Barattoonni Dodolaafi Amboorraa akka biyyaatti qabxii olaanaa fidan maal jedhu?

Madda suuraa, Social Media
Qormaata kutaa 12ffaa ALI bara 2017 kanneen qoraman keessaa barattoonni 48,920 qormaata yeroo darban 530,000 ol immoo kufaniiru.
Addattimmoo barataa Kaalid Bashir Dodolaarraa fi barataa Caalaa Garramaa immoo Amboorraa muummee saayinsii lamaan qabxii akka biyyaatti olaanaa ta'e galmeessani.
Barataa Kaaliid Godina Baalee magaala Gobbaatti dhalatee guddate. Tibbana maqaan barataa kanaa miidiyaa hawaasummaa dhuunfateera.
Kaaliid qorumsa biyyoolessaa Kutaa 12ffaa akka Itoophiyaatti qabxii olaanaa ,600 keessaa 591 galmeesisuun seenaa haaraa lafa kaa'e.
Barataan kuni gaaffiif deebii BBC waliin taasiseen, ijoollummaa isaarraa kaasee barataa qaxalee ta'uu hima.
Dilbata kaleessaa yeroo ministeerri barnootaa qabxii olaanaan akka Biyyaatti kan galmaa'e mana barumsa bultii addaa Dodolaa irraa ta'uun yeroo ibsamu waan itti dhagahame akkas jechuun hima.
"Dilbata sa'aatii 10 irratti ministirri Barnootaa ibsa kennaa turan. Qabxii olaanaan akka biyyaatti galmaa'e 591, innis mana barnoota bultii addaa Ifa boruu Dodolaa irraayi kan jedhun TV irraa dhagahe."
"Yeroon oduu sana dhagahu anamoo barataa biraati laata kan jedhu shakii keessan ture. Garuu namoonni baayyeen achi keessatti nabeekan dandeettiikee nibeekna, suma naan jechaa turan. Ani Rifaatuu fi gammachuu keessan ture" jedha.
Kaaliid halkan wixatatti bari'u kana miira walmakaadhaan dabarse. Qabxiin barataa hundaa wixata waaree booda yeroo gadhiifamu qabxii olaanaanakka biyyaa akkuma namni kaan himeef isuma ta'e.
"Gammachuu guddaatu natti dhagahame. Hammana jedhee waanan ibsu miti. Baayyee tokkon gammade" jechuun miira itti dhagahame hima.
Maaliin milkaa'e?
Kaaliid akka jedhutti, barnootarratti xiyyeeffanaa guutuu kennee hojjechuun milkaa'ina isaatiif bu'uura.
"Tokkoffaan jabaadhee hojjechuu kiyya. Lammaffaan manii barnootaa ani keessa ture mana barnoota bultii addaati. Haala barnoota alatti kennamurraa adda. Haalli barnootaa, hojmaannii fi barsiisonni achi keessa jiran hundi kaayyoon isaanii barnoota qofa"
"Hoggansis, barsiisonnis sirritti barnootatti nujajjabeessu. Barsiisonni haga halkan nuqoo'achiisuutti nudeeggaraa turan. Nutis dandeettii qabnu deeggarsa isaanitiin daballee waan guddaa hojjenne" jedha.
Barataan kuni kutaa 8 ttis qabxii akka godinaatti olaanaa ta'e galmeessisee darbe.
'Injinara sooftiweerii ta'uun barbaada'
Barataan qorumsa biyyoolessaatiin qabxii olaanaa galmeessise kuni yunvarsiitii seenuun barnoota injinariingii sooftiweerii barachuu fedhii akka qabu hima.
"Addunyaan amma keessa jirru addunyaa saayinsii fi teeknolojiiti. Kanaaf anis biyya kiyyas, maatii kiyyas, hawaasa kiyyas kara Kanaan olkaasuu karoora waanan qabuuf sooftiweer injinarii ta'uun fedha" jedha.
Kaaliid maatiin isaa namoota baratan ta'uu fi Obboleessi isaa hangaftimmoo barataa qaxalee akka inni ta'uuf akka isa qare hima.
"Obboleessi hangafaa, Abdulnaasir Bashiris barataa cimaadha. Barataa qabxii olaanaa galmeesseedha. Amma Xuqur Ambassaatti doktarummaa barachaa jira. Inni daa'imummaa kiyyarraa tapharra barnootatti akkan xiyyeeffadhu naqaraa ture."
"Isa galateeffachuu barbaada. Obboleetiikoo, Abbaa fi haadhakoos galateeffachuun barbaada" jedha Kaaliid.

Madda suuraa, EBC
Manni Barumsa bulti addaa Ifa boruu Dodolaa manneen barnoota bulti addaa mootummaan naannoo Oromiyaa dhiheeya bane keessaa isa tokko.
Mana barumsichaa barana yeroo jalqabaatiif barattootnisaa qorumsa kutaa 12ffaa qoraman.
Barataa Caalaa maal jedha?
Barataa Caalaa Garramaa ammoo mana barumsa bultii addaa Ifa Boruu Amboo irraa qorumsa kutaa 12ffaa baranaa irratti gama saayinsii hawaasaatiin barataa qabxii akka biyyaatti olaanaa ta'e galmeessise.
Godina shawaa lixaa aanaa Gindabaratitti dhalatee kan guddate barataan kuni, saayinsii hawaasaatiin 600 keessaa 562 fiduun sadarkaa duraa qabate.
"Qabxiin fide kuni akka biyyaatti gama barnoota saayinsii hawaasaatiin isa olaanaadha. Baayyeen gammade. Gammachuun kunimmoo kan saba hundaati. Qabxii gaarii akkan fidu baayyee hawwiidhaanin eegaa ture" jedha.
Caalaan erga mana barnoota bultii addaa Amboo kana seenee barnootarratti ciminni qabu haalan dabaluus hima.
"Mana barumsichaatti haalli hundi baayyee mijataadha. Sa'aatiin keenya, xiyyeeffannaan keenya hundi barnoota. Gargaarsi adda addaa, dhamaatiin barsiisotaa, deeggarsi hawaasa keenyaa, deeggarsi hayyootaa bu'aa kanaaf hamilee naaf kenne" jedha.
'Ikonomiksii barachuun fedha'…
Biyyi guddachuuf dinagdeedhaan cimuu qabdi kan jedhu caalaan, fuula duratti damee barnoota dinagdee barachuun biyyasaa tajaajiluuf hawwii guddaa qabaachuu hima.
Hariiroon barattoota waliin baratan waliin qaban, miirri dorgommii barattoota cicimoo ta'an kana gidduu jiru isa dabalatee hiriyoonnisaa kaanis qabxii gaarii ta'e akka galmeessisaniif gumaachuus hima caalaan.
Qabxii olaanaa galmeessise kanaaf warra qooda guddaa isaaf gumaachanis galateeffateera.















