Haqa: Mana murtii aadaa Oromiyaan hundeessuuf jirtu maaltu kan idileen adda taasisa?

Oromoonni seera ammayyaatiin cinaatti dhimmoota hawaasummaa keessatti isa mudatan, kan akka waldhibdeewwan maatii fi ollaa akkasumas kan gosaa jaarsummaadhaan furata.

Jaarsi himata gama lamaanii dhagahee dubbii madaalee kan balleesse adabee kan miidhame akka kiisamu godha.

Naannoo Oromiyaas duudhaa uummanni Oromoo ittiin waldhibdee fi rakkoo furatu kana karaa beekamtii seeraa qabuun akkka hojjetuuf mana murtii aadaa hundeessuuf jiraachuu Manni Murtii Waliigala Oromiyaa BBCtti hime.

Mana Murtii Waliigala Oromiyaatti Daayirektara Dhimmoota Kominikeeshinii kan tahan Obbo Gonfaa Atoomaa, manni murtii aadaa hundaa'uuf jiru kun ba'aa manneen murtii idilee irra jiru hir'isa jedhan.

"Waldhabdee hawaasa keessatti mudatu karaa aadaa fi duudhaa hawaasaa hordofeen mana murtiin furu jechuudha. Kan inni itti fayyadamamus seerota mana murtii idilee osoo hin taane, seera aadaa (Customary Law) dha," jedhan.

Hundeeffamni mana murtii aadaa kunis Heera mootummaa federaalaa, kan Naannoo Oromiyaa fi labsii aangoo fi gurmaa'insa manneen murtii naannoo Oromiyaa 216/11 bu'uura godhachuun jedhu.

Manneen murtii aadaa kun duudhaa hawaasa Oromoo fi sirna Gadaa irratti kan hundaa'ee hojjetu waan ta'eef, gumaachi guddina duudhaa Oromootiif qabaatus laayyoo miti jedhu Obbo Gonfaan.

Manneen murtii naannoo Oromiyaa keessatti aramaniitti waggaatti galmeewwan miliyoona walakkaadhaa olta'antu ilaalama.

Qorannoo mana murtii aadaa kana hundeessuuf taasifameen, iddoowwan duudhaan Oromummaa cimee jirutti lakkoofsi galmeewwan himataa gadi aanaa ta'uus himu.

Akka fakkeenyaattis, ''Boorana bakka aadaan gabbataan dhimmoota aadaan furuun jirutti galmeen waggaatti ilaalamu gadi aanaadha. Dhimmi aanaalee Booranaa hundatti waggaatti ilaalamu naannoo biraatti kan aanaa tokkotti ilaalamuun gadi" jedhan.

Manni murtii aadaa kun 'jaarsummaa jaarmiyoomedha' jedhan Obbo Gonfaan.

"Manni murtii aadaa kun jaarsummaa gurmaa'insa mataasaa qabudha. Sadarkaa gandaa fi aanaattis caasaa ni qabaata. Sirna of danda'ee diriire qabaachuu qofatu Jaarsummaarraa adda godha" jedhan.

Hariiroo manneen murtii idilee wajjin qabaatan kan ilaaleenis manni murtii aadaa adeemsa ol iyyannootiin mana murtii idileetti darbuu akka danda'u dubbatan.

"Dhimmi mana murtii aadaa sadarkaa gandaatti ilaalame ol iyyannoodhaan mana murtii aadaa kan aanaatti ilaalamuu dandaha. Sanirra darbee murtii isaan kennan dogogora adeemsa seeraa kan ofkeessatti qabu yoo ta'e, gara mana murtii idilee kan Godinaatti dhihaatee ilaalama" jedhan.

Abbootiin seeraa mana murtii aadaa kanatti hojjetanis kanneen ogummaa seeraa baratan abbootii seeraa idilee osoo hin taane, jaarsolii duudhaa sirna Gadaa beekanidha.

Abbaan Gadaa maalii jedhu?

Abbaan Gadaa Tuulamaa Goobana Hoolaa, Oromoon durumarraa kaasee duudhaa fi seerota hawaasummaatin rakkoo mudatu furachaa ture jedhan.

Manni murtii aadaa amma hundaa'u kunis duudhaa Oromummaa rakkoo ofiin furachuu sirna Gadaa keessa ture kan deebisudha jedha.

"Oromoon seera tumatee walbulchaa ture. Kaleessa diinni kana harkaa balleessee seera ammayyaa kana qofatti akka bulu ta'e. Duudhaan kun hawaasa keessa sirritti jira. Keessattuu bakka sirni Gadaa hin laafinitti uummanni keenya iftoominaan rakkoo isaa furachaa jira" jedhan.

Dhimmoota nageenyaa fi biyyaa irratti jaarsummaan Abbootiin Gadaa karaa aadaatiin akka furamuuf taasisan yeroo tokko tokko fiixa hin bahin hafa.

Rakkoon akkanaa kan muudatu duudhaan rakkoo jaarsummaan furuu bu'aa dhabuurraa osoo hin taane, qaama gatii jaarsummaa hin beeknetti jaarsummaa yeroo deemamudha jedhan Abbaa Gadaa Goobana Hoolaa.

"Oromoon jaarsummaa qe'ee abdii irraa qabu dhaqa. Akkanumatti ka'ee hin deemu. Warri jaarsummaa itti dhaqxu sunis warra duudhaa Oromumma beeku ta'uu qaba. Nama bu'aa jaarsummaa fi duudhaa Oromummaa hin beeknetti jaarsummaan hin dhaqamu" jedhan.