Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
IGAD mootummaan Itoophiyaa fi WBO marii biraa gaggeessuun wal dhabdee isaanii akka furan gaafate
IGAD mootummaan Itoophiyaa fi Waraanni Bilisummaa Oromoo dheebuu nageenyaa uummataa guutuuf jecha marii nagaa jalqaban marsaa biraan akka itti fufaniif gaafate.
Marii nagaa Mootummaa Itoophiyaa fi WBO gidduutti guyyootaaf Tanzaaniyaa magaalaa Daare Es Salaamitti gaggeeffamaa ture waliigaltee malee xumuramu qaamooleen lamaanuun beeksiisaniiru.
Maricha IGAD, Ameerikaa, Keeniyaa fi Noorwey qindeessuun deeggarsa gochaa akka turan himame.
Milkii marii kanaaf ifaajuu fi haala mijeessuu kan ibse IGAD, adeemsa marii nagaa kamiyyuu keessatti yeroon ulfaataa fi wal xaxaa oolchuun hin danda'amne ni mudata jedhe ibsa dhimma kanarratti baaseen.
Qaamoleen marii kana keessatti hirmaatan hunduu fedha uummata Itoophiyaaf jecha marii nagaa kana itti fufsiisuuf akka hojjetan gaafate.
Barreessaa Olaanaan IGAD fi Ministirri Dhimma Alaa duraanii mootummaa Itoophiyaa Dr Warqinee Gabayyoo, qaamolee lamaan marii nagaa kana irratti hirmaatan galateeffachuun, addatti bakka bu'oota US fi Noorwey marichaaf deeggarsa gochaa turan leellisaniiru.
Dr Warqineen ''qaamolee lameen dhimmoota irratti osoo walii hin galiin hafan furuudhaaf marii marsaa biraa akka qopheessan abdiin qaba'' jedhan ibsa dhaabbati saanii baaseen.
Wal dhabdee isaanii furuuf yaalii godhamu keessatti deeggarsa guutuu kennuuf qophii tahuus ibseera.
Gama biraatinis Minister Deetaa Ministera Nagaa Itoophiyaa kan tahan Obbo Taayyee Danda'aa, mariin nagaa mootummaa fi WBO fashalaa'uun isaan gadduu ibsan.
Obbo Taayyeen barreeffama fuula Feesbuukii isaaniirratti qoodaniin, marichi akka hin milkoofne shirri jiraachuu akka malu akeekkan.
''Shirri jiraatuu shakkii hin qabu. Garuu abbaan shira kanaa eenyu? Amma waan ifa gale fakkaata. Wayita mariin deemaa tureetti dibbee waraanaa tumuun tolaaf hin turre.
''Waraana ganna shan guutuu hin dhumin gaafa mariin eegalu fixuuf dhaadatuun fayyummaa hin turre. Maricha fashalsuu fi gadadoo sabaa dheeressuun dura murtaayuu yoo san agarre. Gadadoon haadha hiyyeessaa guddoo nama dhukkuba,'' jedhan Obbo Taayyeen.
Mariin nagaa marsaa jalqabaa fi marsaa lammaffaa Tanzaaniyaatti yeroo gaggeeffamaa turetti waraanni humnoota nageenyaa mootummaa fi WBO gidduu hammaatee ture.
Inuma bakkeewan adda addaatti waraana qaamolee lamaan gidduutti gaggeeffamuun wal qabatee namoonni nagaa ajjeefamuu BBC'n odeeffateera.
Malaammaltummaa fi rakkoo bulchiinsa gaarii biyyattii keessatti mul'atu ifatti qeequun kan beekaman aanga'aan mootummaa Obbo Taayyeen, ''mariin fashale jechaan salphaa fakkaata. Ammoo dubbii laayyoo miti. Warra hiree sabaa nyaatuuf cidha. Warra sabaaf dhukkubsatuuf garuu gadda hadhaayadha!, '' jedhan.
Naannoo Oromiyaatti waggoottan shanan darban keessa keessattuu erga hidhattoonni WBO mootummaa federaalaatiin wal dhabuudhaan bosanatti hafanii eegalee naannicha keessatti namoonni hedduun ajjeeffamuu gabafamaa ture.
