Marii nagaa Mootummaafi WBO milkii dhabe; Maaltu itti aana?

Mootummaan Itoophiyaa fi Waraanni Bilisummaa Oromoo lola kutaalee Oromiyaa adda addaa keessatti gaggeessan karaa nagaa xumuruuf mariin gaggeessan milkii malee xumuramuu Kibxata Sadaasa 21, 2023 ibsaniiru.

Mariin nagaa marsaa lamaan gaggeefameefi waliigaltee nagaa buusuu danda'uun xumurama jedhamee eegame dantaa qaamoleen lamaan kennanii fudhachuu barbaadan irratti walirraa fagoo ta'uun sababa ijoodha.

Gorsaan Nageenyaa Ministira Muummee Ambaasaaddar Redwaan Huseen mariin nagaa milkii malee goolabamuu yoo ibsan, sababni ijoon ''adeemsa danqaa uumuufi fedhiin dhugoomuu hin dandeenye gareen kaan [WBO] qabate'' akka ta'e ibsan.

Ministeerri Tajaajila Kominikeeshinii mootummaa ibsa baaseen ammoo WBO gaaffiilee sabaa fi sabblamiileen Itoophiyaa waggaa 60 kaasanii deebiin irratti kennamee dhumate qabatee dhufe jedhe.

Waraanni Bilisummaa Oromoo gama isaan ibsa baaseen ''Carraan seena qabeessi kallattii sirriin tarkaanfii guddaa deemsisuu danda'u kun kan fashale mootummaan Itoophiyaa adeemsa isaa sirreessuu hanqachuuni,'' jedhe.

Itti dabaluunis, ''Fedhiin mootummaa Itoophiyaa hooggansa WBO ofitti makuu malee rakkoo bu'uuraa nagenyaafi siyaasa biyyattii furuurraa kan maqeedha'' jedhe.

Mariin kun milkaa'uu dhabuutti namoonni siyaasafi hawaasni mufii itti dhagahame karaa garaa garaan ibsataa jiru.

Hayyuun siyaasaa Jawaar Mohaammad fuula miidiyaa hawaasaa gubbaatti akka barreessetti marii marsaa lammataa kanaan yoo xiqqaate walii galtee waraana dhaaburra ni gahu kan jedhu miira namoota hedduu ta'uu ibsuun "bakka marichi irraa ka'e yoo ilaalle karaa fagootu deemame" jedhe.

Qaamoleen lamaanuu sadarkaa harka wal-miccirurra gahanii osoo hin taane fedhii mariif qabaniifi dhiibbaa hawaasa addunyaan mariyachuuf dhiyaachuu kan himu xinxaalan siyaasaa Jawaar Mohaammad "ammayyuu marii malee furmaanni biraa hin baasu' jedhee akka amanu barreesse.

Gazexessituu gameettiin siyaasa xiinxaltu Tsadaalee Lammaa yaada BBCf kenniteen, ''abdii qabaachuudhaaf carraan mariitti deebiyan ni jirata jedheen yaada" jechuun keessumaa ibsi mootummaan baase fuulduratti carraa marii jiraatu kan ukkaamse ta'uu himti.

''Jechoota fayyadaman yeroo ilaallu kan nama yaaddessudha... ibsa jarri lamaan baasan yeroo ilaallu carraa isaan deebiyanii mariif wal argan dhiphaa fakkaata. Gama Waraana Bilisummaa Oromootiinis yeroo ilaaltu, carraa seena qabeessa ta’etu osoo hin milkaa'iin hafe jedhe. Abdii kutannaatu keessaa mul’ata. Kana yeroon ilaalu na yaaddesseera.''

Hayyuun siyaasaa Jawaar Mohaammad ammoo mootummaafi WBOn akkuma ummataa marsaan kun labsii waliigaltee araaraatin xumurama abdii jedhu qabatanii dhiyaatan jechuun "bakka yaadan gahuu dhabuu isaaniitiin miira dallansuu keessa seenan. Sababa kanaanis marii marsaa itti aanuutiif bifa karra saaquun osoo hin goolabin addaan bahan" jedha.

