Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Aadaa: Araarri kan maanguddoo qofa akka hin taane dargaggoonni hubatan maal jedhu?
Yeroo baay'ee dhimmi araaraa yoo ka'e maanguddoota, abbootii amantaa, akkasumas namoota siyaasaa kan hirmaachisuudha.
Haata'u malee, dhiheenya kana dargaggoonni 'Anis yaada araaraa qaba' jechuun sadarkaa biyyatti yaada dhiyeessanii mo'achuun dhagahameera.
Ofii yaanni araaraa isan qabatan kun maal ture? Dargaggoota tokkoo hanaga sadaffaa bahan dubbisneerra.
Yaanni araaraa kun maal?
Abdiisaa Nugusee jiraataa magaalaa Bishooftuu yoo ta’u, Yunivarsiitii Wollootti barataa Muummee Seeraa waggaa shanaffaati.
Innis dorgommii Komishiiniin Nagaafi Araaraa Itoophiyaa Guyyaa Nagaa Addunyaa sababeeffachuun qopheesse irratti sadaffaa bahuun dorgommicha xumureera.
Dorgommichis mata-duree “Anis yaada araaraa qaba” jedhuun kan qophaa’ee yoo ta’u, namoota yaada araaraa qaban dorgomsiisuun warra 1-3’ffaa bahaniif waraqaa ragaafi waancaan kennameera.
Abdiisaan jaarsummaa rakkooleen adda addaa naannawa Bishooftuu jiran ittiin hiikkaman irratti xiyyeeffachuun ture kan waraqaa dorgommiisaa dhiheesse.
“Jaarsummaan aadaa Oromoo keessatti bakka guddaa qaba. Jaarsummaadhaan rakkooleen akka yakkaa, hawaasummaa, maatii ittiin hiikamuu danda’u. Jaarsummaanis gargaarummaa hawaasa jidduu jiru osoo hin bal’isin rakkoo jiru furuu danda’a.”
Ummanni akkaataa rakkoolee adda addaa itti furu adeemsa jaarsummaa mataasaa qaba. Anis adeemsa jaarsummaa ummanni ittiin fayyadamu kana as baase malee waan haaraa ummata keessa hin jirre miti.
Ummanni kun duramaanuu jaarsummaa kanaan rakkoosaa ittiin hiikaa ture jedha Abdiisaa yeroo yaadni araaraa inni ittiin dorgome kan ummatarraa dhufe ta’uusaa ibsu.
Gama biraatiin waraqaan qorannoo ani dhiheesse akka dargaggoonni aadaa fi dudhaasaanii baraniif isaan gargaara jedha Abdiisaan.
Dargaggoonni ammatti aadaasaanii dagataa jiru. Waraqaan qorannoo kunis akka dargaggoonni aadaasaaniifi jaarsummaa naannoosaanii jiru hubatanii isa keessatti ammoo qooda fudhataniif isaan gargaara jechuun hima.
Dargaggoonni aadaafi duudhaasaanii beekuu qabu. Rakkoon yoo jiratellee sirna Gadaa keessatti hammatamnee rakkoo san furuuf haa yaallu jechuun Abdiisaan gorsa.
Gara fuuldurattis namoota dorgommii kanarratti qooda fudhatan waliin ta’uun akkaataa waraqaa qorannoosaaniirratti hundaa’uun uummataa fi biyyasaanii ittiin gargaararratti hojjachaa akka jiran dubbata.
‘Manneen amantii nageenya eegsisuu keessatti gahee ol’aanaa qabu’
Daani’eel Daabaa magaalaa Finfinneetti dhalatee guddate. Innis barnoota IT’n eebbifame.
Daani’eel dorgommii ‘anis yaada araaraa qaba’ jedhurratti manneen amantii nagaa fiduu keessatti qooda olaanaa bahan qabu jedhu irratti waraqaa qorannoo dhiheessuusaa dubbata.
Jalqabarratti bakka hojiisaatti qooda manneen amantii nageenya fiduu keessatti qaban irratti hojjachuuf qophiirra kan turee fi boodarratti anis yaada araaraa qaba jedhuun dorgommii jiraachuusaa akka dhagahe yaadata.
Kanarraa ka’uudhaan kan bal’isee hojjachuu barbaade.
Boodarratti manneen amantii nageenya fiduurratti rakkoo mul’ate maal inni? Jabeenyisaanii hoo maal? Kan jedhurratti hojjachuusaa hima.
Daani’eel lammiileen Itoophiyaa manneen amantii keessatti guddachuusaanii keessumaayyuu Macaafa Qulqulluu yookiin Qur’aan qara’aa guddachuusaanii eeruun, nagaa eegsisuu keessatti manneen amantii gahee ol’aanaa akka qaban dubbata.
