Marii mootummaa fi WBOf Taanzaaniyaa-Odolli Zaanzibaar maaliif filatamte?

    • Barreessaa, Zalaalam Taaddasaa Duuressaa
    • Gahee, Broadcast Journalist

Tanzaaniyaan marii nageenyaa Mootummaa Itoophiyaa fi Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) gidduutti gaggeeffamu keessumeessaa jirti.

Mootummaan biyyattii BBC’f akka mirkaneessetti, qaamoleen lamaan biyya isaaniitti akka mari’ataniif haala mijeessuu irra kan darbe jaarsummaas tahe qaamolee lamaan walitti fiduu keessatti qooda homaatii hin qaban.

Marii qaamoleen laman kana adda-durummaan kan gaggeessaa jiran Keeniyaa fi Noorwey yoo ta'an, biyyoonni kaan deeggarsa taasisaanis jiraachuun barameera.

Mariin kun Ebla 25, 2023 eegalame. Guyyaa jalqabame bulee ammoo, jechuun Ebla Tanzaaniyaan tokkummaa ishee seena-qabeessa tahe waggaa 59ffaa itti kabajattudha.

Biyyi kun tokkummaashee kabajataa, qaamoleen waldhaban-mootummaa Itoophiyaafi WBOn mariin akka tokko ta'aniif keessummeessaa jirti.

Odola Zaanzibaar umurii dheeraa qabduufi bakka hawata turistii taate ammoo addatti keessummaa marii kanasimatteetti.

Guyaan Tokkummaa biyyattii kun guyyaa odolli Zaanzibaar duraan akka biyya tokkootti of bulchaa turte, kan yeroo sana Tangaanikaa jedhamtee waamamtu waliin tokko tahuun biyya Tanzaaniyaa jedhamtu hundeessan jechuudha.

Yeroo kanatti mootummaan Itoophiyaa fi ABO-WBO waggoota darbaniif wal waraanaa turan karaa nagaa araaramuuf biyyattii keessatti mariitti jiru.

Marichi odola Zaanzibaar irrattidha kan gageeffamaa jiru.

Odolli Zaanzibaar ofiin kan of bulchitu taatee garuu qaama mootummaa Taanzaaniyaati.

Garuu odolli kun ykn akka biyyatti Tanzaaniyaan maaliif marii kanaaf filatamte kan jedhu gaaffii namoota baay’ee ta'uu hin hafu.

Maddeen amanamoo maricha hordofaniifi keessa beekan irraa akkan mirkaneeffadhetti, biyyootni mootummaa Itoophiyaa fi ABO-WBO marii nagaaf akka taa’an tumsaa turan biyyoota adda addaa filannoof dhiyeessaniif.

Isaan keessaa Tanzaaniyaa, odolli Zaanzibaar filannoo qaamolee lamaanii taate. Keessumaa warra WBO’f. Sababni isaa gam-tokkoon Itoophiyaas tahe WBO waliin hidhata siyaasaa addaa ykn loogii waan hin qabneef tahuu maddeen keenya nuuf himan.

Kan biraan ammoo nageenya amansiisaan waan jiruuf tahuufi maricha gaggeessuuf bakkeewan mijatoon Zaanzibaar irra jiraachuudha.

Pirezidaantiin Tanzaaniyaa ammaa Saamiyaa Suluhuu Hasan odola Zaanzibaar irratti dhalatanii guddatan.

Mariin nageenyaa mootummaa Itoophiyaa fi WBO jalqaba ni gageeffama jedhamee kan qabame biyya olla jirtu Keeniyaatti tahuu ajajaa olaanaan WBO Marroo Dirribaa BBCtti himee ture.

Marii kana irratti WBO jila isaa ergus gama mootummaa Itoophiyaan qaamni ergame wan hin jirreef osoo hin milkaa’iin hafuu ABO-WBOn hime.

Mootummaan Itoophiyaa gama isaan marii jalqaba Keeniyaatti karoorfame jedhame ilaalchisee waan jedhe tokkoyyuu hin qabu.

