Barattoota qormaata kutaa 12ffaa qoraman keessaa 8.4% darban - Pirof. Birhaanuu

Madda suuraa, EBC
Qormaata kutaa 12ffaa ALI Bara 2017 barattoota qoraman keessaa barattoonni 8.4% ta'an darbuu Ministeerri Barnootaa beeksise.
Bu'aan qormaataa barattoota kutaa 12ffaa guyyaa Dilbataa barameera.
Ministirri Barnootaa Itoophiyaa Pirof. Birhaanuu Naggaa Dilbata waaree booda ibsa miidiyaaleef kennaniin barattoonni 8.4% ta'an qabxii 50% fi isaa ol fidaniiru jedhan.
Qabxiin kuni qabxiiwwan waggoota muraasa darban galmaa'aa ture keessaa isa fooyyee qabudha. Pirof Birhaanuunis kanuma mirkaneessan.
Barattoonnii qabxii isaanii Wiixata sa'aatii 6:00 eegalee akka ilaalan Ministeerri Barnootaa beeksiseera.
Walumaagala barana barattoonni 48,920 qormaata darbuu isaanii himani.
Walumaagala barattoonni qormaata fudhatan immoo 585,882 ta'u ibsameera.
Barattoota Saayinsii Hawaasaa keessaa barattoonni 5.2% akkasumas kan Saayinsii Uumamaa keessaa 11.4% qabxii 50% fi isaa ol galmeessan jedhame.
Miidiyaaleen biyya keessaa akka gabaasanitti, qabxiin olaanaa saayinsii Uumamaan galmaa'e 591 dha.
Qabxiin kunis Mana Barnootaa Ifa Boruu Dodolaatti galmaa'uu gabaafameera.
Qabxiin olaanaa Saayinsii Hawaasaan galmaa'e immoo 562 dha. Kunis, Mana Barnootaa Bultii Addaa Ambootti galmaa'uu Ministeerri Barnootaa ibseera.
Barattoota karaa onlaayinii qoraman walumaagala 134,609 dha.
Kanneen keessaa barattoonni 29,233 qormaata kana darbuu Ministeerri Barnootaa ibseera.
Kunis, kanneen waraqaan qoramanirraa wayyaadha jedhan Pirof. Birhaanuu Naggaan.
Barattoonni 2,384 ta'an qabxii 500 ol fidullee ibsameera.
Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee, Harariifi Naannoon Amaaraa giddugaleessaan kanneen barattoota olaanaa dabarsan akka ta'an gabaafameeraa.
'M/Barnootaa 1,249 barataa hin dabarsine'
Akka ibsa Ministira Barnootaatti, manneen barnootaa 50 barattoota isaanii hunda dabarsaniiru.
Haa ta'u malee, manneen barnootaa 1,249 barataa tokkollee hin dabarsine jedhameera.
Akka Ministirri Barnootaa ibsetti, barattoonni 120 ta'an qormaata hatuuf osoo yaalanii qabamanii qabxiin isaanii haqameera.
Akkaataan kenniinsa qormaataa gaarii akka ta'e kan ibsan Pirof. Birhaanuun, bu'aan baranaa rifoormiin damee barnootaa kan itti mul'atu akka ta'e dubbachuun isaanii ibsameera.
Kana dura meeqa galmaa'e?
Guutuu Itoophiyaatti barattoota kutaa 12ffaa bara 2016 keessa qoraman keessaa kan darban ykn milkaa'an 5.4% ta'uu Ministeerri Barnootaa ibsuun ni yaadatama.
Guutuu Itoophiyaatti barattoota qormaata kutaa 12'ffaa (seensa Yunivarsiitii) ALI bara 2015 qoraman keessaammoo kan milkaahan 3.2% qofa ta'uu Ministeerri Barnootaa beeksisee ture.
ALI Bara 2014 barattoota qormaata kutaa 12ffaa qoraman keessaa qabxii giddugaleessaa 50% ol kan fidan 3.3% qofa ta'u Ministeerri Barnootaa ibsee ture.
Yeroos qabxiin bara 2014 galmaa'e ''rifaasisaa'' ta'u hubanna jechuun Ministirri Barnootaa Pirof. Birhaanuu Naggaa dubbachuun isaanii gabaafameera.















