Manneen murtii aadaa Oromiyaan jalqabsiise saboota biroos hawwachaa jiru

Hayyuu Gadaa Hordofaa Damissee Magaala Finfinnee Kutaa Magaala Lammii Kuraatti maanguddoo abbaa seeraa mana murtii aadaa tahanii hojjechaa jiru.

Isaan akka aadaa abboota isaaniirraa dhaalanitti duudhaa ganamaatiin lubbuu cooqa buute cooqaa kaasuu, kan wallole araarsuu fi kan balleesse akka aadaatti sirreessuuf fedhii qabataanilleen galma dhabanii rakkachaa turan.

“Nuti Gadaa kana baayyee ni barbaanna. Gaaddisa dhabnee rakkachaa turre. Nama wallole araarsuudhaa, Kan balleesse akka aadaatti adabuudhaa, dhiiga dhangala’e, lafee cabe akka dhugaansaa bahuuf bakki teenyee hojjennu rakkoo ture,” Jedhan.

Ji’oota muraasa dura Bulchiinsa magaala Finfinnee irraa bakka duudhaa sirna Gadaa kana itti adeemsisan argachuun isaanii hojii araaraa fi murtii hojjechuuf haala mijataa uumuufiis himu.

“Mana murti aadaa kana erga jalqabnee ji’a muraasa. Nu biratti wanti ta’u aadaadhaan. Kakuun asitti kakatan cimaa waan ta’eef namni hin sobu. Nama daangaa namaa dhiibe, kan maallaqa namaa gane deebisiisaa jirra,” jedhan.

Murtii aadaa erga jalqabani ji’a lama ta’e kun fudhatamni hawaasa biratti argate guddaa waan taa’eef guyyaatti maamila hanga 40 ta’antu gara keenya dhufa jedhan maanguddoo Hayyuu Hordofaan.

“Ebeluu fi ebelu araaraman jechuu gaafa dhagahu namni baayyeen himatasaa gara keenya fida. Hawaasni baayyee gammachuu itti qaba. Dhugaa waggaa 20 faa dhokate baasafii jirra. Warra nama walii ajjeesee wal baqatee jiraatu gumaa baasisnee araarsaa jirra,” jedhan.

Mana murti aadaa Finfinneetti amma hojii jalqabe kana Oromootaan alattis saboonni biroo kutaa magaalaa isaanii jiraatanis dhufanii tajaajilamaa jiru jedhan.

“Warri mana walirraa bitee fi gurguree walgane, kan konkolaataa gurguree walgane gara keenya dhufu. Warri sabummaa biraa qabanu amma baayinaan nu biratti dhimma isaanii fidatanii warri dhugaa isaanii baasnee araarsine hedduudha,” jedhan.

Manneen murtii aadaa Oromiyaatti hammam bu’aa fidan?

Hundeeffama manneen murti aadaa fi bu’aa waggaa tokko keessatti fide ilaalchisuun BBC waliin turtii kan taasisan Pirezedaantiin mana murti waliigala Oromiyaa Obbo Gazaalii Abbaasimal, erga manni murti aadaa hojii jalqabee dhimmootni gara manneen murti idilee dhufan hir’ataniiru jedhan.

“Ummanni lafuma jirutti osoo fagoo hin deemne manneen murtii aadaa kanaan dhimmasaa fixata. Inni biraan ragaan sobaa baayyee hir’ataa jira. Manni murti aadaa kun kakuunsaa cimaa waan ta’eef namni deemee sobaan hin kakaatu,” jedhan.

Waggaa tokko keessatti qofa manneen murtii aadaa Oromiyaa keessatti hundaa’anitti galmeewwan kuma 300 caalan akka dhihaatanii fi kana keessaa galmee hunda jechuutti sadarkaa dhihaatun furmaata argataniiru jedhan.

“Yeroo ammaa uummanni mana murtii idilee dhaquu mannaa ganda isaatti mana murtii aadaatiin furmaata argachuu filachaa jira. Manni Murtii Aadaa akka mana murti idilee mo’ataa fi mo’atamaa osoo hin taane dhugaatu baha waan ta’eef jireenya hawaasummaatifis qooda guddaa gumaacheera,” jedhan Obbo Gazaaliin.

Waggaa tokko kanatti aanaalee rakkoo nageenyaa qabaniin alatti aanaalee Oromiyaa hundatti manneen murti aadaa kuni hojii jalqabuu fi magaala Finfinneetis tajaajilli kun jalqabamuu eeran.

Bu’aa manneen murti aadaa sirna haqaa keessatti fidan kun akka biyyaatti muuxannoo gaarii waan ta’eefis naannoo Tigraayiin alatti naannoleen biyyattii hundi muuxannoo naannoo Oromiyaa kana fudhachuun hojiitti hiikuuf aadeemsarra jiraachuus eeran.

“Naannoo Tigraayin alatti naannoleen hundi nu bira dhufanii muuxannoo kana qooddataniiru. Manneen murti aadaa kana akkaataa aadaa naannoo isaanitiin hojiirra oolchuuf adeemsarra jiru. Kun kan agarsiisu hangam hojiin manneen murtiii aadaa kun bu’a qabeesssa akka ta’edha,” jedhan.

Oromiyaa keessatti yeroo ammaa manneen murtii Aadaa 2,600 tahantu tajaajila seeraa karaa aadaa kana kennaa jira.

Manneen murti aadaa kunneen fudhatamni hawaasa keessatti argate olaanaa waan ta’eef magaalaa Finfinnee keessatti qofa osoo hin taane saboonni biroo Oromiyaa kutaa adda addaa keessa jiraatanis dhimma isaanii achii geeffachuun furmaata argachuun waan baratamaa ta’eeras jedhan.