Marii mootummaa Itoophiyaa fi WBO kana Keeniyaa fi Noorweey adda durummaan qindeessaa akka jiran maddeen BBC amanamoon himaniiru.

Mariin kun akka milkaa’uuf biyyootni akka Ameerikaa, Iswiidinii fi kaanis tumsa gochuuf fedha guddaa akka qaban gorsaa olaanaan Ajajaa Waliigalaa WBO kan tahan Jireenyaa Guddataa gaaffiifi deebii kana dura BBC waliin godhan irratti himaniiru.

Keeniyaan waliigaltee nageenyaa mootummaa Itoophiyaa fi TPLF gidduutti dhufeef shoora olaanaa taphatteetti.

Uhuuruu Keeniyaataa qaamolee lamaan akka araarsaniif itti gaafatama fudhatanii hojjechaa turan. Ittis milkaa'aniiru.

Keeniyaan biyya ollaa Itoophiyaa jirtu tahuu qofa osoo hin taane biyya ollaa baqattootni Itoophiyaa hedduu keessa jiraatanidhas.

Sirna siyaasa Itoophiyaa keessatti namootni siyaasaa dhiibaman Keeniyaa keessa baqatummaan buufatanii gara biyyoota Awurooppaa fi Ameerikaatti kan galan hedduudha.

Yoo ollaan ofii nagaan bule ofiis nagana bulu akkuma jedhamu Keeniyaan, yeroo waraana Kaaba Itoophiyaa irraa jalqabdee rakkoo siyaasaa fi nageenyaa Itoophiyaa furuuf biyyoota tattaafataa turan keessaa tokko.

Mariin nageenyaa qaamolee lamaan gidduutti godhamu hanga xumura ji’a kanaatti tura jedhamee eegamaa turus yeroo dabalataa gaafachuu akka hin oolle BBC’n maddeen isaa irraa odeeffateera.

Itoophiyaafi marii araaraa waggoota shanii as

Qabsoo biyya keessaa olaantummaa bulchiinsa TPLF irratti waggootaaf godhamaa tureen MM Abiy Ahimed bara 2018 aangoo qabatan.

Naannoo Oromiyaa godina Jimmaa , Bashaashaatti kan dhalatan MM Abiy Ahimed, hidhatoota siyaasaa gadhiisuun, paartilee mormituu biyyoota adda addaa keessa maandheffatan akka biyyatti galan waamicha gochuun hedduu leellifaman.

Itoophiyaatti haaromsa gama dinagdee fi siyaasaa fiduuf kaabinoota haaraa, dubartoota hedduu hammate muuduun akkasuma jajamaa turan.

Haaromsa dinagdee biyya keessaa karaa jedhuunis dhaabbileen faayinaansii idil-dunyaa liqaa fi deeggarsa kennaa turan.

Gaazexesitoota hidhaa turan gadhiisuun walabummaan miidiyaa akka jiraatu gochuun gara jalqabaa hedduu leellifamaniiru.

Biya ollaa jirtu Ertiraa waliinis diinummaa waggoota dheeraaf ture cabsuun araarri akka bu’u godhaniiru.

Hawwaasni idil-adunyaa hojii isaanii kanaaf badhaasatu mala jechuun, badhaasa Noobelii Nagaa bara 2019 injifachuun tarree namoota Afrikaa irraa badhaasicha mo’atan kan akka Neelsan Mandeellaa, Waangaarii Mataayiifi Elen Joonsen Serliif faa’atti galmaa’an.

Haatahu malee, osoo oolee hin buliin Itoophiyaan biyya keessaa rakkoo siyaasaafi nageenyaaf saaxilamte.

Dabalataan dhimmi Hidha Haaromsaa Abbayyaa dhiibaa biraa karaa alaa dhalate tahe.

Egaa yeroo kanadha qaamoleen adda addaa rakkoo Itoophiyaa kana furra jechuun kan harka keessa galfatan.

Ameerikaan wal dhabdee Hidha Haaromsaa guddichaa Itoophiyaa, Sudaanii fi Masirii gidduutti dhalate nan fura jechuun yeroo adda addaa Waashingitan DCtti wal gahiin gaggeeffameera.

