Artistoonni lamaan, Caalaafi Andu'aalam, akkamiin araaraman?

Walitti bu’iinsi Artist Caalaa Bultumeefi Artist Andu’aalam Gosaa torban dura ijoo dubbii ture jaarsummaan furamuu ibsameera.

Weellistoonni wallee Afaan Oromoon bal’inaan beekaman lamaan miidiyaa hawaasummaa gubbaa ''yaalii ajjeechaafi dhukaasa banuun'' wal himataniiru.

Ta’us, turtii guyyootaa booda dhimmi isaanii namoota isaanitti dhihaataniin jaarsummaan furamuu himameera.

Yaasoo Kabbabaa Hordofaa og-barreessaadha. Namoota jaarsummaan rakkoo artistoota lamaan gidduu jiru furu jedhe walitti qabuu BBC’tti hime.

Isa waliin Artiist Jaamboo Jootee, Gaazexeessaa Margaa Angaasuu, maanguddoo Habtaamuu Tolaafi namoonni kaanis akka jiran ibse.

Araarri Magaalaa Bishooftuu naannoo Hora Arsadee Irreechi taasifamu gajjallaa ''Odaa Guddaa tokko jalatti,'' gaafa Sambataa eegalee Dilbata xumuramuu hime.

Isintu waamee isin araarsina jettanimoo isaantu nu araarsaa jedhanii isin bira dhufan?

''Isaan yaada [araaramuu] qabu, nutimmoo furmaata qabna. Akkam goonu gaafa nutti mari’atan, akka godhan itti himne.

''Gareen tokko san bakka bu’ee, gareen tokko kana bakka bu’ee gamaa gamana teenyee haasofnee tarree gallee murteessine,'' jechuun hime.

Araararratti maaltu jedhame?

Dhimmi artistoota lamaan gidduu mudate akka jiru kan dhagahame baatii Hagayya keessa ture.

Wallee Maastar Pilaanii magaalaa Finfinnee mormuu baasen ummata biratti kan beekame Caalaa Bultumeen ''yaaliin ajjeechaa'' irratti raawwatamuu Fesbuukii gubbaa himate.

Badii kanaafis ''garee Faannoo'' jedhe himate. Faannoon hidhattoota Amaaraa yeroo ammaa humnoota nageenyaa mootummaa Naannoo Amaaraatti lolaa jiranidha.

Guyyoota muraasa boodammoo Artist Andu'aalam Gosaa TikTok isaa gubbaa bahuun isaafi Caalaa gidduu rakkoon akka dhalate mirkaneesse.

Akka inni himetti, dhimmichi Caalaan ''meeshaa waraanaa'' qabatee bakka bashannanaa inni Hoteela Qananiisaatti banetti seenuuf jedhuun walqabata.

Kanaanis, eegdoti meeshaa harkaa fuudhuufi boodarra Andu’aalam gidduu seenee akka deebiseef hima. Achii Caalaan namoota kaan waliin walitti bu’uu himata Andu’aalam.

''Mucaa isa tokko dhayee kuffiseera. Bakka kufetti rasaasni dhuka'e. Na hin ajjeesiin yoo jedhu ani hin dandeenye dhiisi jedheen gidduu gale'' jedha Andu'alam.

Battala kanatti ''atis zoor jedhi jedhee natti qabee dhukaase... idoo sanitti lubbuun namaa darbuu hin danda'a ture. Mucaan ammas miidhama guddaarra jira. Ana rabbi na baaseera'' jedhe.

''Lama dhuka'e tokko surree keessa darbe. Tokko ammoo miila koo na argate'' jedhe.

Akka BBC’n namoota isatti dhihaatanirraa odeeffateetti, ''miidhamni salphaa'' isa qunnameera.

Caalaan himannaa irratti dhihaate kanarratti waan ifatti deebise hin qabu.

Waan gaafas ta’e, haala ture ammallee wanti ifa hin taane jira. Weellistoota lamaan kanarraa odeeffachuuf BBC’n yaalii taasisneen hin milkoofne. Isaan jaarsa biratti maal jedhan?

Akka Yaasoon himutti, artistoonni lamaan jaarsa fuuldura ''himannaan wal himatan hin jiru.''

''Dogongoratti wantoonni akkanaa akka ta’aniifi lamaan isaanitiyyuu haaloo walirraa akka hin qabne, walillee akka hin jibbine, jaalala akka walirraa qaban,'' dubbatuu himan.

Artistoonni lamaan miidiyaa hawaasummaarratti malee miidiyaatti dhihaatanii waan dubbatan hin qaban. Dhimmicha poolisiin Magaalaa Finfinnees akka quba hin qabne himeera.

''Walloluu keessa wal faarsuun hin jiru waan ta’ef namni kamuu karaatti nama injifatu kaa’ata. Arrabsuu, walfaaluun waanuma barame namoota gidduutti,'' jedha Yaasoon.

''Wanti miidiyaa hawaasummaarratti darbaa ture suni gaafa guyyaa araaraa soba ta’uufi wantoonni hedduunis immoo defend [ofirraa ittisuu] of gochuudhaaf qofa akka ta’ani kan kaafame.

''Sanammoo maanguddoonni gorsanii akka irraa deebi’an,'' gochuu dubbatu.

Ammallee dhimmoota artistoonni lamaan walirratti kaasaniifi ''soba'' jedhame kam akka ta’e ifa miti.

