Naannoo Amaaraatti milishoota irratti haleellaan raawwatee ''yoo xiqqaate 39 ajjeefaman''

Buufata baqattoota Jaarraa

Madda suuraa, North Wollo Comm./fb

Ibsa waa'ee suuraa, Buufata baqattoota Jaarraa

Naannoo Amaaraa Godina Walloo Kaabaatti hidhattoonni kaampii leenjii milishootaa irratti haleellaa raawwataniin ''yoo xiqqaate namoonni 39'' ajjeefamuu kanneen ijaan argan dubbatan.

Aangawaan olaanaa Godina Walloo Kaabaa kaampii leenjii milishaarratti haleellaan raawwatuu BBC'f mirkaneessaniiru.

Miidhaa dhaqqabe ilaalchisee garuu odeeffannoon ''walitti qabamaa'' akka jiru ibsani.

Kaampiii Aanaa Habruu keessatti argamu kanarratti haleellaan kan raawwate ALI Wiixata Fulbaana 05, 2018 kan Kibxatatti bari'u halkan sa'aatii 10 irraa eegale ta'u jiraattonni sadii BBC'f himaniiru.

Kaampiin leenjii kuni buufata Jaarraa dhalattoonni Amaaraa Naannoo Oromiyaa irraa buqqa'aan AL Bara 2015 eegalee bakka buufatan biratti akka argamu ibsameera.

Jiraattonni buufata keessa jiraatan sadii akka dubbatanitti, kaampiin leenjii kuni kana dura bakka miseensonni Raayyaa Ittisa Biyyaa leenjii fudhatanidha.

Erga yeroo dhihootii immoo miseensonni milishaa naannichaa keessatti leenji'aa akka jiran dubbatan.

Jiraataan dahoo buqqaatota kanaa tokko ''[manni] keessatti leenji'aa turan kan nuti jiraachaa turredha,'' jechuun dubbate.

Buufata dahannoo baqattootaa Jaarraa keessa namoonni jiraatan bakki ollaa isaanii jiru wiirtuu leenjii humnoota nageenyaaf ooluusaa yaaddoo itti uumee akka ture iyyachuu himatu.

Maddi BBCn dubbise tokko , "Nuti jireenya keenya oolfachuuf as qubanne, maaloo bakka leenjii hin godhinaa, yoo bakkicha leenjiif oolchitan nuyi ammoo bakka biraatti nu geessaa jennee turre" jechuun duraanuu yaaddoo nageenyaa qabaachaa akka turan himu.

Jiraattonni akka jedhanitti hidhattoonni naannicha dhufuun milishoota leenjira turan irratti haleellaa gaggeessuun gara daqiiqaa 30 kan ta'uuf dhukaasni akka ture dubbatu.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Jiraattonni BBCn dubbise akka jedhanitti, erga dhukaasi dhaabatee lafti bari'ee booda waan mudate ilaaluf garas deemanii waan argan reeffa namoota du'anii arguu himu.

Jiraatan tokko, "Diina [hidhattoota] irraayi kan jedhame nama tokko kufee argeera. Warra leenji'aa turan irraa ammoo gara namoota 39 kan ta'anii kufanii argeera" jechuun waan argan himan.

Jiraatan biraa ammoo "Namoota du'an hanga 46 ta'an argineerra; kan madaa'an ammoo gara nama 52 ni ta'u," jechuun BBCtti himan.

Jiraattota buufata baqattoota Jaarraa keessaa namni sadaffaan BBCn dubbise ammaoo lakoofsi namoota du'anii kan warri kaan himan akka caalu ibsu.

"Lakkoofsi namoota du'anii 56 kan namoota madaa'anii ammoo 53" akka ta'e himu.

Namoonni haleellaa hidhattoonni gaggeessaniin miidhaman jedhaman waldhaansaaf gara magaalaa Waldiyaafi bakkeewwan biroo dhiyeenyatti argamanitti geeffamuu himu jiraattonni.

Hospitaala Waliigalaa Waldiyaarraa mirkaneessuuf BBCn yaalii godhee hin milkoofne.

Qondaalli mootummaa Godiina Wallo Kaabaa tokko milishoota leenjirra turan irratti haleellan raawwachuu BBCtti himan.

Lakkoofsa namoota du'aniifi miidhamanii akkasumas akkaataa itti haleellaan raawwatamuu danda'e qoratamaa jiraachuu himan.