Diraamaa Maanchister Siitiin, Al Hilaaliin Waancaa Kilab Woorlid Kaappi keessaa bahe

Maanchister Siitii 3-4 Al Hilaal, tapha 'Club World Cup' 2025

Madda suuraa, Getty Images

Shaampiyoonaan Waancaa Kilab Woorlid Kaappii bara darbee maanchister Siitiin kilaba Sawud Arabiyaa Al Hilaaliin mo'amee osoo nuusa xumuraaf hin darbiin hafe.

Tapha galchii torba irratti lakkaa'ame kana irratti diraamaa hedduutu mul'ate.

Gareen Peep Gaardiyoolaa dorgommichi jalqabee hanga kaleessaatti osoo hin mo'amiin dhufe. Garuu Al Hilaal daqiiqaa xumuraatti Maan Siitii dorgommichaan ala godhe.

Taphoota afur irratti olaantummaan kan as gahan Maan Siitiin daqiiqaa kudhan keessatti galchii jalqabaa lakkoofsisan.

Bernaaldoo Silvaa, Haalaandii fi Fooden Maan Siitiif galchii lakkoofsisaniiru.

Maarkas Li'oonaardoo, Maalkoolmii fi Kuulibaaliin Al Hilaaliif galchii lakkoofsisaniiru.

Karra eegaan Al Hilaal lammii Morookoo tahe Buunoon, Ikay Gundohaanii fi Saaviniyoo jalaa kubba galchii tahuu malu oolcheera.

Kileboonni lameen daqiiqaa 90 keessatti qixa xumuranis sa'a dabalataa irratti Li'oonaardoo lakkoofsisuun Al Hilaal injifateera.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Bara 2021 waancaa Shaampiyoonsi Liigii Eeshiyaa kan mo'atan Al Hilaal gahumsa taphataa duraanii Cheelsii Kuulibaalii fi taphataa duraanii Maan Siitii Jaayoo Kaanseeloon ittisa irrattis jabaachuun galchii lakkoofsisanii darbaniiru.

Maan Siitiin taphattoota haaraa mallatteesise Riyaan Ayit Nuurii fi Raayindersi fa'aa hiriirsiseera.

Fiil Fooden ammoo jijjiiramee galuun galchii lakkoofsise. Omaar Maarmush akkasuma jijjiiramee galus Maan Siitii garuu nuusa xumuraaf dabarsuu hin dandeenye.

Karra eegaan Waancaa Adunyaa darbe irratti Morookoo waliin walakkaa xumuraaf gahe Buunoon yoo xiqqaate kubba kudhan galchii irraa oolcheera.

Jaayoo Kaanseeloon ammoo galchii lamaan lakkaa'aman keessaa qooda qaba. Taphataan kun Peep Gaardiyoolaa waliin wal dhabuun ture kilebicha keessaa kan bahe.

Taphataan Biraazil ganna 22 Li'oonaardoon ammoo kileba guddicha Piriimer Liigii irratti galchii lama lakkoofsisuu isaan yeroo dheeraaf yaadatama.

Dabalataan bara kana xumura waancaa Shaampiyoonsi Liigiif dhaqabuun PSG'n kan mo'ame Inter Miilaan osoo hin eegamiin kilaba Biraazil Filuminiiseen 2-0 mo'amee dorgommicha keessaa bahe.

Tiyaagoo Silvaa umurii isaa ganna 40'n garee isaa Filuminiisee irratti osoo galchiin hin lakkaa'amiin injifannoon aka bahaniif gargaareera.

Silvaan Cheelsii dhiisee erga bahee ammas injifannoo biraaf dhaqabaa jira.

Amma gara qe'eetti deebinee boqachuun qalbii haaraadhaan dorgommii haaraaf qophaa'uu qabna jedhan Gaardiyoolaan.

Waan ajaa'ibaa immoo taphataa Filuminiinsee Faabiyoo Deevsan Loopes Maayikl

jedhamu tapha 1,378 taphate. Dorgommii kana irratti taphataa isa dulloomaadha.

Bara 1997 tapha jalqabaa isaa taasise. Amma umuriin isaa waggaa 44dha. Inter Miilaan waliin yeroo taphatan gahumsa guddaa agarsisie.

Amma kilbni isaa Maan Siitii injifatee kan darbe Al Hilaal waliin morkata.

Kubba galchii tahuu malan afur oolche. Daqiiqaa dhumaa irratti kan miilan isaan deebise ammoo kilabni isaa bara darbe waancaa Libartaados mo'ate akka nuusa xumuraaf darbu gargaare.

Taphoota 507 irratti galchii tokkollee irratti hin lakkaa'amne. Kanaan rikardii qabateera.

Tiyaagoo Silvaa waliin waa'ee umurii isaanii walitti baacanis Silvaan akka dargaggeessa fakkaatu kan godhe ammoo isadha.

Silvaan waggaa 40. Ho'a 30C keessatti taphattoonni lameenuu gahumsa ajaa'ibaa agarsiisuun Inter Miilaaniin kuffiisan.

Akka Galmee dinqisiisoo 'Guinness Book of Records' jedhutti karra eegaan taphoota hedduu irratti hiriiruun rikardii qabate Piiter Shiiltan jedhama. Taphoota 1390 taphate jedha galmichi. Shiiltan garuu 1387 taphadhe jedha.

Innis rikardii isaa kana cabsuuf adeema.