Obbo Taayyeen qaama kam qeequ akka fedhan ifatti erruu baatanis, dubbiin isaanii uummanni ammayyuu nagaa barbaadu akka hin arganne eera.
''Maaliif gatii baafnee qabsoofne sila? Eessaa kaanee eessa geenye?'' jechuun qabsoo qeerroofi qarreewwan Oromoo bulchiinsa TPLF raasaniifi haarsaa lubbuu itti kanfalan sana yaadatan maxxansa isaanii irratti.
Ibsi mootummaa Itoophiyaa fi WBO maal jedhan?
Mariin lola Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) fi Mootummaa Federaalaa gidduu jiru goolabuuf gaggeefamaa ture milkii malee xumuramuu Mootummaan Itoophiyaa fi WBO ibsa qofa qofaan baasaniin beeksisan.
Mariin nagaa furmaata fida jedhamee hawaasa biratti abdatame kun milkaa'uu dhabuu isaatiif qaamoleen lamaanu quba walitti qaban.
Mariin nagaa qaamolee lamaanii guyyootaaf Taanzaaniyaa magaalaa Daaree Selaamitti gaggeefamaa ture milkii malee xumuramuu jalqaba kan beeksisan Gorsaa Dhimma Nageenyaa Biyyaalessaa Ministira Muummee kan ta'an Ambaasaaddar Redwaan Huseen turan.
Mootummaa Itoophiyaa bakka bu'uun marii kanarratti hirmaachaa kan turan Ambaasaaddar Reedwaan ''mariin marsaa lamaan Shanee/ WBO waliin gaggeessaa turre waliigaltee malee xumuramee'' jechuun X gubbaatti ibsan.
WBO gama isaan fuula X gubbaatti ibsa baaseen, ''haala Itoophiyaa keessa jiru uummata Oromoofi lammiilee biyyattii hundaaf tolchuuf mariin hooggana olaana hirmaachiisuun gaggeessaa turre'' milkii malee xumuramee jedhe.
Mootummaan Federaalaa ''lola kutaalee Oromiyaa garii keessatti gaggeefamaa tureen dararaa mudate goolabuu barbaade ture'' kan jedhan Ambaasaaddar Redwaan ''mata jabina qaama isa kan biraan waliigaltee malee xumurame'' jedhan.
Mariin marsaa lammataa kun qondaalota waraanaa olaanoo qaamolee lamaanii hirmaachiisuun torban tokkoo oliif gaggeefamaa ture.
Ta'uus dhimmootni mariif dhiyaatan maal akka ta'an dabalatee adeemsa marichaa irratti hanga har'aatti odeeffannoon gahaan hawaasa bira gahaa hin turre.
''Adeemsi danqaa uumuufi fedhiin dhugoomuu hin dandeenye gareen kaan [WBO] qabate milkaahina dhabuu mariiwwan kanaaf sababadha'' jedhan Ambaasaaddar Redwaan.
Ambaasaaddar Reedwaan mootummaan fedhiiwwan jiran simachuuf ejjannoo isaa jijjiiruun ''furmaata qaama lamaaniinu fudhatama argachuu danda'u soqaa ture'' jedhan.
WBO ammoo ''marii Zaanzibaariifi kan Daar es Salaamirratti bulchiinsa naannoo Oromiyaarratti jijjiiramni guddaan akka dhufu wixinee qopheessinee ture'' jechuun mootummaan wixinee dhiyaate fudhachuu hanqachuu akka sababaatti kaase.
''Fedhiin mootummaa Itoophiyaa hooggansa WBO ofitti makuu malee rakkoo bu'uuraa nagenyaafi siyaasa biyyattii furuurraa kan maqeedha jedhe.
''Carraan seena qabeessi kallattii sirriin tarkaanfii guddaa deemsisuu danda'u kun kan fashale mootummaan Itoophiyaa adeemsa isaa sirreessuu hanqachuuni'' jedha ibsi Waraana Bilisummaa Oromoo.