Marii nagaa Tanzaaniyaatti Mootummaafi WBOn itti jiran hanga ammaa maal beekna?

Mariin nageenyaa mootummaa Itoophiyaa fi Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) gidduutti Tanzaaniyaa odola Zaanzibaaritti jalqabe akkuma itti fufetti jira.

Mariin kun Eebla 25 bara 2023 kan jalqabe yoo tahu, marii fuulaa fuulatti yeroo jalqabaaf mootummaa Itoophiyaa fi WBO gidduutti gaggeeffamedha.

Mariin kun cufaatti gaggeeffamaa kan jiru yoo tahu, odeeffannoo bal’aa argachuun ulfaataadha.

Maddeen keenya amanamoon akka himanitti, mariin kun yeroo duraan qabamerra darbuun ji’a dhufu keessas itti fufuun gaggeeffamuu danda’a.

Marichi jalqaba hanga xumura ji’a kanaatti gaggeefama jedhamee karoorfamee ture.

Guyyoota lamaan darban kana keessa ajandaa irratti mari’atan qaaccessuu fi irrattis falmii gaggeessuu maddeen amanamoon BBCtti himaniiru.

Maricha Noorweyii fi Keeniyaan adda durummaan kan qindeessan yoo tahu, biyyootni kaanis deeggarsa akka gochaa jiran maddeen keenya himaniiru.

Marii kana irratti mootummaa Itoophiyaa irraa bakka bu’oota jaha, akkasumas ABO-WBO irraa namootni jaha argamaniiru.

Ambasadar Reedwaan Huseen, kana dura marii Mootummaa Itoophiyaa fi TPLF gidduutti Piriitooriyaa gaggeeffame irrattis kan hirmaachuun waliigaltee nagaa irra gahuun kan milkaa’an, ammas mootummaa bakka bu’uun marii kana irrattis argamaniiru.

Ministerri Haqaa Dr Geediyoon Ximootiyoos akkasuma kanneen gama mootummaan argaman keessaati.

Hayyuu seenaa Piroofesar Mahaammad Hasan, biyya Ameerikaa kan jiraatanii fi akkasumas gorsaa olaanaan Ajajaa Waliigalaa ABO-WBO fi miseensa Gumii Shanee duraanii ABO Obbo Jireenyaa Guddataa, Kanaadaa irraa maricha irratti hirmaataa jiru.

Namni siyaasaa gameessii fi namoota ABO hundeessaniifi waggoota dheeraaf qaama hoggansa isaa keessatti eeraman Obbo Xahaa Abdiis keessatti argamu.

Mariin kun salphaa akka hin taanee fi yeroo dheeraa gaafachuu akka malus BBC’n odeeffateera.

Ajajaa Olaanaan ABO-WBO Marroo Dirribaa tibbana BBCtti akka himetti, ‘’gaaffiin siyaasaa Oromiyaa keessaa kan Tigiraay caalaa wal xaxaa waan taheef waliigalteerra gahuuf yeroo dheeraa gaafachuu danda’a’’ jedhe.

Keessumaa Oromiyaa keessatti mariin nagaa kun jalqabuun namoota hedduuf abdii horeera.

Gaaffiin siyaasaa ABO-WBO Maali?

ABO-WBO Mirga hiree ofii ofiin murteeffachuu uummata Oromoo mirkaneessuuf akka qabsaa’u hima.

Dabalataan dirreen siyaasaa Itoophiyaa keessaa akka bal’atu, waajiraaleen paartilee mormituu cufaman akka banaman [ waajjira ABO], namootni siyaasaa hidhaman akka hiikamanii fi ajjeechaan namoota siyaasaa fi nagaa irratti raawwatu dhaabbachuu akka qabu gaafata.

Dabalataan Itoophiyaa keessatti sirni dimokiraasii, haqaa fi mootummaa heera qabeessaa akka dhufuuf akka qabsaa’u hima.

Akkasumas daangaan Oromiyaa akka kabajamuu fi sarbama mirga namoomaa Oromiyaa keessatti raawwataa tureef murteen haqaa argamuu akka qabu odeeffannoo BBC’f kenneen eereera.

Kanaaf ammoo qorannoon qaama walaba taheen gaggeeffamuu akka qabu himuun haqa malee dimokiraasii dhugaa mirkaneessuun akka hin danda’amne ibseera.

Haleellaa namoota nagaa irratti kutaalee Oromiyaa gara Lixaa fi Kibbaatti yeroo adda addaatti gaggeeffamee lubbuu namoota hedduu galaafateef mootummaan hidhattoota WBOtti quba yoo qabu, isaan ammoo gochaa kana ni haalu.

