Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Waraanni Kaaba Itoophiyaa akka haaraatti jalqabe kun dhumni isaa maal ta’a?
Dhukaasa dhaabuun addatti mootummaan Federaalaa Itoophiyaa labsee ture ji'oota shanii booda kan dhumateef fakkaata.
Ji'oota darbaniif sagaleen dhukaasaa osoo hin dhaga'amiin kan ture waraanni Kaaba Itoophiyaa amma guutummaatti gara walitti bu'insa hamaa ta'etti geessuu akka danda'u wantonni akeekan jiru.
Sababa ijoo mootummaan dhukaasa dhaabuu sana labseef inni guddaan gargaarsi namoomaa gara naannoo Tigraay akka galuuf ta'uu beeksisee ture.
Ji'ooa shanan darban kana keessa mootummaan giddu-galeessaa TPLFn gara mariitti fiduudhaaf waadaa seenee wayita yeroofi bakki marii labsamuun eegamaa jirutti ture walitti bu'insi kun deebiyee kan jalqabe.
Qaamoleen lamaan ji'oota darban keessa marii nagaa gaggeessuuf yeroo carraaqan mul'atanillee gara walitti bu'insa hamaa ta'etti seenuu akka danda'an wantonni akeekan jiru jedhu xiinxaltoonni siyaasaa BBCn dubbise.
Siyaasa Afrikaa Bahaa fi Baha Giddu-galeessaa xiinxaluun kan beekamu Abdurahimaan Sa'id torbanoota muraasaan dura, "humnoonni lamaanuu waraana waggoota lamaan booda ni boqotan malee qophii marii hin taasifne," jedhee ture.
Yunivarsiitii Kuwiinsitti barsiisaa Seenaa kan ta’e piroofeesar Hawot Tawaldemikaa’el akkuma kana mootummaafi TPLF maricha irratti waliigalteerra gahuu dhabuun isaanii kan nama yaaddessudha jedha.
Itti-gaafatamaa Waldaa Falmitootaa Mirga Namoomaa Obbo Yaared Hayilemaariyaam waraanni kun osoo deebiyee hin hammaatiin guyyoota muraasa dura jechoota walitti deddeebisuun aanga’oota olaanoo gidduu ture yaaddessaa akka ta’e yaada isaa kennee ture.
“Qaamoleen lamaan qophiin nagaatiif qaban gaaffii guddaa keessa kan galudha,” kan jedhan Abdurahimaan dabalatee xiinxaltoonni biroon waraanni marsaa lamaffaa isa duraan ture caalaa hamaa akka ta’u tilmaamaniiru.
Waraanni akka haaraatti jalqabame kun badiinsa guddaa qaqqabsiisa yaadoon jedhu eessaa maddee?
Dhumni waraana kanaa ammoo maal ta’uu danda’aa? Qaamni tokko mo’achuu danda’aamoo deebiyanii gara marii nagaatti dhufuu danda’u?
Rakkoo gargaarsa namoomaa
Waraanni Kaaba Itoophiyaa, walitti bu'insawwan kutaawwan biyyattii gara garaa keessatti mul'atanii fi buqqaatii hongeen dheerate qaqqabsiise, lakkoofsi uummata gargaarsa hatattamaa barbaadu akka dabalu taasiseera.
Bara kana keessa qofa uummanni miliyoona 20 ta'an gargaarsi namoomaa akka Isaan barbaachisu dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii ifa godheera.
Kaaba Itoophiyaatti namoonni kuma 700tti siqan balaa beela guddaaf saaxilamuuf akka jiran ragaawwan ni mul'isu.
Namoonni kuma 60 ta’an ammoo gara Sudaanitti baqataniiru; kanneen miliyoona lama ta’an ammoo naannoo Tigraay keessatti buqqaatota ta’aniiru.
