Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Biyyoonni Afrikaa maalif diroonii Turkii "Bayiraaktar TB2" bitaa jiru?
Dirooniin Turkii dirreewwa waraanaan heddu irratti bu'a qabeessummaan isaa akkaan erga jajamee booda biyyoonni Afrikaa heddus riphee loltoota biyya isaanii keessa jiran loluuf diroonii kana bitachuutti jiru.
Waraana Yukireen keessatti, jalqaba yeroo Raashiyaan weerara irratti bantu meeshan waraanaa Yukireen adda dureen fayyadamte diroonii Turkii Bayiraaktar TB2 jedhamuudha.
Boodarra biyyoonni lixaa deeggarsa meeshaalee waraanaa ammayyaa fi fageenya dheeraa deemuu danda'an Yukireenif gumaachan.
Bara 2020tti waraana Azarbaajanii fi Armiiniyaa gidduutti gaggeeffameen Azarbaajan diroonii Turkii kana fayyadaman meeshaalee waraanaa Armiiniyaa heddu barbadeessun bulchiinsa Nagoornoo KarabaakhArmiiniyaadhan jalaa qabamee ture heddu deebifachuun waraanicha injifachuu dandeesserti.
Dinqisiifannaa fi bu'a qabeessummaan diroonii Turkii kun biyyoota Baha Awurooppaa fi Kaawukas qofatti hin dhaabanne.
Dhiyeenya kana ammoo biyyi Lixa Afrikaatti argamtu Toogon hidhattoonni finxaaleyyii ta'an Burkiinaa Faasoo irraa daangaa ishee seenun waan gamsiisaniif isaan qolachuuf jecha diroonii Bayiraaktar TB2 bitachuutti jirti.
Baruma kana ji' a Caamsaa keessaa Niijer hidhattoota gammoojjii Saahel, Sahaaraa fi naannoo Haroo Chaad socho'an haleeluf diroonii Turkii kana heddu bitattee jirti.
Biyyoonni Afrikaa biroo kanneen akka Itoophiyaa, Morookoo, fi Tuniziyaa bitatanii jiru. Angoolanis bitachuuf fedhii akka qabdu ibsitee jirti.
Diroonii Turkii Bayiraaktar TB2 jedhamuun beekamu kana jalqaba kan itti fayyadame bara 2019tti Liibiyaa ture. Diroonii kana fayyadamuun mootummaan Liibiyaa UN dhaan fudhatama qabu hidhattoota Kaliifaa Haftar akka isaan Tirippoolii hin galle godhee ture.
Biyyoota Afrikaa diroonii kan bitatanii fi diinagdeen isaanii guddaa hin taanef, xayyaarota waraanaf humna namaa yeroo dheeraa fudhatanii leenjisuu irra bifa salphaa ta'een diroonii kana fayyadamuu danda'u.
Naannoo Saahel keessatti hidhattoonni Islaamistii bakkaa bakkatti socho'uun humnoota mootummaa irratti haleellaa banuun waan rakkisaniif biyyoonni akka Niijer fi Toogoo diroonii Bayiraaktar TB2 baay'ee barbaadu.
Waraanni Niijer rakkoo naannawa daangaa biyoota Burkiinaa FaasooMaalii tti rakkoo hidhattoonni geessisaniin rakkataa turan.
Waggoota kurnan darbaniif sochiin hidhattoota kanneenii giddu galeessa Saheeli hanga Maalii, keessumaa naannoo daangaa Ayivoorikoost, Gaanaa, Toogo fi Beeninitti ture.
Yeroo dhiyoo as garuu hidhattoonni kun sochiin isaanii Burkiinaa Faaso fi biyyoota ollaatti akkaan waan babal’ateef, haalli duraanii kuni jijjiirameera.
Bara 2019 tti humnoonni nageenyaa sochii hidhattootaa Kaaba Toogotti arguu eegalan.
Ayivoorikoos keessatti bara 2016 haleellaa hidattoonni rizortii Giraand Baasam jehamutti geessisaniin namoonni 19 du’an. Bara 2020 tti ammoo hidhattoonni kun Kaaba biyyattiitti ifatti humnoota motummaa wajjin walitti dhukaasuu eegalan.
Baruma kana ji’a Caamsaa keessa Toogotti hidhattoonni buufata waraana biyyattii Kipeek Pakaandii jedhamutti haleellaa babaniin loltoota 8 ajjeesun 13 madeessan.
Bifa salphaa ta’en sochii hidhattootaa kana daangessuuf biyyoonni akka Niijer fi Toogoo barbaachisummaa diroonii Turkii waan hubatan fakkaata. Gama biroon diroonii kana itti fayyadamuuf humna biyya keessaa yeroo gabaabaa keessatti baasii salphaadhan leenjisuun ni danda’ama.
Naannawa gammoojjii Saahelitti diroonii fayyadamuun haaraa miti. US fi Faransaay buufata waraanaa achii qaban fayyadamuun humnooota mootummaa deeggaruuf diroonii fayyadamaa turaniiru.
Itoophiyaanis waraana Kaaba biyyattiitti gaggeeffame keessatti diroonitti heddu dhimma baate.
Haa ta’u garuu xayyaara nam-maleessa kana fayyadamuun akkasuma balaa guddaa qaba. Hanga Ji’a Amajjii 2022 tti haleellaa diroonii Itoophiyaan gaggeessiteen lammiilen nagana 300 ol du’uu dhaabbileen gargaarsa namoomaa gabaasanii turan.
Waraanni Toogos baruma kana ji’a Waxabajjii keessa dogoggoraan namoota nagaa torba ajjeessuu amanee ture.
Turkiin amma “dippiloomaasii diroonii” akka meeshaatti itti gargaaramaa jirti. Biyyoota Saahel keessatti Turkiin diroonii gurguruun bu’uuraalee misoomaa kanneen akka buufata xayyaaraa fi bu’uuraalee ijoo ta’an ijaaruu keessatti gahee olaanaa taphataa jirti.
Dhaabbanni diroonii Baraaktar TB2 omishu obbolaa lama Haluuk Baraaktar fi Saaluk Baraaktar jedhamaniin gaggeeffama. Saaluk intala Pirezidaantii Turki ikan taate Sumayya fuudhee jira.