Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Weellistoota lamaan, Caalaa fi Andu'aalam, gidduu maaltu mudate?
Jimaata barii Finfinnee naannoo Booleetti mudannoo tasaan weellisaa Andu'alem Gosaarraa ''miidhaan salphaa'' qaqqabuu BBC'n maddeen adda addaarraa odeeffateera.
Ta'iin kun Boolee Hoteela Qananiisaatti mudate. Miidhamni Andu'alem Gosaarra gahe miidhama salphaa akka ta'eefi Jimaata ganama waldhaansa miila isaaf argatee mana isaatti deebi'uu odeeffanneerra.
Walitti bu'iinsa mudate kana keessa rasaasni dhukaafameera.
Ta'iin kun Hoteela Qananiisaa bakka weellisaa Andu'alem Gosaa itti hojjetutti raawwatame.
Ta'iin kun jalqaba kan dhagaahame Weellisaa Caalaa Bultumee hoteela Qananiisaatti yaaliin ajjeechaa irratti raawwatamuu fuula Feesbuukii isaa gubbaatti maxxanfamuu booda.
Weellisaa Caalaa ''yaalii ajjeecha Hoteela Qananisaa Baqqalaatti giruuppii Faannootiin narratti gaggeefame irraa hafeen jira'' jechuun maxxanse.
Dhimma kana qulqulleeffachuuf BBC weellisaa Caalaa Bultumeefi weellisaa Andu'alem Gosaa irraa odeeffannoo argachuuf yaalee ammatti deebii hin arganne.
Haata'u malee, weellisaa Andu'aleem Gosaa Dilbata darbe viidiyoo daqiiqaa 2:20 Tiktok isaa gubbaatti gadhiiseen rasaasni lama itti dhukaafamee tokko miila isa gara gadiirra isa argachuu dubbateera.
''Hoteela Qananiisaatti guyyaa sana ani hojiin qaba, Caalaan ammoo bashannanuuf dhufe'' kan jedhu weellisaa Andu'aleem, weellisaa Caalaan erga qophiin raawwatee dhufee jalqaba meeshaa qabatee dhufe irratti eegdota waliin walitti bu'uu dubbate.
Ta'ii kana ilaalchisee BBC'n Poolisii magaalaa Finfinneetti bilbilee dubbii himaa Komishinii Poolisii magaalaa Finfinnee Komaandara I/aanaa Maarqos Taaddasaaf bilbilee ture.
Maarqoos hanga Jimaata galgalaatti gaabaasnis ta'e himannaan isaan qaqqabe akka hin jirre himan.
''Ta'iin akka kanaa raawwatamuu yeroo duraafin sirraa dhagahaa jira. Odeeffannoon nu qaqqabe hin jiru'' jedhan.
Jimaata darbee kaasee fayyadamtootni miidiyaa hawaasaa hedduun rasaasni kan dhuka'e wayita weellisaa Caalaafi nama biraa gidduu dhibdeen ka'eefi weellisaa Andu'alem walirraa qabuuf gidduu seenuudhu jedhu maxxansaa oolan.
''Gaardota keessa ijoolleen Oromos jirti, qabdee baaste alatti. Meeshaa irraa fuudhanii turan. Meshaan deebi'uu qaba waan jedhu inni natti haasofnaan, deebi'uufi qaba jedhee deebisiiseef.''
''Kana keessa ijoolleen iddoo biraatii dhufte, ijoollittii nan beeka walitti bu'an. Mucaa isa tokko dhayee kuffiseera. Bakka kufetti rasaasni dhuka'e.
''Na hin ajjeesiin yoo jedhu ani hin dandeenye dhiisi jedheen gidduu gale'' jedha Andu'aleem viidiyoo gabaabaa gadhiise keessatti.
Battala kanatti ''atis zoor jedhi jedhee natti qabee dhukaase... idoo sanitti lubbuun namaa darbuu hin danda'a ture. Mucaan ammas miidhama guddaarra jira. Ana rabbii na baaseera'' jedhe.
''Lama dhuka'e tokko surree keessa darbe. Tokko ammoo miila koo na argate'' jedhe.
Weellisaa Caalaa Bultumee himannaa kanaafi ta'ii Jimaata barii mudate irratti ammatti yaada ifatti kenne hin qabu.
Namoota erga ta'ii kanaatii weellisaa Andu'aleem dhaqanii gaafatan keessaa tokko miilli isaa faashaan maramuufi haala fayyaa gaariirra akka jiru mana isaattis deebi'ee akka jiru odeeffateera.
Weellisaa Caalaa Bultumee maxxansa isaa keessatti konkolaataan isaa ta'ii Jimaata barii ''yaalii ajjeechaa'' jechuun ibseen walqabatee miidhaa guddaan irra gahuu himateera.
Suura konkolaataa isaa miidhamees qoodeera.
Maddeen eenyummaan isaanii akka hin ibsamne gaafatanii yaada kennan garuu konkolaataan suurri isaa maxxanfame balaa amma dura mudateen miidhame malee kan ammaa akka hin taane himan.
Haata'u malee BBC dhimma kana irratti qaama dhimmi ilaallaturraa ragaa hin arganne.
Oduun kuni dubbii Andu'aalam Dilbata taasise dabaluun haaromeera.