Naannoo Tigraay kessatti qofa namoonni miliyoona 5.5 ta’an kanneen keessaa walakkaan isaanii hanqina nyaataa “hamaa” keessatti argamu. Hanqinni qorichaafi maallaqaa, mancaatii buufataaleen fayyaafi hospitaalotaa rakkoo namoomaa daran walxaxaa taasiseera.
Naannolee ollaa Amaaraafi Affaar keessattis akkasuma dhukaasa dhaabuu duraafi booda namoonni kuma hedduutti lakkaa’aman waraana baqachuudhaan qe’eefi qabeenya isaanii dhiisanii godaananiiru. Dhiyeenyuma kana baqachaa kan jiran akka jiranis odeeffannoon bahan ni mul'isu.
Yeroo waraanichi jalqabe irraa kaasee humnoonni hidhatanii qama waraanichaa ta’an ajjeechaawwan murtee seeraan alaa, namoota hiraarsuufi miidhaawwan saal-qunnamtii waliin walqabatan raawwachuu isaanii gabasaaleen mul’isan jiru.
Waraanni amma akka haaraatti jalqabe kun rakkoowwan kanneen daran hammeessuu akka danda’uufi mancaatii guddaallee qaqqabsiisuu akka danda’u xiinxaltoonni ni ibsu.
Barreessituun olaantuu Mana-maree Paartilee Siyaasaa Raahel Baaffee (PhD) irra deebiin gara waraanaatti seenuun keenya “akka biyyaatti kufaatiidha,” jette.
“Inni kaan gara marii biyyaalessaatti deemaa wayita jirutti gara waraanaatti seenuun isaanii ergama akkamii nama jechisiisa.”
Ogeessi tikaa maqaan Isaa akka hin eeramne tokko gama Isaatiin, "waraanichi, dinagdee biyyattii rakkoo keessa jirurratti dhiibbaa biroo uumuun lakkoofsi namoota buqqa'anii akka dabalu taaisa," jette Dr. Raahel.
Xiinxalaan siyaasa Afrikaa Bahaa fi Baha Giddu-galeessaa Obbo Abdurahimaan Sa'id, akkuma kana yeroodhuma kamiyyu waraanni namoota nagaa akka miidhu yaadachuun waraanni akka haaraatti jalqabe kun rakkoo Tigray keessa jiru hammeessuu danda'a yaaddoo jedhu qaba.
"Mancaatii bu'uuraaleen misoomaa qofa osoo hin taane dargaggeessa lubbuun isaa baduufi qaamnisaa hir'atu akkuma jirutti ta'ee, uummanni barnootaafi jireenya idilee Isaarraa gufachaa jirurratti madaa guddaa kan dhiisudha. Namoonni hedduunis baqattummaaf saaxilamuun Isaanii hin oolu."
Baajanni barnootaafi fayyaaf ooluun Isarra ture meeshaa waraanaa, nyaataa fi fayyaa raayyaa dhiyeessuuf ooluun Isaa miidhaa fida jedha xiinxalaan kun.
Dr. Rahel ammoo, "miidhaa waraanni kun fidu lamaaniifu ifa waan ta'eef waraannichaan ni mo'anna jedhanii amananii waan jalqaban natti hin fakkaatu," tilmaama jedhu qabdi.
Waraana kana ifatti kan mormitu Dr. Raahel, "waraana walii walii keessatti wal mo'achuun hin jiru," jette.
Itti bahi waraana kanaa maal ta'uu danda'a?
Abdurahimaan, akkuma kanaan dura ta'e TPLF humna lolaatiin mo'amuu danda'a, ta'us garuu mootummaan Federalaa yaada hawaasicha keessa jiru salphaatti mo'achuun itti ulfaachuu waan danda'uuf maraammartoon walitti bu'insaa itti fufuu danda'a jechuun tilmaama.
"TPLF injifachuun milkaa'uu hin danda'uu? jedhanii gaafachuun sirriidha.
Haata'u malee, kun Itoophiyaa rakkoo guddaarra buusuu waan danda'uuf biyyoonni qaxanaa sanaas ta'e mootonni gurguddoo addunyaa kana waan hayyaman natti hin fakkaatu."
