Qondaalli KFO dhiyeenya dhaabicha keessaa bahan maaliif paartii haaraa hundeessuu filatan?

Obbo Dastaa Dinqaa

Madda suuraa, EPA

"Garaagarummaa ilaalchaa ana fi KFO gidduu jirutu miseensummaa keessaa akkan bahu nataasise" Obbo Dastaa Dinqaa.

Torbee darbe keessa miseensummaa paartii Koongirasii Federaalawaa Oromoo keessaa bahuusaanii kan beeksisan miseensi buleessi dhaabichaa Obbo Dastaa Dinqaa, paartii siyaasaa haaraa hundeessaa jiraachuu BBC'tti himaniiru.

Garaagarummaan ilaalcha siyaasaa isaanfi dhaabasaanii duraanii KFO gidduu jiru dhaabicha gadhiisuuf sababa akka ta'es himan.

Murtee isaanii kanas "callisee miiraan ka'amee osoo hintaanee yeroo dheeraaf itti yaadaafi xiinxalaa kanan turedha" jechuun ibsaniiru.

Garaagarteewwan isaanfi dhaabasaanii duraanii gidduu ture keessaa tokko dhimma filannoo waliigalaa marsaa 6ffaa akka ture kan himan Obbo Dastaan, KFO'n filannicharratti hirmaachuu dhabuunsaa sirrii akka hinturre kaasu.

"Filannoo marsaa 6ffaa keessaa KFO'n bahuusaatiin akka nama dhuunfaatti itti gammadaa hinturre. Kanaan dura filannoo keessa galaa turre: faayidaa argannes, miidhaa nurra gahes argaan ture" jedhan.

Haa ta'u malee KFO'n filannicha keessaa "dhiibamnee baane" jechuun filannicharratti osoo hinhirmaatiin hafuunsaa ni yaadatama.

Obbo Dastaa gama isaaniitiin, "guyyaa tokkoyyuu osoo hindhiibamin hafnee hinbeeknu. Dhiibbaan jiraachuusaarratti walii nan gala. Haa ta'uutii isuma keessatti akkuma duriitti filannoo keessa galuun faayidaa siyaasaa qaba" jedhan

'Mootummaaf galtuu hintaanu'

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Dhaaba siyaasaa sadarkaa biyyaalessaa hundeessuuf sochii taasisuu erga eegalanii waggaa tokko ta'uu kan himan Obbo Dastaan, namoonni KFO keessa miseensa koree giddugaleessaa turanfi dhaabicha gadhiisan lama ijaarsa paartichaa keessa akka jiran himaniiru.

Haa ta'u malee eenyummaa namoota lamaan kanaa dubbachuurraa ofqusataniiru.

Gama biraatiin 'KFO keessaa bahuun dhaaba biyya bulchu Paartii Badhaadhinaatti makamuuf jedhu' kan jedhu dubbatamaa jiraachuu kan himan Obbo Dastaan, yaadni kun sirrii akka hintaane himu.

"Paartii biyya bulchu keessa galuuf guyyaa tokkoyyuu yaadee hinbeeku, ammas waan akkasii hinqabu" jedhan.

Dabalataan dhaabni siyaasaa haaraan hundeessaa jiranis "mootummaaf galtuu" akka hintaane himan.

"Dhaaba hundeessuuf deemnu kana 'mootummaadhaaf galtuu ta'uufi, paartii mootummaa jala deemu ijaarufi' kan jedhu keessa keessa dubbatamaa tureera. Haa ta'uutii ani amalas ta'e fedhii akkasii hinqabu" jedhan.

Gama biraatiin kaayyoon ijoon paartii haaraa hundeessaa jiranii heerummaan (constitutionalism) lafa akka qabatufi olaantummaan seeraa akka mirkanaa'u gochuu akka ta'e Obbo Dastaan himaniiru.

Dabaluunis "walumaagalatti taphni siyaasaa biyya kanaa humnaafi qawween ala ta'ee mariifi haala ammayyaa'aa ta'een gaggeeffamuu qaba kan jedhudha" jedhan.

Gama biraatiin hanga gabaasni kun qindaa'utti dhimma Obbo Dastaa Dinqaa ilaalchisee Koongirasiin Federaalawaa Oromoo /KFO/ waan ifatti jedhe hinqabu.

Obbo Dastaa Dinqaa eenyu?

Yunivarsiitii Finfinneerraa ALI bara 1989 barnoota Seeraan kan eebbifaman Obbo Dastaa Dinqaa, jalqaba Abbaa Alangaa boodarrammoo Baankii Awaash keessa dubbi fixaafi itti gaafatamaa kutaa olaanaa deebisiisaa liqaa ta'uun hojjetaniiru.

Gama siyaasaan immoo jalqaba miseensa Koongirasii Biyyaalessaa Oromoo itti aansuun immoo ALI bara 2002 miseensa Koongirasii Uummata Oromoo /KUO/ akka ta'an himu.

Itti aansuunis ALI bara 2004'tti yeroo dhaabni isaanii Koongirasiin Uummata Oromoofi Waraaqsi Federaalistii Dimokiraatawaa Oromoo (WFDO) walitti makamuun Koongirasiin Federaalawaa Oromoo /KFO/ hundaa'u miseensa KFO ta'uun itti fufan.

Turtiisaanii KFO keessaatiinis Itti Gaafatamaa Liigii Dargaggootaa KFO fi gamtaa paartilee siyaasaa MADRAK, barreessaa Koree Odiitiifi Inispeekshinii KFO akkasumas Barreessaa Olaanaa MADRAK ta'uun hojjetaniiru.

Dabalataan Mana Maree Paartilee Siyaasaa Itoophiyaa keessas walittiqabaa ta'uun waggaa tokkof hojjetaniiru.

Kana malees ALI bara 2002 KUO bakka bu'uun Caffee Oromiyaatiif akkasumas bara 2007 immoo KFO bakka bu'uun aanaa Gindabaratitti Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataaf dorgomaniiru.