Pirezidant Shimallis Abdiisaa hidhattoota WBO galaaniin 'ni ijaarra' kaaniin 'gadi teenyee haa mariyannu' jedhan

Pirezidantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa, hidhattootni WBO ''kumootaan lakkaa'aman karaa nagaa galaa jiru'' jedhanii, warra hafan waliinis mariin akka godhamu waamicha taasisan.

Obbo Shimallis yaada miidiyaa hawaasaa isaanii gubaa maxxansan irratti miseensota hidhattoota WBO galaa jiraaniif ''Mootummaanis akka duudhaa keenyaatti dhiifamaafi gammachuu guddaan isaan simachaa jira'' jedhan.

Lola waggoota shaniif kutaalee Oromiyaa adda addaa keessatti qaamolee nageenyaa mootummaa fi WBO gidduutti adeemaa ture marii nagaan furuuf mariin araaraa jaarsummaa US fi qaamolee biroo hedduun marsaa lamaan gaggeefame milkii dhabuu booda lolli ittifufuu BBC'n kutaalee hawaasaarraa iyyafachaa ture.

Haata'u malee waajiraaleen kominikeeshinii mootummaan naannoo Oromiyaa sadarkaan jiran torbanoota muraasa darban kutaalee Oromiyaa adda addaa keessatti miseensonni hidhattootaa hedduun karaa nagaa harka kennaachaa akka jiran suuraan dabaaluun gabasaaa jiru.

Tarkaanfii raayyaan Ittisa biyyaa fudhatuunis iddoowwan bilisa bahanii jedhanii fi hidhattootni ajjeefaman jiraachuu gabaasan.

Pirezidant Shimallis ''yeroo ammaa kana hidhattoonni kumaatamaan lakkaa’aman waamicha nagaa mootummaa fudhachuun galaa jiraachuun, shira diinota keenyaatti dammaqaa dhufuu dargaggoota keenyaa kan agarsiisudha'' jedhan.

Yaadni pirezidantichaa kun kan dhagahame, hiree hidhattoota amma harka kennatanii galaa jiru jedhamuu fi ajjeechaa namoota nagaarratti raawwaturratti BBC'n aanga'oota naannichaaf gaaffii dhiyeessee deebii eegaa wayita jiruttidha.

Pirezidanti Shimallis ''warri hafanis, shirri diinota keenyaa kan ittifufu ta’uu hubatanii, waamicha nagaa kana fudhatanii, wareegama hin malle kaffaluu jalaa akka of baasaniif waamicha irra deebii dhiyeessuun fedha'' jechuun waamicha yeroo hedduu dhiyeessan haaromsaniiru.

Itti dabaluun garaagarummaan siyaasaa qawween furama yaada jedhutti goolabuun gahee hundaati jedhan.

''Garaagarummaan siyaasaa kaleessas tureera; har’as ni jira; borus ni jiraata. Garuu, boqonnaa qabsoo garaagarummaan siyaasaa akka afaan qawweetiin furamuutti itti yaadamu cufuun dirqama hunda keenyaa ta’uu qaba.''

Mariin nagaa ammallee ittifufee akka gaggeeffamu hidhattootaaf waamicha godhan.

''Hidhattoota garaagarummaa jiru sibiilaan furuuf ifaajaniif, karri mootummaa marii nagaatiif banaa ta'uu irra deebiin mirkaneessaa, gadi teenyee mari’achuun imala dargaggeeyyiifi ummata keenya gara nagaa, tokkummaafi badhaadhinaatti akka taasisnu imaanaa jechuun barbaada.''

''Garaagarummaa ilaalcha siyaasaa sibiilaan furuuf jecha dhaloota egeree sabichaa ta’e qisaasuun dhaabbachuu qaba. Maatiif gaaddidduu walii ta’uufi mararfannaa walii qabaachuutu aadaadha'' jedhan Pirezidant Shimallis.

Kun kanaan osoo jiruu hooggantootni dhaabbilee siyaasaa mormituu sadii haala qabatamaa qabsoon karaa nagaa biyyattii keessa jiru yeroo kamuu caala danqamee yaaddoo keessa galuu dubbatu.

Ajjeefamuu qondaala siyaasaa ABO wajjin walqabatee yaada kan kennan hooggantootni dhaabbilee mormituu sadii ajjeechaan Obbo Battee torban darbe raawwatame ''kan siyaasaati, qabsoo karaa nagaa godhamu abdii kutachiisa'' jedhanii ture.

Hidhattoota karaa nagaa galan ''irratti xiyyeeffannoon hojjechaa jira'' kan jedhan bulchaan Oromiyaa, 'sagantaalee garaagaraa jiruufi jireenya isaanii deebisanii akka gadi dhaabbatan qofa osoo hintaane, qaama misoomaa isaan taasisan... hojiirra oolchuu eegalameera'' jedhan.