'Bara waldhabdee mariin furannu, sagaleen qawwee itti cufame nuuf haa ta'u'- Obbo Shimallis

Mootummaan Naannoo Oromiyaa bara haaraa 2016tti walitti bu'iinsi Oromiyaatti hidhattoota waliin taasisan mariifi marabbaan akka dhumatuuf waamicha dhiyeesse.

Pirezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa qophii bara haaraa sababeeffachuun magaala Bishooftuutti qopheesseerratti ergaa baga ggeessanii dabarsuun booda ture naannichatti bara haaraa keessa wal-dhabdeen mariin akka dhumatuuf waamicha kan dhiyeessan.

Haata'u malee, waldhabdeen kun attamii fi eessatti walitti dhufuun akka karaa marii fi maarabbaattiin akka itti dhumaturatti kan jedhan hin turre.

"Barri 2016 bara araarati. Mootummaan naannoo keenyaa gaaffiin uummata keenyaa hudumtuu karaa nagaatiin keessummaa'uu danda'a jedhee amantaa cimaa qaba," kan jedhan Obbo Shimallis, mootummaansaanii sababii walitti bu'insaatiin qabeenyiifi lubbuun akka badu fedhii tokkollee akka hin qabne ibsan.

Waldhabdee furuudhaaf karaa nagaatiin ala filmaanni gara biraa jiru uummata injifataa waan hin taasisneef jecha mootummaan akkuma kana duraa waamicha araaraa akka taasisu himan.

"Bara 2016 keessatti Oromiyaatti bara sagaleen qawwee itti cufamu, bara nagaan itti bu'u, bara obboleessi obboleessa ajjeesu osoo hin taanee bara nagaan bu'ee araaraan tokkummaan uummata keenyaa sadarkaa olaanaatti itti cehu,'' ken jedhan Obbo Shimallis, kanaaf garaa garummaan jiru karaa nagaatiin akka furamuuf ''waamicha koo dhiyeessun barbaada," jedhan.

Waamichi nagaa kun ejjannoo mootummaa naannoo Oromiyaafi waliigalatti Paartii Badhaadhinaatiin ta'uu kan ibsan Obbo Shimallis, "Karaa nagaatiin ala kan jiru hundumtuu qaama kamuu hin fayyadu," jedhan.

Waamichi nagaa Obbo Shimallis taasisan kunis addatti maqaa hidhaattootaa adda baasanii eeruu baatanilleen Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) jechuuf akka ta'e haasaa isaanirraa ni hubatama.

"Qaamoleen naannoo keenya keessa kallattii addaa addaatiin hidhatanii socho'an hundumtuu karaa nagaatti deebi'uu qabu. Karaa nagaatiin ummatasaaniifi kaayyoosaaniitiif akka karaa nagaatiin akka qabsaa'an irra dedeebi'ee waamicha koo dhiyeessuun barbaada," jedhan.

Waamichi kun mariin nagaa itti fufuu agarsiisaa?

Obbo Shimallis kanaan duras yaa'iiwwan Caffee Oromiyaarratti dabalatee yeroo garaa garaatti lolli Oromiyaatti humnoota mootummaafi hidhattoota WBO giduutti gaggeeffamu nagaan akka xumuramuuf hidhattootaan "koottaa galaa" jechaa turan.

Taatewwan ALI bara 2015'tti mudatan keessaa tokko mariin nagaa mootumma Itoophiyaafi hidhattoota WBO gidduutti Tanzaaniyaa- Zaanziibariitti gaggeeffamuu isaati. Marii kanaanis qaamoleen lachuu jalqabbii gaariifi itti deebi'anii mariyachuuf fedhii akka qaban ibsuunsaanii ni yaadatama.

Haata'u garuu, erga mariin nagaa ji'a Eblaa keessa Tanzaaniyaatti gaggeeffamee boodas Oromiyaatti lolli qaamolee lamaan giduutti gaggeeffamu itti hammaachuu maddeen ni himu.

Obbo Shimallis haasaa isaanii tibbanaatiin, akka yeroo kaanii jechoota "Shanee" jedhu fayyadamuun hidhattoota WBO wayita ibsan hin dhagahamne. Inumaayyuu "qaamolee hidhannoodhaan qabsaa'aniifi naannoo keenya keessa kallattii addaa addaatiin socho'an" jechuu ibsan.

Naannoo Oromiyaa godiinota garaa garaa keessatti lolli humnoota mootummaafi hidhattoota WBO gidduutti gaggeeffamu, keessumaa waggoota shanan darban keessatti, hammaachaa deemuun lubbuu lammiilee nagaa hedduu galaafatee, qabeenya mancaasuu yeroo garaa garaatti gabaasuun keenya ni yaadatama.

Waldhabdee gaggeeffamuun ''sochiin hawaasaafi diinagdee akka malee danqameera'' jechuun, kunis uummata Oromoo homaa akka hin fayyanne ibsuun, "diina keenyatu irraa fayyadame" jedhan.

"Qaawwa umnuun qaamni biraa akka itti hin fayyadamne, akka ittiin hin daldalle, ummata keenya injifannoo argateerraa duubatti deebisuuf kan hawwu hundumtuu akka dhimma itti hin baane qaawwi kun cufamuutu irra jiraatas,'' jedhan.

"Kanaafuu, hundumtuu karaa nagaatiin dubbii jiru xumuree, Oromiyaa tasgabboofte, Oromiyaa dhugaatti ijaaramte, Oromiyaa Itoophiyaa utubdee fuulduratti tarkaanfachiisuu dandeessu lafa qabsiisuf hundi keenyayyuu tasgabbiin hojjachuu danda;uutu nurra jiraata," jechuun ergaa dabarsan.

'Qormaanni ni jiraata garuu kan nu diigu miti'

Bara darbe keessa qormaanni heddu akka turee fi milkaa'ini hedduunis galmaa'uu kan dubbatan Obbo Shimallis, qormaata ture keessatti garuu "Waaqaafi ummatatti hirkannee" dabarre jedhan.

"Otuma mortuun mortuu, hortuun horti" jechuun kana mammaakan Obbo Shimallis, 'injifannoo ummataa' duubatti deebiisuuf tattaaffiin 'alaafi keessaa' godhame salphaa akka hin taaneefi irra anuu himan.

"Jireenyi dhala namaa qormaataafi abdii gidduu jiraata. Sabni ijaarame, sabni tokkummaasaa cimse, sabni xiinxalee haala keessa jiru hubate, qormaata isa quunname carraatti jijjiiree abdiisaa egeree milkeeffachaa adeema.

''Bara darbe qormaanni hedduun nu qunnameera. Garuu ammoo injifannoo heddu galmeessifne. Qormaaticha irraa barachuuf, injifannicha caalmaatti cimsuuf itti gargaaramuutu nurra jiraata," jechuun bara haaraa kanatti baruumsaafi Oromiyaatti warraqsa aadaa fiduurratti mootummaan akka xiyyeffatu dubbatan.

Waamichii fi hawwii naannichatti nagaa buusuu Obbo Shimallis cimsanii kaasaan kun bara kana keessatti yoom, attamiifi hangam hojiirra oolfama laata? Adeemsa keessa waan mul'atu ta'a.