Xiinxalaan kun itti dabaluun, adda adduma walitti bu'insi kun dheerataa deemeen uummattoota gidduutti wal gaarerfachuun dhalachuu danda'a yaaddoo jedhu qaba.
"Marsaa kanaan [waraanicha] maaltu akka uumamuu danda'u wantota lama gidduutti wanti ifa ta'e waan hin jirreef maalti uumamuu akka danda'u beekuun rakkisaadha," kan jettu Raahel sabaa himaaleen waraana kanas sirriitti waan hin gabaasneef ifa akka hin taane dubbatti.
"Biyya keenya irratti rakkoo dinagdeefi hawaasummaa qaqqabsiisuurra, haalduree tokko malee wanaana kana dhaabanii murtee isaa uummataaf osoo dhiisanii wayya."
Gama biraatiin ogeessi basaasaa ammoo waraanichi torbanootaaf osoo itti fufeellee Itoophiyaarra darbee qaxanixha kan jeequ ta'a jechuun dubbata.
"Waraanni kun Itoophiyaa diiga ykn walitti ishee qaba kan jedhu kan itti hin baramne waltajjii dukkanaa ta'uu danda'a. Haala biyyattiin keessa jirtu waliin ammoo humnoota falman biroos uumuu danda'a."
Ulaa galaanaa kan hin qabne Itoophiyaan biyyoota ja'a waliin kan wal daangessitu yoo taatu, isaan kana keessaa sadii isaanis Sudaan, Sudan Kibbaa, Somaaliyaa walitti bu'insaafi raafama keessa jiru.
Loltoonni Eertiraa mootummaa Itoophiyaa waliin hiriiruun waraana Tigraay keessatti hirmaataniiru. Ta'us ammoo hariiroon biyyoota lamaanii amma sadarkaa maaliirra akka jiru sirriitti hin beekamu.
Baay'ina ummataa miliyoona 120 ol kan qabdu Itoophiyaan, nageenya qaxanaa Gaanfa Afrikaa amansiisaa gochuudhaan michuu biyyoota warra lixaa taatee turteetti.
Yeroo waraanni kun deebiyee ka'ee jirutti Itoophiyaatti nagaafi tasgabbiin akka jiraatuuf gargaarsa kamiyyu taasisuuf qophii ta'uu Turk ibsiteetti.
Dinagdeefi siyaasaan addunyaa irratti humni qabdu cimaa kan dhufe Turkiin waraana Kaaba Itoophiyaa kanaan dura tureenis gargaarsa kamiyyu Itoophiyaaf nan taasisa jechaa turteetti.
Turk dirooniiwwan ammayyaa 'Baaraaktar TB-2' jedhaman waraana kaaba Itoophiyaatti hojiirra oolan Itoophiyaatti akka gurgurteettu himamullee mootonni biyyoota lamaanii garuu ifatti wanti jedhan hin jiru.
Ameerikaanis hariiroon Itoophiyaa waliin qabdu sababa waraana kanaatiin gufatus ammallee deegarsa maallaqaa taasisuu hin dhaabne.
Al-Shabaab bifa haaraatiin Somaaliyaafi biyyoota hollaa irratti haleellaa gaggeessuuf yaaluu isaa hordofe Ameerikaan Gaanfa Afrikaatti michummaa akka barbaaddu xiinxaltoonni ni ibsu.
Waraanni kaaba Itoophiyaa akka haaraatti hammaachuu isaa hordofee ministirri dhimma alaa Ameerikaa Antoonii Bilinkan qaamoleen lamaanuu walitti bu'insa kanarraa akka of qusataniif gaafateera.
Siyaasa Gaanfa Afrikaafi Baha Giddu-galeessaa Abdurahimaan, "Ameerikaas ta'e Awurooppaa tasgabbaa'uu qaxanaa sanarraadha kan fayyadaman; keessattu biyyoota gurguddoo akka Itoophiyaa balaarra bu'uun akka Jibutiifi Somaaliyaan balaarra bu'uu miti; isaan olidha," jedha.
