Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Humni Ittisaa dhumaatii hambisuuf jecha Qobboo gadhiisee bahe -Mootummaa
Dhumaatii uummataa guddaa hambisuuf jecha Rayyaan Ittisaa magaala Qobboo gadhiisun gara duubatti deebi'uuf dirqamuu isaa Taajjilli Kominikeeshinii Mootummaa ibse.
Taajajilli Kominikeeshinii Mootummaa Sanbata galgala ibsa baasen waraanni mootummaa gara booddetti deebi'uun isaa iddoowwan waraana ittisuuf murteessoo ta'an qabachuufidha jedheera.
TPLF akkuma bare humna namaa lakkoofsan guddaa ta'e fayyadamuun magaala Qobboo ala irraa kallattii hedduun haleellaa jira jedha ibsi kun.
Gama biraan ammoo magaalattii keessa lootee seentota galchuun nageenya uummataa haala balaa keessa galchuun lola magaalaa gaggeessuf haala mijataa uummataa jiru jechuun himate mootummaan.
"Humni shorokeessaa kun dargaggoota Tigraay abidaatti hoofun dambalii uummataatin haleellaa gaggeessaa jiru dhaabuu yoo baate, humni ittisaa dirqama seeraa, seena fi imaanaa itti kenname ba'chuuf kan dirqamu ta'a," jedhe ibsichi.
Ibsa Tajaajilli Komunikeeshinii Mootummaa dhumaatii uummataa qaqqabuu malu hambisuuf jechuun Qobboo gadhiisuu ibsuun baase kana irratti gama humnoota Tigraayin hanga ammaa waanti jedhame hin jiru.
Haata'u malee, dubbi-himaan TPLF Obbo Getaachoo Raddaa ergaa fuula Tiwiitara isaarratti barreesseen, haleellaan karaa adda kibbaan isaanirratti baname akka hin milkoofne himuun Humnoonni Tigraay garuu bakka isaanii qabataniiru jedheera.
Magaalli Qobboo Naannoo Amaaraa Godiina Wallo Kaabatti argamti.
Gargaarsa namoomaf jecha waraanni Kaaba Itoophiyaa ji'ota shanan darbaniif qabbanaa'ee ture deebi'ee eegaluun guyyoota afran darbaniif itti fufee jira.
Waraan irra deebin jalqabame kan irratti mootummaafi humnoonni Tigaray abbaa dursee jalqabe irratti quba walitti qabu.
BBCn Jimaata ganama jiraattota bakka waraanni itti gaaggeeffamaa jiru bilbilee hubachuuf yaalee bilbilli akka hin hojjanne mirkaneeffatera.
Namoonni maatii isaanif gara ganamaa osoo bilbilli addaan hin citiin bilbilanii argachuu danda'an BBtti akka himanitti, bakkeewwan Qobbootiin alatti dhukaasni gurguddaan jiraachuu himanii turan.
Haleellaa qilleensarraa kaleessa Maqaleetti gaggeeffameen daa'imman lama dabalatee namoonni afur ajjeefamuu humnoonni Tigraay himanii turan.
Mootummaan haleellaan kun raawwatamuu booda ibsa baaseen ammoo naannolee adda bahan irratti haleellaan qilleensarraa akka gaggeefamaniifi namoonni nagaan bakkeewwan kuusaa meeshaa waraanaa irraa akka fagaatan beeksise.
Sababa waraana ji'oota baayyeef gaggeeffameen Kaaba Itoophiyaatti, keessattuu Tigraay keessatti rakkoo namoomaa hamaan uumamuun isaa ni beekama. Waraanni kun gargaarsa namooma gufachiisuu isaatiin namoonni kuma dhibba hedduutti lakkaa'aman beelaaf saaxilamuun isaanii himamaa kan ture yoo ta'u, erga dhukaasa dhaabuun namoomaaf taasifameen booda gargaarsi dhiyaachuu jalqabee ture.
Karaa warra araarsaniitiin mariin nagaa yeroo dhiyootti jalqabama jedhamee eegamullee, osoo mariin kun dhugaatti hin jalqabamiin waraanichi jalqabameera.
Ta'us garuu, ammayyu qaamoleen lamaan gara mariitti deebiyuudhaaf fedhii akka qaban ibsaa jiru.