Magaalaa Sudaan RSF qabateerraa namoonni 60,000 baqatan - UN

Madda suuraa, AFP via Getty Images
Magaalaa Sudaan el-Fashaar humna addaa Rapid Support Force(RSF)'n qabamuun booda namoonni 60,000 ol iddoo sanaa baqachuu Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanitti dameen baqattootaa ibseera.
Gareen RSF magaalattii baatii 18 qabachuun beelaafi dhukaasni hammaatee turuun booda haleellaa boodana raawwataniin gabaasni ajjeechaa jumlaafi yakki namoomaa raawwachuu bahaa jira.
Torbanoota darbanitti baqattoonni magaalaa el-Fashaara irraa gara magaalaa Tawiilaa(km80 fagaattu) deemaa jiranii dabaluu hojjettuun UNHCR BBCtti himteetti.
Namoonni baqachaa jiran kunneen gudeeddii dabalatee seenaa dararaa hamaa kan himatan yoo tahu, dameen baqattootaa UN dahoofi nyaata gahaa baqattoota kanaaf dhiyeessuuf rakkataa akka jiru himeera.
Daa'imni hundi hanqina nyaataan rakkachaa jira jechuunis himteetti.
Yeroo ammaa kanas namoonni 150,000 tahan magaalaa el-Fashaar keessatti danqamanii akka jirantu yaadama. Lixa Daarfuur keessatti iddoo kanatu waraana biyyattiin qabamee ture.
Gareen RSF himannaa ajjeechaa bal'aa geggeefame sabaummaa irratti kan xiyyeefateefi keessumaa kanneen Arab hin taanerratti qiyyaafate jedhamuu haaleera.
Milishaa ajjeechaa jumlaa raawwate jedhame Abuu Luluu hidhuu gareen RSF himeera.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Gareen kuni viidiyoo namni kuni qabamee yeroo hidhamu agarsiisu kan gadhiise yoo tahu BBC Verify milishaan kuni el-Fahsaar keessatti namoota hin hidhanne ajjeesuu mirkaneesseera.
TikTok akkaawuntii Luluu wajjin wal qabatu ugguruu BBC'f mirkaneesseera. Milishaan kuni akkaawuntii kana ofii to'ataa akka ture waan barame hin jiru.
Sudaan bara 2023tti ture erga waraana biyyattiifi RSf gidduu wal'aansoon aangoo hammaachuun booda waraanni jalqabe.
Waraanni kuni beelaafi duguggaan sanyii lixa Daarfuritti mudata jedhameef sababa taheera.
Guutummaa biyyattii keessatti namoonni 150,000 lola kanaan du'aniiru, kanneen miiliyoona 12 tahan qe'ee isaaniirraa buqqa'aniiru. UN kuni rakkoo namoomaa addunyaa isa bal'aaa dha jedheera.
Naannoo el-Fashaar qabamuun ammoo qoqqoodama biyyattii keessa jiru kan hammeessu mala.
RSF lixa Sudaan, ollaa Kordofaan gara kibbaan kan qabate yoo tahu, waraanni biyyattii magaalaa guddoo biyyattii Kaartuum, naannolee gidduugalaa, baha gara Galaana Diimaa jiru qabatee jira.
Qaamoleen amma wal lolaa jiran fonqolcha mootummaa bara 2021'n gara aangoo yeroo dhufan michuu turan. Tahus bulchiinsa siiviilii biyyattii keessatti dhaabuu irratti waliigaluu hin dandeenye.












