Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Warri kaleessa raayyaa ittiisa biyyaafi mootummaa MM Abiy leellisan har'a maaliif 'Onagaawwii' ittiin jedhu?
Namoonni dhunfaafi gareen muraasni yeroo waraanni Kaaba Biyyattiitti tureefi isaan dura bulchiinsa MM Abiyyiifi raayyaa ittisa biyyaa leellisaa turan, dhiheenya keessa wayita 'Onagaawii' jechuun yoo farrajan dhagahamu.
Kanaaf, mootummaa Federaalaa, raayyaan ittisa biyyaa, akkasumas paartilee Oromoo bakka bu’aniin hunduu akka ilaalcha Adda Bilisummaa Oromoo waliin walitti hidhamuutti ibsuuf moggaasa “Onagaawwii” jedhuun waamaa jiru.
Keessumaa namoonni siyaasa, rogeeyyiifi dhiheenya kana ammoo kanneen garee Faannoo hidhatee naannoo Amaaraa keessa socho’uun walitti dhufeenya qabna jedhan yaada kana irra deddeebiin yoo miidiyaalee isaaniirratti dubbatan dhagahamu.
Waraana Kaaba Itoophiyaa waggaa lamaaf gaggeeffamee ture erga waliigalteen nagaa Piritoriyaatti mootummaa Federaalafi TPLF gidduutti mallattaa’een booda, namoota siyaasaa, rogeeyyoonniifi hidhattoota akka Faannoo irraa mormiin mootummaa jidduugalaa mudachuu eegale.
Deeggarsi yeroo waraanaa TPLF waliin turetti biyya keessaafi alaa mootummaaf qaamota kanneen irraa taasifamaa ture battalatti gara mormiitti jijjiirame.
Mariin nagaa taasifamuu hordofee mootummaan Federaalaa hidhattoonni Faannoo gara jireenya idileesaaniitti akka deebi'aniif waamicha dhiyeessee mormuun naannicha keessatti namoota mootummaa Federaalaa waliin hojjatan irratti tarkaanfii fudhachuu eegalan.
Kanaan wal-qabatee qaamota kanarraa ilaalchi “Onegaawwii Mangist” ykn “Mootummaa ABO” jedhu calaqqisuu eegale. ‘Arat Kiiloo’ kan to’ateefi biyya kan bulchaa jiru ABOdha. Kana malees, raayyan ittisa biyyaas 'Onagiidha' jechuu itti fufan.
Ofii dhuguma mootummaan Itoophiyaa 'Onagawiidhaa?' Mootummaafi ABOn dhuguma waliin hojjatuu? Maaliif mootummaa amma aangorra jiru maqaa ABO waliin kaasu? gaaffiilee jedhan irratti xinxaala kana qixeessinnerra.
Namoonni siyaasaa maal jedhu?
Obbo Battee Urgeessaa qondaala Adda Bilisummaa Oromooti. Mootummaan biyya bulchu mootummaa ABOti yaada jedhu kan yeroo dhiyoo as aktivistootaafi hidhattoota naannooAmaaraa keessa socha'aniin fakkeeffamu irratti dhaabni isaanii ABOn mootummaa kana wajjin hojjachuun haa hafuutii mootummaan dararaan irra gahaa akka jiru himu.
“Sirni mootummaa amma jiru ani Oromoodha ofiin jedhee hin beeku. Paartii Badhaadhina jedhu hundeessuun paartii biyya bulchaa jirudha.”
“Sirni kun [Badhaadhinni] jalqaba irraa kaasee qabsoo Qeerroo, kaniin anis keessa ture dabalatee, maqaa Oromootiin garuu Itoophiyummaa himataa gara aangootti dhufe. Ergaa aangootti dhufee kaasee kan lolaa jiru uummata Oromooti,” jechuun dubbatu.
Mootummaan biyya bulchaa jiru kan ABO akka hin taane mirkaneessituun hunda dura mootummaan kan irratti lola bane hooggana ABO biyya Ertiraa irraa biyyatti deebii'eefi Waraana Bilisummaa Oromoorratti akka ta’e himu Obbo Batteen.
“Sirni amma jiru kun kan Oromoon moosifate miti. Akkuma maqaasaa kan Itoophiyaa ta’uu mala. Kan Itoophiyaa ta’uufuu uummanni Itoophiyaa filannoo walabaan filachuu qaba,” jechuun dhaabinsaanii mootummaa ammaa wajjin hidhata omaatuu akka hin qabne ibsan.
