Mariin Biyyaalessaa rakkoo siyaasaa furuuf qaamolee wal waraanan irraa jalqabuu qaba - WBO

ABO-WBO Marii Biyyaalessaa, Haqa Yeroo Ce’umsaa fi hidhannoo hiikkachuu ilaalchisee ibsa baaseen, mariin biyyaalessaa rakkoo siyaasaa Itoophiyaa mudate kan furuu danda’u yoo qaamolee wal waraanan irraa jalqabee hawwaasa bal’aa hammachuutti ce’edha jedhe.

ABO-WBO ibsa kana kan baase manni-maree ministeerotaa torban lama dura imaammata haqa ce’umsaa raggaasisuu hordofeeti.

Haala Itoophiyaa bu’uura kan godhate “adeemsa haqni ce’umsaa qindaa’aafi walsimataa ta’e ittiin gaggeeffamuufi sirna ittiin hojiirra oolu diriirsuu” kan jedhu kaayyoo imaammatichaati.

“Nageenya waara’aa, araara, olaantummaan seeraa, haqaafi dimokiraasiin kan keessatti mirkanaa’u haala mijeessuu” kan jedhu kaayyoo imaammatichaa biraa ta’uu sanadicharratti eerameera.

Sanadiin imaammatichaa mana-maree ministeerotaatiin kan raggaasifame filannoowwan imaammataa haqa ce’umsaa (green paper) hayyootaan erga qophaa’ee waggaa tokkoon boodadha.

Haa tahu malee, ofii qaama marii kanaa kan hin taane ABO-WBO mariin biyyaalessaa Itoophiyaa bu’aa barbaadame argamsiisuuf qaamolee dirree irraa wal waraanan hammachuu qaba jedhe.

Kana milkeessuuf ammoo dirree siyaasaa banaa gochuu fi komishinii walabaa hundeessuun akka barbaachisu ibse.

Mootummaan Itoophiyaa fi ABO-WBO Taanzaaniyaatti marii nageneyaa marsa lama gaggeessuun osoo waliigalteerra hin gahiin hafan.

Wal dhabdee qaamolee lameenii gidduutti lubbuun namoota nagaa hedduus darbeera.

Mootummaan kutaalee Oromiyaa akka Wallagga Bahaa, Horroo Guduruu, Gujii fi Shawaa Lixaa fa'aa keessatti hidhattoota ABO-WBO irratti oppireeshinii gaggeessaa jiru akka cimsee itti fufeeru BBC'n odeeffateera.

Naannoon Oromiyaa sababa wal dhabdee qaamolee lamaaniin erga rakkoo nageenyaa hamaaf saaxilamtee waggootni shan darbeera.

Mariin Biyyaalessaa biyyattiif aara galfi fida jedhamee itti abdatame ammoo ABO-WBO hin hammatu. Akkasumas ABO fi KFO marii kana keessaa bahuu dursanii ibsaniiru.

Dirree siyaasaa bal’isuu fi araara siyaasaa

ABO-WBO Marii Biyyaalessaa Biyyaaf Nagaaf Fiduuf mootummaan dirree siyaasaa bal’isuu qaba jedhe. Hoggantootni paartii mormituu qabsoo karaa nagaa filatan magaala walakkaatti rasaasaan yoo ajjeefaman mariin karaa nagaa akka hin jirre ifatti agarsiisa jedhe.

Qondaalli ABO Obbo Battee Urgeessaa ji’a darbe keessa magaalaa keessatti ajjeefamanii ture. Batteen namoota qabsoo karaa nagaatti amanan keessaa tokko ture.

ABO-WBO ibsa baase kana keessatti MM Abiy aangoo qabatnii akkuma qaama tikaa fi nageenya biyyattii harka keessa galfataniin miseensota qeerroo, hoggansa ABO, WBO fi namoota quuqama Oromummaa qaban irratti hidhaa labsan jedhe.

Waggoota shanan darban keessa namootni siyaasaa kumaatamni mana hidhaa galaniiru kan jedhe ABO-WBO hoggantootni ABO kanneen mana hidhaa keessatti hafan keessaati jedhe.

ABO-WBO paartii ABO irraa adda bahuun qabsoo hidhannootti erga goree mootummaa Itoophiyaa waliin wal waraanaa jira.

Hoggantootni ABO akka Obbo Abdi Raggaasaa, Mikaa’el Booran, Lammii Beenyaa, Daawwiit Abdataa fi kaan mana hidhaa erga galanii manni murti bilisa isaan jedhus poolisiin akka gad lakkisuu dide abukaatoon Isaanii kana dura BBCtti himaniiru.

Dabalataan seerri farra shororkeessummaa biyyattii keessa jiru haaromuu akka qabu kan hime ibsi kun seerichi shororkeessummaan ykn jeequmsi jiraatee osoo hin taane sagalee paartilee mormitootaa callisiisuuf kan itti dhimma bahudha jechuun qeeqe.

ABO’n ’n bara bulchiinsa ADWUI shororkeessummaa jalatti kan galmaa’e yoo tahu, erga MM Abiy Ahimed gara aangootti dhufanii seerri kun akka fooyya’uu fi ABO dabalatee paartileen seera kana jalatti galmaa’anii turan akka galmicha jalaa bahan tahe.

Haa tahu malee, booda paarlaamaan Itoophiyaa TPLF fi ABO-WBO kan isaan ‘’ABO Shanee’’ jedhan deebisee galmee shororkeesitootaa jalatti galmeesse. Ergasii TPLF waliin nagana bu’e. ABO-WBO waliin mariin nagaa marsaa lama taa’ame osoo hin milkaa’iin hafe.

Qaamoleen siyaasarratti wal dhaban osoo wal waraanaa jiranii galma keessatti marii biyyaalessaa gaggeessuun rakkoo siyaasaa biyyattii mudate furuu akka hin dandeenye eere.

Guutummaa Itoophiyaatti Tigiraay dabalatee tasgabbiin siyaasaa dhufuun dursa argachuu akka qabu hima.

Mootummaan Itoophiyaa rakkoo nageenyaa Itoophiyaa mudate keessumaa naannoo Oromiyaa fi Amaaraa karaa nagaa furuuf qophii tahuu hima.

Hidhattoota WBO’f yeroo hedduu waamicha gochaa ture. Dhiyeenyas hidhattootni meeshaa isaanii hiikkachuun yeroo mootummaatti harka kennatan mootummaan karaa miidiyaalee hawwaasaasa fi miiidyaalee biyya keessaa ibsaa ture.

BBC’n qaamoleen mootummaatti harka kennatan meeqa tahu kan jedhuu fi eenyu fa'i? kan jedhu hin qulqulleeffanne.

Marii biyyaalessaa milkaa’aa tahe gaggeessuuf qaamotni mari’achiisanis tahe haala mijeessan qooda fudhattoota alatti dhiisuun tahuu hin qabu jedhe.

Kun hin tahu taanaan mariin nageneyaa fi Haqni Yeroo Ce’umsaa kaayyoo paartii tokkoo qofa milkeessa jechuun hammatamummaa akka qabaatuuf gaafate.

ABO-WBO haala amma adeemaa jiruun mootummaan yeroo aangoo isaa dheereffachuuf qofa paartilee naannoo isaa jiran wlaitti qaba malee rakkoo biyyattii hundeerraa kann furu miti jedhe.