Kana qofa osoo hin taane dhimmoota araaraa sadarkaa biyyaatti taasifaman irratti namoota hirmaatan keessaa abbootiin amantii qooda akka qaba hima.
Qabxiileen kunneenis nageenyaa fi araara keessatti wantoota barbaachisoo akka ta’an Daani’eel ni hima.
Hordoftoonni amantii adda addaa abbootii amantiisaanii waan dhagahaniif yaadni nageenyaa fi araaraa gamasaaniitiin dhufuu qaban kan jedhe Daani’eel, dhimmi araaraas gama abbootii amantiitiin osoo raawwatamee gaarii akka ta’e hubachuusaa hima.
Nageenyi sadarkaa dhuunfaarraa jalqaba kan jedhu Daani’eel; dargaggoonni boruuf yaadu nageenya ofiisaa akkasumas kan namoota biroo eeguun ofiisaarra darbee nageenya biyyaa eeguu keessatti gahee akka qabaatu hima.
Yaadni nageenyaa fi araaraa kun durumaanuu hawaasa keessa jiraachuu yaadachiisuun “isa hawaasa keessa jiru akkamitti gabbisuun danda’ama” jedhurratti xiyyeeffachuusaa BBC’tti himeera.
Waa’ee nageenyaa dargaggootaa fi ijoolleerratti xiyyeeffachuun hojjachuu akka barbaadu ibsuun abbootiin amantiis dhimma kanarratti xiyyeeffannaan hojjachuu akka qaban dubbateera.
Nageenyi dargaggummaa, miiraa, sabaa fi hundaa ol akka ta’e hima.
Daani’eelis dhimma kanaratti Komishinii Araaraa fi Nageenya Itoophiyaa waliin hojjachuu akka barbaadu dubbateera.
‘Araaraa fi nageenya biyya keenyaarratti dubartootaa fi dargaggoota hirmaachisuun barbaachisaadha’
Tasammaa Gammadaa Koonsotti dhalatee kan guddate yoo ta’u, barnootasaa digirii duraa Ikoonomiiksiin eebbifameera. Innis yaadni araaraa dorgommichaaf dhiyeesse yaada araaraa aadaa hawaasa Koonsoo biraa jirudha.
Yaada araaraa aadaa keessatti yeroo baay’ee kan hirmaatan namoota umurii guddatan, maanguddoota ta’uusaanii ibsuun akka hubannoosaatti dargaggoonni sirna araaraa keessatti yeroo hirmaatan hin argine.
Maanguddoo birattis dargaggoon akka aadaasaanii hin jaalanne godhanii ilaaltu jira kan jedhu Tsammaan; dargaggoonni ilaalcha ‘aadaa boodatti hafaati’ jedhanii hubachuun akka jiru hima.
Garaagarummaa dhaloota jiddutti jiru kana dhiphisuuf dargaggoonni sirna araaraa keessatti hirmaachuun gaarii ta’uusaa dargaggoonni yaaduu qabu jedha.
Murteewwan araaraa gama aadaatiin darban mirgoota namummaa kan cabsa, bilisummaa amantii kan dhiiban ta’uusaanii yeroon hubate jiraachuu himuun abbootii amantii fi jaarsota biyyaatiif dhimma kanatti leenjiin osoo kennamee dargaggoota hirmaachisuun ni danda’ama jechuun BBC’tti himeera.
Tasammaan dargaggoonni adeemsa araaraa fi nageenyaa keessatti waldhabdee hir’isuu fi hambisuuf furmaatadha jechuun ibsa.
Waldhabdeen namoota jiddutti mudatu bal’atee nageenya biyyaa booressuu akka danda’u hubachuun; waldhabdee mudatu sun rakkoo diinagdee fi hawaasaa fiduu danda’a jedha Tasammaan.
Dargaggoonnis rakkoolee akkanaa ilaaluun irraa barachuu qaba jedha.
Araaraa fi nageenya biyya keenyaarratti dubartootaa fi dargaggoota hirmaachisuun barbaachisaadha jechuun yaadasaa kenna Tasammaan.
Dargaggoonni kutaalee biyyattii adda addaa keessa jiran yaada araaraa fiduun marii taasisuun irraa barachuun nageenya waaraa fiduu keesssatti akka filannotti waan dhiyaachu qabu ta’uusaa hima.
Tasammaa Gammadaa komishiinii dorgommicha qopheesse waliin hojjachuu akka barbaadu BBC’tti himeera.