Nagaan Itoophiyaatti akka bu'uuf xiyyeeffannoon hawaasni agarsiisan kan hin eeggamneefi carraa guddaadha kan jedhu Jawaar, "yeroo dhimmi keenya xiyyeeffannaa argate kanatti ariitifi gamnummaan itti fayyadamuun barbaachisaadha. Carraa kanatti fayyadamuu dadhabnee qisaasnaan garuu yeroo dheeraaf gaabbuuf teenya" jechuun yaaddoo qabu ibsuun qaamoleen lamaanuu wal-madeessufi dibbee waraanaa dhaanurra balbala marii marsaa biraa akka hin cufne dhaame.

Maaltu Ittaana?

Ji'oota jaha dura mariin jalqabaa qaamolee lamaanii Taanzaaniyaa Odola Zaanzibaaritti wayita gaggeefamee xumuramu qaamoleen lamaan ibsa baasaniin marichi ''wal hubannaa uumuun, marii marsaa lammataafis haala mijeessuun milkaahaa ture'' jechuun ibsanii tura.

Yeroo san mariin marsaa lammataa yoom akka itti fufu hin ibsine ture.

Ibsa qaamoleen lamaan Kibxata darbe dhuma marii marsaa lammataarratti kennan keessa garuu mariin marsaa biraa gaggeefamuu akka danda'u wanti akeeku gama lamaan irraahuu hin dubbatamne.

Ministeerri Tajaajila Kominikeeshinii mootummaa ibsa Kibxata baaseen qaamolee birmadummaa biyyaa kabajanii mariif dhiyaatan kamuu waliin mariin rakkoo jiru furuuf ammallee qophii ta'uufi akka carraaqus ibseera.

Ammoo ''haala raayyaa ittisaan wal fakkaatuun hidhannoo qabachuu, haguugguu marii nagaa jedhuun 'likkiftii' mootummaa keessatti mootummaa biraa ta'uun, shaakaluun adeemsa hamaa biyya diiguu danda'uudha jedhee amana'' jedhe.

''Kanaafis mootummaan lola dirqamee itti gale kana xumuruuf osoo hin laaffisin tarkaanfii fudhachuun biyya cimsuufi gaafatama heeraan qabu bahachuu itti fufa.''

Kun kanaan osoo jiruu Ministeerri Raayyaa Ittisa Biyyaa ibsa Roobii, Sadaasa 22 baaseen, ''humni eegduu rippaablikichaa miseensota shororkessitoota Shaneerratti tarkaanfii fudhateera'' jedha.

Miseensota WBO godina Shawaa Kibba Lixaa naannoo Sabbataa, Hawaasiifi Qarsaa keessa socho'an irratti ''tarkaanfii keessa deebii hin qabne'' ittiin jedhe fudhachuu ibse.

Tarkaanfii tibba kana fudhateen hooggana hidhattootaa sadarkaa shaabaliirra jiru tokkoofi miseensota 13 ajjeesuu Raayyaan ittisaa hooggana kutaa waraanaa isaa waabeffachuun ibseera.

Ministeerichi meeshaalee waraanaa hidhattootni qabatanii turan booji'es lakkoofsaa fi gosaan ibseera.

Uummatni duula kana keessatti deeggarsa gochuu himuun, deeggarsichi fuula durattis akka itti fufu gaafateera.

Ibsi qaamoleen mootummaa lamaan baasan kunniin bakka sochiin hidhattootaa jirutti walitti bu'iinsi akka itti fufuu malu akeeka.

WBO mariin nagaa milkii malee goolabamuu duuba maaltu akka itti aanu ifatti waan dubbates ta'e wantoota akeekuu danda'an hedduu hin jenne.

Haata'u malee Ajajaan Waraana Bilisummaa Oromoo 'Jaal Marroon' ibsi Kibxataa bahuu guyya muraasa dura marii karaa Zoom bakka bu'oota deeggartoota ABO-WBO waliin haasaa godhaniin ''Oromoon hojiin ijaaramuu qaba,'' yaada jedhu dubbatanii ture.

Itti dabaluunis ''waan amma deemaa jiru kana sana jechuu hin barbaadu. Naamusa isaas miti waan taheef. Garuu qormaata guddaatu fuuldura keenya jira. Kana beekaa'' jedhee ture.

Barreessaa Olaanaan IGAD fi Ministirri Dhimma Alaa duraanii mootummaa Itoophiyaa Dr Warqinee Gabayyoo garuu ''qaamolee lameen dhimmoota irratti osoo walii hin galiin hafan furuudhaaf marii marsaa biraa akka qopheessan abdiin qaba'' jedhan.