ABO mana hidhaa jiruun ajandaasaaniif jecha 'mootummaa ABO' jedhu
MM Abiy Ahmed bara 2018tti akkuma aangootti dhufaniin, paartilee siyaasaa bulchiinsa TPLFn waggoota hedduuf shororkeessummaan farrajaman keessaa tokko kan ta'e ABO gara biyyatti akka deebi'ee karaa nagaatiin qabsaa'u taasisan.
Haata’u garuu, ABOn biyyatti deebi'ee ji’oota muraasaan booda ture mootummaafi dhaabicha jidduutti wal-himachaafi wal-gaarreeffannaan kan dhalate.
Boodarras ajjeechaa Artist Hacaaluu Hundeessaa hordofee qondaaltota ABO dabalatee namoonni siyaasaa Oromoo hedduun hidhaman. Isaan keessaa qondaaltonni ABO kanneen akka Abdii Raggaasaa, Lammii Beenyaa, Mikaa'eel Booraniifi kaan manni murtii bilisa baasuulleen hanga ammaa hidhamanii jiru.
Keessumaa, filannoo biyyaalessaa waggaa lama dura gaggeeffameen ABOfi KFOn hoggantonniifi deeggartoonni isaanii hidhamuufi dhiibamuu himmachuun filannoorratti osoo hin hirmaatiin hafuun ni yaadatama.
Walitti dhufeenyi mootummaafi paartilee Oromoo, keessumaa ABO gidduu jiru kana ta’ee osoo jiruu, namoonni siyaasaa, aktivistoonniifi hidhattoonni Amaaraa kaan maaliif mootummaan biyya bulchu “Mootummaa ABO” (Onagaawii Mangist) jedhanii waamu?
Dhimma siyaasa Itoophiyaa itti dhiheenyaan kan hordofu Iyyaasped Tasfaayee, ilaalchi siyaasa Oromoo ABOtti fakkeessuun dhimmoota lamarraa akka ka’u hima.
Bulchiinsa ADWUI keessattilleen, “Waggoota dheeraadhaaf bifa mootummaan deeggarame fakkaatuun ABO maqaa balleessuun ture. ABOn namoota nagaa ajjeese, ABOn buufata boba’aarratti haleellaa raawwate kanneen jedhan turan,” jechuun waan hundumaa ABO wajjin wal-fakkeessanii dhiyeessun waan addaa akka hin taane hima.
Inni biraa ammoo ejjannoon siyaasaa ABOn qabate qaamolee amma waan hundumaa “Onegaawwii” jedhan akka yaaddessu hima Iyyaasped.
“Ummanni Oromoo hiree mataasaa hanga ofiin murteeffatutti qabsoo ittan fufa jedheera ABOn. Keessumaa, humni siyaasaa gara mirgaatti duufu [right wing political ideology] waa’ee Oromoo gaafa yaadu sodaan isaa kana.
''Ummanni Oromoo mirga hiree ofii ofiin murteeffachuu argachuu waan sodaatuuf, mootummaan aangoorra jirus yaadasaanirra waan faallaa xiqqoosheellee yoo hojjate, sana yaadanii waan rifatan natti fakkaata,” jedha.
Gama biraan, sochii raayyan ittisa biygyaa bakka garaa garaatti raawwatus akka waan ‘waraana ABOtti’ fudhachuun “ABOn waraana nutti bobbaase” jechuun yeroo dubbatan miidiyaa hawaasaa gubbaatti bal’inaan ni mul’ata.
Iyaasped akka jedhutti, namoonni siyaasaafi aktivistoonni Amaaraa yaada kana kan dhaadhessan ‘ajandaa siyaasaa’ uumuufi malee ABOn ofiifuu dhiibbaa mootummaa jala jira.
“Gaggeessitoonni ABO ofiisaanifuu mana hidhaa jiru, kana wallaalanii miti. Namoonni gaggeessitoota ABO wajjin hidhamanii bahan kanneen akka gaazexeessaa Taammiraat Nagaraa erga bahanii booda waanti isaan haasa’an waan biraati,” jechuun ABOn ofiifuu dhiibbaa mootummaa jala akka jiru hima.
Ji’ootaan dura gaazexeessaa Taammiraat Nagaraa mana hidhaatii erga bahee booda qondaaltota ABO kanneen akka Abdii Raggaasaa faana hidhamuufi gidiraa isaanirra gahu himee ture.
