Aanga'oonni Masrii dhimma Itoophiyaarratti maal mari'atan?

Waggoota 15 darbaniif Hidhi Haaromsaa Guddichi Itoophiyaa madda waldhibdee Masirii fi Itoophiyaa ture. Ammas pirojektiin humna ibsaa Afrikaa keessatti isa guddicha ta'e kun erga eebbifamee warri Masirii himannaasaanii itti fufaniiru.
Masiriin erga pirojektichi eebbifamee torbanoota booda balaa lolaa Sudaanitti mudateef bulchiinsa hidha haaromsaa himatte.
Itoophiyaan garuu himannaa kana kuffisteetti.
Inumaa Hidhi Haaromsaa Guddichi ijaaramuun balaa lolaa Sudaan fi Masiriitti mudataa ture ni hambisa jechuun himannaan Masirii dhara akka ta'e ibse mootummaan Itoophiyaa.
Itoophiyaan ammallee marii itti fufuu fi qaama dhimmi ilaallatu hunda faana waliigalteerra ga'uuf fedhii akka qabdu ibsiteetti. Gama Masiriin deebiin dhagahamaa jiru garuu muddama kan hammeessudha.
Itoophiyaan hidha guddicha laga Abbayyaa irratti ijaarte xumurtee erga eebbisiistee booda Pirezidantii Masirii dabalatee aanga'oonni fi dippiloomaatonni biyyattii haasaa doorsisa of keessaa qabu ifatti taasisaa jiru.
Guyyoota dura Pirezidant Abdel Fattaa Al-Siisii Kora Bishaanii 8ffaa Kaayirootti taa'emarratti biyyisaanii dantaa biyyaa fi faayidaa bishaanii ishee kabachiisuuf tarkaanfii barbaachisu akka fudhattu dubbatan.
Haasaan pirezidantichaa kun ejjennoo Gamtaa Afrikaa, Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii fi Ameerikaan qabataniin walbira qabamee yoo ilaalamu, carraa mariif jiru gufachiisuu danda'a.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Pirezidantichi Masriin bulchiinsa hidha "ittigaafatamummaa hin qabne" jedhaniin kana biyyisaanii "harka marattee teessee hin ilaaltu" jedhan.
Dubbii Pirezidanti Al-Siisii kana hordofuun Ministeerri Bishaanii fi Inarjii Itiyoophiyaa deebii kenneen, haasaan pirezidantichaa fedhii Masriin laga Abbayyaa to'achuuf qabdu kan mul'isu ta'uu hime.
Haasaan akkanaa Itoophiyaa mirga laga Abbayyaatti fayyadamuuf qabdurraa duubatti hin deebisus jedhe.
Dubbii Al-Siisii dura Ministirri Dhimma Alaa Masrii Badir Abdellaatii dhimma Hidha Haaromsaa Guddicha Itoophiyaa Kora Waliigalaa UN irratti kaasuun, biyyi isaanii Itoophiyaa Mana Murtii Haqaa Idil-addunyaatti akka himattu ibsanii turan.
Qondaalli Masirii kun Itiyoophiyaan "murtee mataashee qofaan laga Abbayyaa irratti hidha ijaaruun lubbuu ummata Masrii fi Sudaan miliyoonaan lakkaa'aman balaadhaaf saaxilte" jechuun himatan.
UNtti bakka bu'aa itti aanaa Itiyoophiyaa kan ta'an Ambaasaaddar Yooseef Kaasaayee, "haasaan Masriin waa'ee Hidha Haaromsaa irratti dubbattu bu'uura kan hin qabnee fi kan nama dogoggorsudha" jechuun Himannaa qondaala Masirii kanaaf deebii kennan.
Yeroo ardiilee fi dhaabbileen idiladdunyaa akkasumas biyyoonni hedduun Itiyoophiyaa fi Masriin Hidha Haaromsaa irratti walii galteerra gahan gaafachaa jiranitti Masriin filannoo biroo barbaadaa akka jirtu wantoonni agarsiisan hedduudha.
Ministeerri Bishaaniifi Inarjii Itoopihyaa ibsa Onkoloolessa 13/2025 baaseen ilaalchi masaanummaa Masriin Itoophiyaarraa qabdu itti fufeera jedhe.
Masriin imaammata dogoggaraa ilaalcha bara koloniirratti hundaa'een Itoophiyaa waliin waltumsuu caala xiqeessitee ilaaluutti jirtii jedha ibsi Itoophiyaa kun.
Itti fufuun ''Itoophiyaan Abbayyattii fayyadamuun fedha bishaaniishee guuttachuurraa dhiibbaa kamiinuu boodatti hin jettu'' jedha.
Waltajjii Pirezidant Al-Siisiin biyyisaanii dantaa laga Abbayyaarraa qabdu kabachiisuuf tarkaanfii barbaachisaa akka fudhatan ibsanirratti Ministirri Muummee Masirii Mosxafaa Maadabuluu dhimma dantaa bishaan Masirii ''dhimma jiraachuu fi du'uu waan ta'eef mariif kan dhihaatu miti,'' jedhan.
Xumura Kora torbee Bishaanii 8ffaa irratti haasaa kan taasisan MM Mosxafaa Maadabuluu dhimma laga Abbayyaa irratti kan walii isaan galchuu danda'u mirgootaa ''seenaa fi seeraa'' eeraniiru.
Dantaan bishaanii Masirii bakka siyaasaa ykn marii akka hin taane kan ibsan MM kun, ''Masiriin mirga seenaa fi seeraa laga Abbayyaarratti qabdu mariif ni dhiheessiti jedhanii yaaduun abjuudha,'' jedhan.
Kunis waliigaltee bara bulchiinsa kolonii, biyyoota yaa'a laga Abbayyaa moggaatti hambisedha.
Bu'uura kanaan Masriin bishaan laga Abbayyaa ''seenaa fi seeraan'' kan ishee qofa akka ta'etti hubattee hafte.
Itoophiyaa dabalatee biyyoonni yaa'a Abbayyaa hafan as keessatti beekamtii hin arganne.
Waliigalteen bala kolonii kun bara 1959 Biriteeniin kan mallattaa'ee fi Masriif qooda bishaanii harka caalu kan kennedha.
Waliigaltichi Itoophiyaa, kan bishaan laga kanaa dhibbeentaa 85 ol dhiheessitu, kan hin dabalanne yoo ta'u, Masriin bishaan meetir kiyuubii biiliyoona 55.5, Sudaan ammoo bishaan meetir kiyuubii biiliyoona 18.5 akka argattu kan hayyamudha.
Itiyoophiyaan walii galteen bara kolonii hunda kan hin hammanne waan tureef biyyoota qarqara lagaa jiran gidduutti waliigaltee haaraan akka irra ga'amu gaafachaa turte.
Itoophiyaan ijaarsa Hidha Haaromsaa erga jalqabdee as biyyoota, Gamtaa Afrikaa, Ameerikaa fi Baankii Addunyaa gidduutti irra deddeebiin mariin gaggeeffamaa tureera.












