti xiyyeeffatu jechuun shakkii warra qabanidha. Keessumaa dargaggoonni magaalaa bahaniiru. Magaala keessa ammayyuu uummata hedduu jira. Akkamitti kuni hundi bahu? Namoonni baay’een ammayyuu mootummaa abdataniima taa’aa jiru,’’ jedhe.

 Jiraataan biraa Qobboo irraa kiilomeetira kudhan fagaatee jiraatu humnoonni TPLF Sanbata darbe gara sa’a 11:00 keessa Qobboo galuu hime.

‘’Gara sa’a kudhanii waraana ture. Sa’a 11 irratti magaalicha galaniiru. Humnootni TPLF manaa mana irra deemanii uummata tasgabbeessaa turan.

Tasgabbaa’aa isin hin miinu jechuun dubbataa turan. Humni waraanaa federaalaa mana keessan dhokate yoo jiraate dabarsaa kennaa. Ni hiina malee hin ajjeesnu jechaa turan, garuu sodaan jira,’’ jedhe.

‘’Humnootni TPLF magaala galanii Faannoo bakka dhokatanii bahaa jechuun iyyaa turan. Bakka dhokannee isaan dhagggeefataa turre. Karaa foddaa yoo ilaallus oliif gadi fiigaa turan. Lakkoofsi namoota baqatanii bahanii akka sia bara darbee miti. Keessumaa haadholiin hin bane. Ijoollee xixiqqaa qabatanii rakkachuun nu gaha. Waan dhufu hundaa ni fudhanna waan jedhan fakkaata,’’ jette.

Itti dabaluun namootni magaalicha gadhiisanii bahaaa jiran miilaan imaluu himte.

‘’Kan nama naasisu, Jimaata darbe haadhaa fi intalli ishee baqatanii bahanii osoo laga ce’anii lolaan fudhatee du’an. Osoo du’a baqatanii laga keessatti bishaaniin nyaatamanii du’an.’’