Obbo Battee Urgeessaas gamasaaniin waan mootummaan biyya bulchullee hojjatu fuudhanii akka waan ABOn raawwatuutti ibsuun, kun garaa garummaa gidduu dhaaba Badhaadhinaatti uumeerraa kan maddeefi itti gaafatamummaa jalaa bahuuf waan hunda fuudhanii Oromootti haqachuu barbaadu jedhu.
"Tokko uummata isaanii ittiin bobbaasanii Oromummaa ykn sirna isaan amma jibban kanarratti akka ka'u kakaasudha."
"Gama biraatiin ammoo, yakkoota kanaan dura maqaa sirna kanaan [sirna Badhaadhinaa] raawwataman hunda Oromootti deebisuu barbaadu. Nuyii miti waraana kan bobbaase, kan bobbaase mootummaa kana," jechuun itti gaafatamummaa jalaa bahuuf ajandaa uumame akka ta'e ibsu Obbo Batteen.
Hundeessituu miidiyaa Addis Standard kan taate Tsadaalaa Lammaa kanaan dura dhimma wal-gaarreffannaa Badhaadhina naannoo Oromiyaafi naannoo Amaaraa irratti dubbisnee waraana Tigraay booda itti gaafatamummaa dheessuuf akka walirratti duulaa jiran BBCtti himte.
Waraanni tokko erga raawwateen booda qaamoleen waraanicha wal-ta'anii loluuf walii galan walitti mufachuun isaanii waanuma jirudha jetti.
"Walta'insi yeroo waraanaa taasifamu, waraanni erga xumuramee booda diigamuun isaa waanuma jirudha. Waanti tokkichi qaamolee kana walitti fide waraana. Waraanni gaafa dhume wal-ta'iinsi sun diigamuun waan hin oolledha."
"Jalqabayyuu kaayyoo siyaasaa tokko qabaatanii osoo hin taane [Paartin Badhaadhinaa Oromiyaafi Amaaraa] wal ta'insa faayidaarratti hundaa'e (transaction alliance)dha kan taasisan," jetti.
Naannoo Amaaraafi Oromiyaarraa waliin duuluun waraanni Kaaba Itoophiyaa erga nagaan xumuramee booda, itti gaafatamummaa jalaa bahuuf akka ta'e himuun yaada Obbo Battaan jedhan jabeessiti Tsadaalaan.
ABOn akka bineensatti akka ilaalamuuf TPLF waggaa dheeraa irratti hojjate'
Hanga bara 2018 warraaqsa uummataan mootummaan MM Abiy aangoo qabatutti, waggoota 20 oliif Adda Bilisummaa Oromoofi mootummaan Itoophiyaa akka diinatti wal-ilaalaafi wal-lolaa turan.
Paarlaman Itoophiyaas dhaaba shororkeessummaan farrajee keessaa tokko ABO ture.
Kana qofa osoo hin taane waggoota dheeraaf ABOn akka bineensa nama nyaatu wayiitti uummata biratti, keessumaa hawaasa Kaabaa biratti akka fakkeeffamu sirriitti akka irratti hojjatame himu Obbo Batteen.
"Naannoo Amaaraa, naannoo Tigraayitti waanti Oromoofi Oromummaa ibsu ABOdha jedhamee ibsama.
''Himata bara dheeraaf TPLF yeroo biyya kana to'attee turte ABO uummata Oromoo hin taane keessatti uumte adda. Namni jaarmiyaa kana akka bineensatti akka ilaalu godhameera," jechuun maqaan kun amma uummata ittiin kakaasuuf akka namoonni siyaasaafi aktivistoonni Amaaraa akka itti fayyadaman himu.
"Kaayyoon ABO beekamaadha, Oromiyaa bilisoomsudha. Kanaaf, ABOdhaan yoo wal-qabsiifne salphaatti uummata sochoosna jedhanii yaadu," jedhu.
Mootummaa amma jirus ta'ee waan Oromoo hunda kan 'Oromoonni jedhan' yoo ka'an waan jalaa laafuuf, ABOtti fakkeessuu akka filatanis himu Obbo Batteen.
"Sababni isaa ABOn [hawaasa Kaabaa] biratti hadheeffamee bifa hin taaneen fakkeeffamaa waan tureef," salphaatti ittiin uummata kakaasuuf isaan fayyada jedhan.