Mootummaan Itoophiyaas gama isaan qabsoon hidhannoo akka hin barbaachifnee fi filannoo irratti hirmaachuun imaammata siyaasaa uummataaf dhiyeessuun dorgomuu akka danda’an hima.

Garuu qaamolee lamaan gidduu wal amantaan kan jiru hin fakkaatu.

WBO akka fakkeenyaatti kan kaasu ABO’n erga Eertiraa irraa qawwee lafa gochuun karaa nagaa qabsaa’uuf biyyatti galee hoggansi isaanii hedduun hidhamuu fi waajjiraaleen isaanii bakka adda addaa cufamuudha.

Haa tahu malee mootummaan qondaalota ABO hidhe ‘qaama hidhate waliin qunnamtii qabu’ jechuun yeroo adda addaa himata.

Bara 2018 yeroo mootummaan Itoophiyaa fi qondaalonni ABO Eertiraatti mari’achuun biyatti akka deebi’an murtaa’u, waliigalteen isaanii maal akka tahe ifatti hin beekamu ture.

ABO’n bara 1970’oota keessa yeroo hundeeffamu uummanni Oromoo sirna siyaasaa Itoophiyaa keessatti waggoota dheeraaf cunqurfamaa waan tureef bilisa baasna jechuuni.

Dameen waraanaa isaa yeroo sanaa ammoo Waraana Bilisummaa Oromoo jedhama. Haa tahu malee, ABO’n erga qabsoo karaa nagaatti deebi’ee bara 2019, ‘waraana hidhatee qabsaa’u hin qabu’ jechuun labsettidha.

ABO’n mirgi uummata Oromoo akka kabajamu, mirgi abbaa biyyummaa fi hiree ofii ofiin murteeffachuu uummatichaa mirkaneessuf akka qabsaa’u imaammata siyaasaa isaa irratti ibsa.

Gaaffiin siyaasaa ABO-WBO qabatee socho’us kanarraa addummaa hin qabu. Garuu ‘’karaa nagaa deebii waan dhabneef qabsoo hidhannootti gorre’’ jedhu.

Mootummaan Dargii yeroo kufu mootummaa ce’umsaa keessatti hirmaatus wal dhabdee yeroo sana ABO fi TPLF gidduutti mudateen biyyaa bahuuf dirqameera.

Hanga qabsoo biyya keessatti gaggeeffamaa tureen TPLF aangoo irraa kaafamuun bara 2018 Dr Abiy Ahimed aangoo qabatanitti ABO’n Eertiraa maandheffachuun qabsoo gaggeessaa ture.

Waamicha paartilee ala jiraaniif MM Abiy godhaniin ABO’n warana isaa Eertiraa turan qabatee qondaalota isaa wlaiin biyyatti gale.

Ergasii rakkoo siyaasaa biyyattii keessatti mudateen qondaalonni ABO hedduun mana hidhaa galan. Kaan manni murtii bilisa jedhus amayyuu akka hin gadhiifamne abukaatoon isaanii BBCtti himaa turan.

Wal amanta mootummaa fi hidhattoota WBO gidduutti mudate guddachaa dhufuun hidhattootni WBO bosonati hafan mootummaa Itoophiyaa walin wal waraanuu itti fufan.

Kutaalee Lixa Oromiyaa fi Kibbaa keessa bal’inaan socho’aa erga turanii dhiyeenya garuu gara kutaalee Oromiyaa gidduugaleessaa fi kaaniittis babal’achuun humna nageenyaa mootummaa wlaiin wal waraanaa turan.

Mootummaan hidhattoota kanneen irratti tarkaanfii akka fudhataa jiru himus kutaalee Lixa Oromiyaa hedduu keessatti nageenyi boora’uun hojiilee misoomaa fi oomishaafis danqaa taheera.

Lubbuun namoota hedduus sababa rakkoo nageenyaa mudate kanaan darbeera.

Torbanoota darban keessa MM Abiy Ahimed Wallagga bahaa magaalaa Naqamtee deemuun bakka bu’oota Hawwaasaa godinaalee afurii waliin mari’ataniiru.

Rakkoo nageenyaa naannoo Oromiyaa keessatti mudate karaa nagaa furuuf qophii tahuus himaa turan.

Ergasii sirna galateeffannaa namoota mootummaa fi TPLF gidduutti waliigaltee nageenyaa akka dhufuuf gumaachaniif kenname irratti hidhattoota WBO waliin mariin nageenyaa Tanzaaniyaatti jalqabuuf akka jedhu himan.

Qaamni hunduu waliigaltee nagaa irra akka gahamuuf tumsa irraa barbaachisu bahachuu akka qaban himan.

Oduun kun namoota hedduuf abdii guddaa kenneera. Itti baha isaa hordofnee isin biraan geenya.