Paarlaamaan Itoophiyaa 'Shanee' fi TPLF shororkeessitoota jechuun labse

Manni Maree Bakka Bu'oota Uummata Itoophiyaa walgahii har'a taa'een ABUT/TPLF fi 'Shaneen' shororkeessitoota jechuun labse.

Manni marichaa walgahii idilee har'aatiin yaada murtee Manni Maree Ministirootaa Sambata darbe dhiyeesse raggaasise.

Manni Maree Ministirootaa Addi Bilisa Baasaa Uummata Tigraay /ABUT/TPLF/ fi 'Shaneen' yakka shororkaa kaayyoosaanii godhatanii socho'aa akka jiran himuun ture shororkeessummaan akka labsamaniif yaada murtee kan dhiyeesse.

Lubbuun darbuu lammiilee, manca'iinsa qabeenyaa akkasumas buqqaatii lammiilee iddoowwan garaagaraatti waggoota sadan darbanitti uummaman keessaa gareeleen lamaan harka akka qabanis ibsi Manni Maree Ministirootaa Sambata darbe baasen himee ture.

ABUT fi 'Shaneen' eenyu?

Paartiin Adda Bilisa Baasaa Uummata Tigraay /ABUT/TPLF/ erga qabsoo hidhannootiin motummaa dargii kuffiisee aangoo biyyatti olaanaa qabateen booda gara waggoota 30f Itoophiyaa bulchaa ture.

Haata'u malee lola Sadaasa 04, 2020 naannoo Tigraayiitti eegalame hordoofuun boordiin filannoo biyyaaleessaa biyyattii seera qabeessummaa dhaaba kanaa mulqe.

Addi Bilisa Baasaa Uummata Tigiraay (ABUT/TPLF) bulchiinsi mootii Hayilasillaasee kufee, sirni Dargii aangoo qabachuu hordofee A.L.I Caamsaa 11, bara 1967 qabsoo hidhannoo eegale.

Qabsoo hidhannoof ka'umsa kan ta'e immoo gartuu barattoota yunvarsiitii Finfinnee dhalattoota Tigraay ta'aniin hundeeffamedha.

Mootummaa Itoophiyaa maqaa 'ABO-Shanee' yookin 'Shanee' jedhu yeroo baayyee Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) akka ta'eetti itti fayyadama.Haata'u malee garichi akka ABO-Shaneetti ofi hin ibsu.

Waraanni Bilisummaa Oromoo (WBO) kan amma akka ABO-Shaneetti ibsamus wagggoota 30 oliif, akka damee waraana ABOtti beekamu.

Kunis hanga ABO paartii siyaasaa karaa nagaatiin qabsaa'uuf boordii filanootiin galmaa'eetti.

Gareen kunis erga marii hidhannoo hiikkachuu motummaa MM Abiy Ahimad waliin waliigalteerra gahamu dadhabeen booda ture bara 2018tti akka qabsoo hidhannoo itti fufu kan labsuun dhaabbichaan adda kan bahe.

Dureen ABO Obbo Daawuud Ibsaa gama isaanitiin waraana bosonatti hafe akka hin ajajnee ibsaniiru.