"Chaayinaas taanaan Itoophiyaatti invastimantii hedduu waan qabduuf tasgabbiin jiraachuu barbaaddi. Turkillee akkuma kanadha. Kanaaf, jeequmsa kana kan deeggaran natti hin fakkaatu."
Mariin nagaa abdii qabaataa laata?
"'Hiriyyaan wal hin amanne muka waliin hin koran' akkuma jedhamu sana ta'e. Lamaan isaaniiyyu yaadni isaanii gosa tokkodha," jetti barreessituun olaantuu mana-maree paartilee siyaasaa Raahel Baaffee.
"Nagaa akka barbaadan, marii akka barbaadan yoo xiqqaate sadarkaa dubbiittis ta'u dhaga'amaa tureera. Haata'u malee, onnee irraa akka hin taane argine.
Nuti ammoo kun dhugaa irratti kan hin hundoofne waan ta'eef sodaa qabna ture.
Ta'us garuu abdiis qabna ture. Biyya tokkittiidha kan qabnu yaada jedhuun mariin biyyaalessaa akka gaggeeffamu barbaadna ture. Haata'u malee, lamaanuu kana gochuu hin dandeenye."
Waraanni Kaaba Itoophiyaa ji'oota shaniif dhaabbatee ture deebiyee hammaachuu isaa kan isaan yaaddesse Gamtaan Afrikaa, Mootummoonni Gamtoomanii, Gamtaan Awurooppaa fi Ameerikaan qaamoleen wal lolaa jiran walitti bu'insa irraa akka of qusataniif waamicha dhiyeessaa jiru.
Barreessaa Olaanaan Mootummoota Gamtoomanii Antooniyoo Guteereez, mariin nagaa mootummaafi TPLF gidduutti jalqabame akka itti fufuuf gaafateera.
Ogeessi tikaa yaada isaa BBCtti hime TPLF fi mootummaan Federaalaa gara mariitti dhufu yaada jedhu hin qabu.
Dr. Raahel ammoo "gara mariitti deebiyuudhaaf fedhii onnee irraa ta'e qabu jedhee hin yaadu," jetti.
"Maricha osoo irra deebiyanii jalqabaniillee rakkoo keenya hin furan. Isaan mariin isaanii dhimma biyyaa osoo hin taane, akkamitti achiinis, asiinis jechuun aangoo keenya dheereffanna kan jedhudha. Murtee isaa uummataaf dhiisuun isaanirra jira," jechuun yaada ishee kenniteetti.
"Uummatichi daangaa dhimma ilaallatuun ykn heera mootummaa akkasumas waliin jiraachuus taanaan murtee mataa isaa haa dabarsu. Walitti bu'insaafi wal amantaa dhabuu namni tolcherraa dhufe ammoo mariin biyyaalessaa haa taasifamuu."
Obbo Abdurahimaan gama isaatiin jalqabuma yeroo gara mariitti galaniyyu wantonni jiran ifa hin turre.
"Rakkoon guddaan TPLF qabsoo hidhannootiin waan dhufeef haala karaa nagaatiin furan irratti ni qorama. Sababiin isaas waraanaan mo'uu ykn mo'amuu waan qabuuf. Biltsiginnaan ammoo paartii dadhabii keessoo qabudha."
Barreessituun olaantuu mana-maree paartilee siyaasaa Dr. Raahel marii nageenyaa irratti abdii waan kutatan fakkaatanis miidhaa waraanichi qaqqabsiisaa jiru hordofanii walitti bu'insichi dhaabbachuu qaba jettee amanti.
"Baasiin waraanaa waan kamiiniyyu olidha. Hawaasummaa, dinagdee, siyaasa jechuun dubbanna malee isaan olidha. Qabeenya qabnu waraana irratti mancaasaa kadhannaaf bahuun akka biyyaatti wanta nama qaanessudha."