''Kuni sobadha, kuni dhugaadha hin jedhu maanguddoon. Kuni sirrii miti, kuni sirriidha jedha maanguddoon. Waan dabde, kuni dabdeetti dhiisi jedhee gorsa.

''Eega gorsee ka‘e booda garuu namoota badii qaban jedhamee yaadamu sanallee hin saaxilu. Seerri maanguddummaa haguuguudha.''

Akka aadaa Oromootti, jaarsummaan dubbii furuudha. Waan mariirra ture nama biraatti hin himani.

Jaarsummaa keessa maaltu isin rakkise?

''Jaarsummaan ofuma isaatiifuu rakkoo hiikuu waan ta’eef wanti nama rakkisu tokkoyyuu hin jiru.''

Garuu, jaarsummaan guyyaa lama tureemi?

''Waan salphaadhayyu guyyaa lama,'' jechuun deebise Yaasoon.

Wal kiisuun turee?

''Tokko kan biraa beenyaa kanfale hin qabu,'' jechuun beenyaan walirraa nyaatan akka hin jirre hime.

''Dhugaa walii laachuutu jira malee wal kiisuun hin jiru. … Obboleessi obboleessarraa beenyaa hin nyaatu.''

Akka jaarsa kanaatti, qaami balleesse jedhe‚ ''ija jaarsaa fuulduratti miidhama keef dhugaa nan kenna,'' jechuun akka dubbatu hima.

''Beenyaa walirraa fudhachuun garaa walitti hin fayyisu, haaloo walitti qabsiisa malee. Maanguddummaan immoo haaloo walitti qabsiisuu miti, garaa walitti fayyisuudha,'' jedha.

''Maallaqa kanfalamuuf murtaa’es hin jiru, maallaqni kanfaluus hin jiru. Kan Caalaan kanfaluus hin jiru, kan Andu’aalam fudhatuus hin jiru.''

Dubbii Yaasoorraa kan badiin himatame Caalaadha. Dubbiidhuma dhiisuudhaan dhiise jechuudhaa Andu’aalam?

''Dubbii dhiisuudhaan qofa miti, araaramuudhaan dhiise,'' jedhe Yaasoon.

Artiist Caalaa waan mudate jedhe ‘jaarsummaan xumuruuf sosso’aa akka jiru‘ torban darbe Fesbuukii isaa gubbaa katabee ture.

Artiist Andu’aalam guyyaa walitti bu’iinsi mudate nami biraa miidhamuu ibsee ture. Nami kuni eenyu akka ta’e ifa ta’uudhaas baatu miidhamuu isaa hime.

Tarii dhimma kana ilaaluu isaanii kan gaafanne Yaasoon, dhimmi ilaalame kan artistoota lamaan ta’uufi ''kaanis dhawaatuma itti deemna'' jedhan.

Aadaafi ija seeraan furuu

Himannaan artistoonni lamaan walirratti dhiheessan jabaadha. Ammatti poolisiin quba hin qabu jedheera.

Yaasoon, ''Andu’aalam dhaqee akka hin himanne garuu nan beeka,'' jedha.

Adeemsa aadaan furuun kuni tarii adeemsa seera hordofanii raawwachiisuu hin laaffisuu?

Yaasoon karaa sirna aadaan furuu ''jajjabeeffamuu qaba'' jechuun ibsa.

Akka isaatti, sirna aadaan furuun kuni ''haaloo balleessa'' yaada jedhu qabu.

''Jaarsummaan ragaa hin barbaadu, dhugaa barbaada. Seerri dhugaa hin barbaadu, ragaa barbaada.''

Haa ta’u malee, yakka sanuu magaalaa guddoo biyyattiitti raawwateefi artistoonni beekaman miidiyaa hawaasummaa ibsan seeraan furamuu akka qabu kan falman jiru.

Naannoon Oromiyaa booda kana manneen murtii aadaa akka babal'atu sochii taasisaa jira.

Gaabii eenyutu uwwise?

Erga Artistooti kuni araaramuu ibsame booda suuraan jarri lamaan gaabii uffatan mul’isu qoodamaa ture. Kuni, aadaa keessa hiika akka qabu hima Yaasoon.

''Fedhii namicha muufachiseetiin yookiin immoo ilaalcha maanguddootiin bakka mufate sana gateettii qabda, gaaddisa itti uwwista.

''Hiikni isaa gaaddisa itti gochuudha gateettii nama mufate sanatti.''

Maaltu irraa baratama?

Yaasoon rakkoon artistoota lamaan gidduu mudate rakkoo jabaa dhaluu mala jedhee ibsa.

''Ijoolleen kuni public figure [bakka bu’aa hawaasaa] ta’anii jiru. Ijoolleen akkanaa kuni yeroo walitti bu’an caasaa hawaasummaatu diigama. Namatu gareedhaan walitti bu’a,'' jechuun yaaddoo ibsa.

''Namni gareedhaan akka wal hin lolle daddafanii rakkoo jiru lafarratti furanii qabbaneessuufi garaa walitti firoomsuun barbaachisaa akka ta’e,'' baratamuu qaba yaada jedhu qaba.

Yaasoon isaafi namoonni itti dhihaatu ‘''Dhimma saba [Oromoo] ilaallatu deemnee hiikna, jechuun fedha ofiin akka sosso’an hima.

''Barana aniifi Habtaamuu Tolaa gara maanguddummaa 14, 15’ni tenyeerra Oromoota gidduutti. Waan nu rakkisa hin arganne hamma ammaatitti.''