Garuu Itoophiyaan Ameerikaan Masiriif ‘’ni loogdi’’ jechuun maricha keessaa baate.

Dhimmi kun marii biyyoota hidhichi kallattiin isaan ilaallatu bira darbuun Mana Maree nageenyaa UN bira gahe.

Dhumarratti dhimmi hidha haaromsaa gara Gamtaa Afrikaatti deebi’uun irratti mari’atamaa ture.

Itoophiyaan ejjennoo kana fudhachuudhaan 'rakkoo Afrikaa keessatti dhalateef falli Afrikaa keessaa akka madduu danda'u' agarsiisuu dandeesseetti.

Sanatti aansee waraanni Kaaba Itoophiyaa humnoota TPLF fi mootummaa Itoophiyaa gidduutti dhalate.

Ammas Ameerikaa fi miseensotni Gamtaa Awurooppaa hedduun waraanichi akka dhaabbatuu fi karaa nagaa akka araarri bu’u dhiibbaa guddaa gochaa turan.

Jalqabarra Itoophiyaan Ameerikaa fi biyyootni Lixaa TPLF irra ‘harka qabu’ jechuun balaaleffachaa turte.

Dhimmi kunis dhumarratti Ameerikaa fi biyyootni kaan taajjabdummaan haa hirmaataniyyuu malee Gamtaa Afrikaa jalatti deebi’uun ergama Oleeseeguun Obaasaanjoo fudhataniin waliigalteen Piriitooriyaa, Afrikaa Kibbaatti mallattaa’e.

Yeroo waliigalteen Piriitooriyaa hojiitti hiikamaa jirutti lolli biraa humnoota nageenyaa mootummaa fi WBO gidduutti waggoota muraasa darbaniif naannoo Oromiyaa bakka adda addaatti gaggeeffamaa ture ammoo itti fufe.

Paarlaamaan Itoophiyaa guyyuma tokko ture TPLF fi WBO tarree shororkeesummaa jalatti kan galmeessee.

Waliigaltee nagaadhaan erga waraanni waggaa lamaa oliif Kaaba Itoophiyaatti gaggeefamee lubbuu namootaa kuma dhibba hedduu galaafate xumuramee kan Oromiyaa keessaas tarkaanfii wal fakkaataan akka xumuramu namootni siyaasaa hedduu gaafataa turan.

Jalqabarra WBO bbakka qaamni safaddaa walaba tahe jirutti mariif qophii tahuu himaa ture.

Mootummaan ammoo meeshaa keessan lafa godhaatii ‘koottaa karaa nagaa qabsaa’aa’ jechaa ture.

Dhumarratti qaamolee lamaan yeroo jalqabaaf fuulaa fuulatti mari’achuuf bakka bu’oota jaha jaha gama lachuun bakka buufachuun Tanzaaniyaa odola Zaanzibaar irrattiI Ebla 25, bara 2023 marii jalqaban.

Keessa beektota irraa akka odeeffannetti mariin kun yeroo gabaabaatti xumurama ykn waliigalteerra gahu jedhamee eegamuu baatus haala gaariin deemaa jira.

Namootni BBC’n kutaalee Oromiyaa adda addaa irraa dubbises marii jalqabuutti gammaduu himuun bu’aa isaa ammoo haalaan eegaa jiraachuu himaniiru.

Piriitooriyaan oduu gaarii Itoophiyaaf akkuma fide, Taanzaaniyaa odola Zaanzibaar irraas oduu gaarii biraa dhageenyaa?

Oduu gaarii ammas dhaga'uun ammoo ejjennoo Itoophiyaan "‘Waraanni Yaa Dhaabbatu, Nageenya Yaa Waaressinu’ jechuun Ebla 23, 2023 qaamolee nagaa buusuu keessatti gumaachan galateeffachuufi beekamtii kennuuf qophaa’erratti agarsiifte cimsa.

Hanga xumura marichaatti eegnee kan ilaallu taha.