Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Sirba Galaanaa Gaaromsaa ‘Duraanuu’ jedhu dabalatee sirboota dhuka ergaa qaban duuba kan jiru Antanah Tafarraa eenyu?
Antanah Tafarraa sirboota Artiist Galaanaa Gaaromsaa ‘Duraanuu’ fi kan Jaamboo Jootee ‘Belbaa’ qindeessera.
BBCnis waa’ee qindeessan muuziqaa kun attamiin gara oggummaa kanaatti akka dhufeefi kaan irratti turtii waliin taasise akkasiin qindeessineera.
“Dhaloonnis, guddinni koos magaala Adaamaati. Barumsas kanin itti baradhe, jireenyi koo hundi kan keessa jiru magaala Adaamaatti” jedha qindeessaan muuziqaa dargaggoo Antanah Tafarraa.
Gadhiifamuu sirba qeenxee artiist Galaanaa Gaaromsaa ‘Duraanuu’ jedhuun walqabatee namoonni hedduun dargaggoo kana gama miidiyaalee hawaasaatiin beekamtii kennaafi leellisaa turan.
Qindeessaan muuziqaa kun artiistoota reefu indaastirii muuziqaatti makamanii hanga artiistota gameeyyii uummata biraa kabajaafi jaalala guddaa horatan walin hojjeteera.
Hojiisaa kanaaf ka’umsa kan ta’e immoo jaalala muuziqaa yeroo ijoollummaasaatti horate akka ta’e dubbata.
Hirmaannaa gutii hanga stuudiyoo banachuutti
Hojiin muuzuqaa qindeessuu abjuu yeroo ijoollummaasaa akka ture kan himu qindeessaan muuziqaa Antanah Tafarraa, hojiilee muuziqaa bara 1990n keessa gama miidiyaan tamsa’aa turaniin caalmaatti hawwatamuusaa hima.
Sanaanis fedhiifi jaallalli muuziqaaf qabu dabalaaa deemuu akkasumas gumiiwwan magaala Adaamaa keessatti argaman keessatti hirmaachuu eegaluusaa dubbata.
“Dhaabbata miti-mootummaa Fooram jedhamutu ture. Achitti gumiiwwan akka Farra HIV fa’i turan. Dhaabbatichi dargaggoota walitti qabuun meeshaalee muuziqaafaa deeggaruun dandeettii isaanii akka baasan taasisa. Anis carraa achi seenuun argadhe,” jedha.
Dhaabbata kana keessattis meeshaa muuziqaa Kiiboordii (Keyboard) baratee taphachuu eegale.
“Sana booda yeroo dheeraaf baandii keessattin taphachaa ture. Manneen shubbisaa magaalota Finfinnee fi Adaamaa baay’ee keessa naannoofnee hojjechaa turre,” jedha.
Baandii kana keessattis gaheen hojiisaa meeshaa muuziqaa Kiiboordii (Keyboard) taphachuu akka tures hima.
“Baandii keessa wayitan hojjedhus fedhiin stuudiyoo muuziqaa banuufi muuzuqaa qindeessuurratti xiyyeeffachaan ture,” kan jedhu dargaggoon kun, naannoo waggaa 10 baranaa stuudiyoo mataasaa magaala Adaamaatti banachuusaa hima.
Kana malees fedhii, jaalalaa fi ogummaa muuziqaaf qabu beekumsa barnootaan argamuun deeggaruuf barnoota muuziqaa barachuu isaa hima.
Imala waggoota artiistota haaraa fi buleeyyii waliin
“Tibban stuudiyoo bane kallattiin gara gabaatti seenee hojii hojjechuu osoo hintaane stuudiyoo keessatti of barsiisuu irrattin xiyyeeffadhee ture” kan jedhu Antanaan, boodarra artiistota walin hojjechuu eegaluusa hima.
Artiistonni baay’een magaala Finfinnee keessa kan jiraatan ta’uun walqabatee istuudiyoo magaala Adaamaatti banuu isaatiin yaaddoon gabaa dhabuun danda’a jedhu isa mudatee yoo ture kan gaafanne Antanah, “jalqaba haala gabaa ykn hojii achi (Finfinnee) jiru yaada keessa hin galchine ture.
Fedhiidhuma dhuunfaa kootifan istuudiyoo baneeyyu. Achii garuu artiistoonni walirraa dhagahaa bilbilanii na dubbisuu eegalan,” jedha.
“Haala amma jiruun artiistota waliin hojjedhu keessaa dhibbeentaa 90 ol kan ta’an magaala Finfinnee irraa dhufanii kan waliin hojjennudha,” jedha.
Qindeessaan muuziqaa kun istuudiyoo dhuunfaasaa banatee hojii muuziqaa qindeessuu hojjechuu erga eegalee booda sirbi yeroo jalqabaaf qindeesse sirba Keekiyyaa Badhaadhaa ta’uu hima.
Sana boodas artiistota haaraa fi buleeyyii garagaraa walin hojjateera.
“Albamii Galaanaa Gaaromsaa Baallii jedhu keessatti sirbota sagal irratti hirmaadhera. Kan Jaamboo Jootee Belbaa kan jedhu, Dassaalany Beekamaaf, Isqiyaas Mazammiriif, kan amma jaalatamumaa argate Jamaree akkasumas kan Margituu Warqinaa Omboboleettii irratti hirmaadhera,” jechuun hojiileesaa keessaa muraasa eera.
Dabalataan artiistota afaan Amaariffaan weellisan Ahimad Tashooma, Mulu’aalam Taakkala, Abeel Mulugeetaa fi kunneen biroof illeen muuziqaa qindeessuu isaas BBC’tti himera.
‘Jaalala fi kabaja namni naaf laatef baay’een galateefadha’
Kanaan dura barmaatiin ogeeyyii sirba muuziqaa tokko duuba jiraniif beekamtii kennuu laafaa akka ture kan himu qindeessaa muuziqaa Antanah Tafarraa, amma garuu baay’een galateefadha. Caalmaatti akkan hojjedhuu fi akkan jabaadhu kan na taasisudha,” jedha.
“Artiistiin guddaan tokko si yaadee si walin hojjechuu yaadee bilbilee yemmuu beellama naaf qabi sin jedhu gammachuu guddaatu sitti dhagahama,” kan jedhu Antanah, yeroo ammaa Qamar Yuusuf, Taaddalaa Gammachuu fi Geetaachoo Haayilamaaram dabalatee artiistota buleeyyii fi beekamoo biroo walin hojjechaa akka jirus BBC’tti himeera.
“Ani iddichaaf nan madaala jedhee yaaduu baadhus yeroon tattaafachaa jiru kanatti isaan (artiistonni beekamoon) waa’eekoo dhagahanii ‘isa biratti hojjechuun danda’a’ jedhanii sitti amananii yeroo siif bilbilan gammachuu guddaatu sitti dhagahama,” jedha.
“Artiistota kunneen waliin hojjechuun naamusa si barsiisa, kabaja muuziqaaf qaban si barsiisa, kennaa isaanii si barsiisa, wanta baay’ee agarta. Kanaaf ani baay’ee carra qabeessaa fi gammadaadha,” kan jedhu Antanah, gara fulduraatti artiistota buleeyyii malee artiistota haaraa as bahaa jiranii fi dandeettii qaban walin hojiiwwan gaggaarii hojjechuu akka barbaadu dubbata.